Dhimma ijoo ta'etti seeni

Agarsiisa Suuraa Woolkiil 1 (Adoolessa 2013dhaa Hanga Onkoloolessa 2014)

Agarsiisa Suuraa Woolkiil 1 (Adoolessa 2013dhaa Hanga Onkoloolessa 2014)

Dhugaa Baatonni Yihowaa waajjira isaanii Woolkiil, Niiwu Yoorkitti argamu balʼisaa fi fooyyessaa jiru. Agarsiisni suuraa kun hojii Adoolessa 2013dhaa hanga Onkoloolessa 2014 gidduutti hojjetame tokko tokko kan argisiisu dha. Pirojektii kana Sadaasa 2015tti xumuruuf karoorfatameera.

Ijaarsi Woolkiil asii gadi yommuu ilaalamu (Onkoloolessa 21, 2013tti).

  1. Baabura midhaanii (Amajjii 2014tti diigame)

  2. Laawundarii babalʼifamaa jiru

  3. Iddoo itti nyaata nyaatan

  4. Bakka Jireenyaa E

  5. Gamoo Tajaajila Garaa Garaa

  6. Iddoo Maxxansaa

  7. Shaawaanguunk Kiil (burqituu)

Adoolessa 12, 2013—Laawundarii babalʼifamaa jiru

Kireenii keenyan karaa alaa gamootti maxxanfamu ol kaasaa jiru. Keenyan kun iddoo biraatti dursee kan qophaaʼe dha.

Adoolessa 19, 2013—Bakka Jireenyaa E

Hojjettoota meeshaa fiber-reinforced polymer (FRP) jedhamu koonkiriitii hojjetamee jiru irra afaa jiran. Dandeettii gamoon kun kirkira lafaa dandamachuuf qabu dabaluuf qaaccaa kaarboonii irraa tolchamee (carbon-fiber) fi meetira 7,600 taʼutu hojii irra oole.

Hagayya 5, 2013—Bakka Jireenyaa E

Keenyan xuubii karaa alaatiin suphamaa jiru.

Hagayya 30, 2013—Laawundarii babalʼifamaa jiru

Bakka mashinoonni kaaʼamanii fi sibiilaan ijaaramaa jira.

Fulbaana 17, 2013—Bakka Jireenyaa E

Hojjetaa baaxii irratti hojii wal qiqixxeessuu hojjechaa jiru.

Onkoloolessa 15, 2013—Bakka Jireenyaa E

Hojjettoota meeshaa fiber-reinforced polymer (FRP) jedhamuu fi ijaarsaaf oole duubaan qilleensi jiraachuu isaa mirkaneessaa jiran. Yoo qilleensi jiraate FRP dabalataatu maxxanfama.

Sadaasa 15, 2013—Laawundarii babalʼifamaa jiru

Baaxii manaa irratti meeshaan qilleensa gara alaatti baasus ni hojjetama.

Muddee 9, 2013—Bakka Jireenyaa E

Wanti uraa duuchu baqaqaa xixinnoo koonkiriitii irra jiru keessatti guutamaa jira. Hojii gamoon kun kirkira lafaa akka dandamatu gochuuf hojjetamaa jiru gara waggaa tokkoo fi walakkaa kan fudhatu dha.

Muddee 11, 2013—Laawundarii babalʼifamaa jiru

Hojjetaa karaa haaraa bishaanni hojii irra oole ittiin yaaʼu hojjechaa jiru.

Amajjii 10, 2014—Baabura midhaanii

Baaburri midhaanii buqqaʼaa jiru bara 1960 hanga bara 2008tti hojii irra oolaa ture. Hojiin qonnaa Woolkiilitti hojjetamu lukkuu, saawwanii fi booyyee horsiisuu kan dabalatu taʼuun isaa waan hafeef baaburri kun hojii dhaabeera.

Amajjii 22, 2014—Gamoo Tajaajila Garaa Garaa

Galma kana guutummaatti haaressuuf teessoowwan yeroo buqqaʼan.

Amajjii 29, 2014—Baabura midhaanii

Kuusaan midhaanii kun nyaata horii keessa kaaʼuuf tajaajilaa ture.

Bitootessa 3, 2014—Iddoo Maxxansaa

Kutaa haaraa leenjiin teekinikaa itti kennamu qophaaʼaa jira.

Adoolessa 4, 2014—Gamoo Tajaajila Garaa Garaa

Hojjetaa sibiilaa utubaa manichaa suphaa jiru.

Fulbaana 19, 2014—Iddoo itti nyaata nyaatan (Bakka Jireenyaa E)

Afata iddoo namoonni hojii ijaarsaa irratti hirmaatan nyaata itti nyaachaa turan irra afamaa jiru.

Fulbaana 22, 2014—Bakka Jireenyaa E

Kooriidarii geengoo darbii tokkoffaa irratti hojiin xumuraa hojjetamaa jira.

Fulbaana 24, 2014—Gamoo Tajaajila Garaa Garaa

Sibiilonni meeshaa liiftii haaraa namoonni itti fayyadaman sochoosu cimsan hojjetamaa jiru.

Onkoloolessa 2, 2014—Iddoo itti nyaata nyaatan (Bakka Jireenyaa E)

Iddoon nyaanni itti nyaatamu kun babalʼachuun isaa namoota 1,980 akka qabatu taasisa.

Onkoloolessa 22, 2014—Gamoo Tajaajila Garaa Garaa

Buʼuura gamoo jabeessuuf naannoon isaa qotamaa jira. Hojiin kun gamoon kun kirkira lafaa akka dandamatu kan taasisu dha.