Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kitaabni Seenaa Macaafa Qulqulluu Jedhamu Mana Barumsaatti Geeffame

Kitaabni Seenaa Macaafa Qulqulluu Jedhamu Mana Barumsaatti Geeffame

Kitaabni, Kitaaba Koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu jedhamuu fi bara 2012tti afaan Paangaazinaniin qophaaʼe, ijoollee Filippiinsi afaan kana dubbatan gargaaraa jira. Barreeffamni kun qajeelfama Dippaartimantiin Barnootaa Filippiinsi baasee fi ijoolleen mana barumsaa sadarkaa tokkoffaatti afaan dhalootaa isaaniitiin barachuu qabu jedhuu wajjin kan wal simu dha.

Filippiinsi keessatti afaanonni 100 ol kan dubbataman siʼa taʼu, ijoolleen afaan isa kamiin haa baratan kan jedhu yeroo baayʼeef falmisiisaa tureera. Qajeelfamni bara 2012tti Dippaartimantii Barnootaa Filippiinsi irraa darbe, ‘afaan dhalootaatti fayyadamuun barattoota gaarii fi dafanii hubatan’ argachuuf akka gargaaru ibseera. Kanaafuu, barumsi afaan dhalootaatiin afaanota baayʼeedhaan akka kennamuuf qophiin ni godhame.

Afaan Paangaazinan afaanota barumsi ittiin qophaaʼe keessaa isa tokko ture. Haataʼu malee rakkinni jira ture. Hogganaan mana barumsaa tokko afaan Paangaazinaniin barreeffamoonni barattootaaf qophaaʼanii fi gaʼaa taʼan akka hin jirre dubbateera. Kanaaf, Dhugaa Baatonni Yihowaa walgaʼii koonyaa Sadaasa 2012tti geggeeffatan irratti kitaaba, Kitaaba Koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu jedhamu yeroo kanatti afaan Paangaazinaniin baasuun isaanii sirrii ture.

Walgaʼii koonyaa kana irratti raabsuudhaaf kitaabni kun gara koppii 10,000 kan taʼutu qophaaʼe. Ijoollee xixinnoo fi warri isaanii, kitaaba afaan dhalootaa isaaniitiin qophaaʼe kana argachuu isaaniitti baayʼee gammadaniiru. Hiriyoonni gaaʼelaa tokko, “Ijoolleen keenya kitaaba kana sirriitti hubachuu waan dandaʼaniif baayʼee jaallataniiru” jedhaniiru.

Walgaʼichi akkuma xumurameen, Dhugaa Baatonni Yihowaa muraasni kitaaba Seenaa Macaafa Qulqulluu jedhamu kana gara mana barumsaa Daagupaan Siitiitti argamutti geessan. Barsiisonni achitti argamanii fi barreeffama afaan Paangaazinaniin qophaaʼe argachuuf dhamaʼaa turan kitaaba kana argachuu isaaniitti ni gammadan. Kitaabonni 340 ol taʼan raabsamaniiru. Barsiisonni, ijoolleen afaan dhalootaa isaaniitiin dubbisuu akka dandaʼan barsiisuuf yeruma sana kitaabichatti fayyadamuu jalqaban.

Dhuga Baatonni Yihowaa ijoollee xixinnoon kitaaba kana irraa barachaa akka jiran yommuu argan baayʼee gammadu. Namni hojii hiikkaa hojjetuu fi kitaaba, Kitaaba Koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu jedhamu hiikuu irratti gargaarsa godhe tokko akkas jedheera: “Garaa namootaa tuquuf afaan dhalootaatiin barreeffama qopheessuun hammam barbaachisaa akka taʼe hubachuu dandeenyeerra. Dhugaa Baatonni Yihowaa Macaafa Qulqulluu fi barreeffamoota Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼan afaanota hedduutti hiikuuf kan carraaqan kanaafi.”