Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kadhannaan Dubartii Qaro Dhabeettii Tokkoo Deebii Argate

Kadhannaan Dubartii Qaro Dhabeettii Tokkoo Deebii Argate

 Dhugaa Baatuun Yaanmii jedhamtuu fi Eeshiyaatti argamtu dubartii qaro dhabeetti Miinjee jedhamtu daandii akka ceetu gargaaruuf ishii gaafatte. a Miinjeenis deebistee, “Galatoomi. Waaqayyo si haa eebbisu!” ishiidhaan jette. Sana booda Yaanmiin Kitaaba Qulqulluu waliin mariʼachuuf guyyaa kan biraa wal arguu ni barbaaddi yoo taʼe ishii gaafatte. Miinjeen booda, Waaqayyo gara gumii isaa isa dhugaatti akka ishii geessu guyyaa guyyaadhaan kadhachaa akka turte dubbatteetti. Kadhannaa akkasii dhiheessaa kan turte maaliifi?

 Miinjeen bara 2008 michuun ishii qaro dhabeettii taate waldaa namoota qaama miidhamtoota gargaaruuf dhaabbate tokko akka dhaqxu ishii afeertee turte. Miinjeen qophii sana erga dhaggeeffattee booda, lubichi yaada sana kitaaba isa kam irraa akka dubbise isa gaafatte. Innis Dubbii Waaqayyoo isa dhugaa Kitaaba Qulqulluu irraa akka taʼe itti hime. Miinjeenis Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf keessa ishiitti fedhii guddaan ni uumame. Kanaafuu, Kitaaba Qulqulluu bireeyilii Chaayinaatiin qophaaʼee fi jildii 32 qabu argatte; achiis jiʼa jaʼa keessatti dubbistee xumurte. Miinjeen Kitaaba Qulqulluu dubbisuu ishii yommuu itti fuftu, barumsi sillaasee ishiin waldaatti baratte sun soba akka taʼee fi maqaan Waaqayyoo Yihowaa akka taʼe hubatte.

 Yeroo booda Miinjeen amalli miseensota waldichaa abdii ishii kutachiise. Wanta ishiin Kitaaba Qulqulluu irraa dubbistee wajjin wal simanii jiraachaa akka hin jirre hubatte. Fakkeenyaaf, namni hundi nyaata hoʼaa kan nyaatu siʼa taʼu, warra qaro dhabeeyyiitiif garuu hambaatu kennama ture. Miinjeen jalʼina haqaa akkasiitiin waan miidhamteef, naannoo jiraattutti waldaa kan biraa barbaaduu eegalte. Miinjeen gumii Kiristiyaanaa isa dhugaa argachuuf kadhachaa kan turte kanaafi.

 Gaarummaa Yaanmiin itti argisiisteen kan kaʼe, Miinjeen afeerraa Kitaaba Qulqulluu akka qoʼattu ishiidhaaf dhihaate ni fudhatte. Booda Miinjeen yeroo jalqabaatiif walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa irratti argamte. Miinjeen, “Walgaʼiin jalqaba hirmaadhe matumaa hin irraanfadhu. Obboloonnii fi obboleettonni hundi miira hoʼaadhaan na dubbisan. Anis baayʼeen tuqame. Qaroo kan hin qabne taʼus, jaalalli achi jiru loogii akka hin qabne hubadheen ture” jechuudhaan wanta yaadattu dubbatteetti.

 Miinjeen guddina gochuudhaan yeroo hunda walgaʼii gumii irratti argamuu jalqabde. Keessumaa faarfannaa Mootummichaa faarfachuu ni jaallatti turte, taʼus, kitaabni faarfannaa bireeyilii ishiin dandeessuun waan hin jirreef, faarfachuun ishiitti ulfaatee ture. Kanaafuu, Miinjeen gargaarsa gumiitiin kitaaba faarfannaa ofii ishii qopheeffatte. Faarfannaawwan 151 hunda barreeffachuuf saʼaatii 22 qofa ishiitti fudhate! Miinjeen Ebla 2018 tajaajila irratti hirmaachuu kan jalqabde siʼa taʼu, sana booda jiʼatti gara saʼaatii 30 tajaajila irratti dabarsiti.

Kitaaba tokko bireeyiliidhaan qopheessuun hojii dadhabsiisaa dha.

 Yaanmiin cuuphaadhaaf Miinjee qopheessuuf, gaaffiiwwanii fi caqasoota kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu jedhamu irra jiran sagaleedhaan waraabdee qopheessiteef. Miinjeen Adoolessa 2018⁠tti cuuphamteetti. Akkas jetteetti: “Jaalalli obboloonnii fi obboleettonni walgaʼii naannoo irratti natti argisiisan na tuqee ture. Dhuma irratti kutaa gumii Waaqayyoo isa dhugaa taʼuu kootti baayʼee waanan gammadeef, nan booʼe.” (Yohaannis 13:34, 35) Amma Miinjeen jaalala ishiitti argisiifame warra kaanitti argisiisuuf, tajaajiltuu yeroo guutuu taʼuuf murteessiteetti.

a Maqaawwan jijjiiramaniiru.