Dhimma ijoo ta'etti seeni

Afaanota Aayerlaandii fi Biritaaniyaa Keessatti Dubbatamaniin Misiraachicha Lallabuu

Afaanota Aayerlaandii fi Biritaaniyaa Keessatti Dubbatamaniin Misiraachicha Lallabuu

Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota afaanota Aayerlaandii fi Biritaaniyaa keessatti dubbataman dubbatan haasofsiisuuf carraaqqii guddaa gochaa jiru. a Afaanonni kun afaan Ingiliffaa, afaan Aayirish, afaan Iskootishii fi afaan Weelsh kan dabalatani dha.

Fulbaana 2012tti, weebsaayitii keenya bifa haaraatiin qophaaʼe afaan Aayirishii fi Weelsh dabalatee afaanota hedduudhaan qopheessineerra; Afaan Iskootish Gaaʼeliik jedhamu immoo Hagayya 2014 itti dabalameera. Barreeffamoota gosa adda addaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼanis afaanota kanaan ni qopheessina. Carraaqqii godhame kanaaf namoonni yaada akkamii kennan?

Tajaajilaan waldaa tokko tiraaktii afaan Iskootish Gaaʼelikiin qophaaʼee fi Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe fudhatee yeruma sana sagalee isaa ol kaasee kan dubbise siʼa taʼu, booʼuu jalqabe. Maaltu garaa isaa tuqe? Qulqullinni hiikichaa kan isa dinqisiise yommuu taʼu, akkana jedheera: “Kana eenyutu hiike? Baayʼee gaarii dha!”

Weebsaayitiin jw.org afaan Iskootish Gaaʼelikiin akkuma qopheeffameen jiʼa tokko keessatti namoonni gara 750 taʼan daawwataniiru.

Namichi Naashinaal Yunivarsiitii of Aayerlaand, Gaalweeyitti barsiisu tokko, amantiidhaaf fedhii akka hin qabne Dhugaa Baatotatti himee ture. Haa taʼu malee, birooshura Macaafni Qulqulluun—Dhaamsisaa Maalidha? jedhamu afaan Aayirishiin akka qophaaʼe yeroo beeku koppii tokko akka isaaf kennan gaafate. Namni hundi afaan dhalootaa isaatiin barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan argachuu qaba jedhee kan yaadu yommuu taʼu, Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota afaan Aayirish dubbataniif barreeffama qopheessuu isaaniitiif isaan galateeffateera.

Dubartii maanguddoon tokko birooshura Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe tokko afaan Weelshiin erga fudhatanii booda akkana jedhanii gammachuu isaanii ibsaniiru: “Dhugaa isaa dubbachuuf, Afaan Ingiliffaatiin naaf kennitan utuu taʼee waanan fudhadhu natti hin fakkaatu; garuu afaan kootiin argachuu kootti baayʼee gammadeera.”

Hagayya 2014tti afaan Weelshiitiin wantoota dabalataa jw.org irratti baasneerra. Lakkoofsi namoota afaan Weelshiin wantoota tokko tokko dubbisuuf weebsaayitii keenya daawwatanii jiʼa kanatti dachaadhaa ol dabaleera.

“Afaan Tokko Dubbanna”

Yesus bartoota isaa lamaaniif caqasoota akka gaariitti erga ibsee booda, bartoonni kun akkas jedhaniiru: “Yeroo inni karaatti nutti dubbachaa, macaafa keessatti kan caafames nuu ibsaa dhufe garaan keenya in raafame, mitii ree?” (Luqaas 24:32) Yeroo baayʼee yommuu dhugaan Kitaaba Qulqulluu afaan isaaniitiin akka gaariitti isaaniif ibsamu, namoonni baayʼee tuqamu.

Namichi Eemiir jedhamuu fi Weels jiraatu tokko, haati manaa isaa Dhugaa Baatuu Yihowaa taatus inni garuu amantii ishee hin hordofu ture. Achiis Dhugaa Baatuu Raasil jedhamuu wajjin michuu taʼe. Eemiir wanta ilaalcha isaa jijjiire akkana jechuudhaan ibseera: “Raasil kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? b jedhamu fidee yommuu dhufu Kitaaba Qulqulluu qayyabachuufan murteesse. Kitaaba kana naa kennee, ‘Kitaabni kun afaan Weelshiin qophaaʼe. Ammaa jalqabnee kitaaba kana waliin qayyabanna’ naan jedhe.” Eemiir gaaffii Raasil kallattiidhaan isaaf dhiheesse kana kan fudhate maaliifi? Akkas jedheera: “Lamaan keenya iyyuu afaan tokko dubbanna, aadaa tokko qabna, akkasumas wal hubanna.” Eemiir afaan dhalootaa isaa kan taʼe Weelshiin Kitaaba Qulqulluu yeroo baratu ibsa kenname akka gaariitti waan hubatuuf, garaan isaa ‘raafameera.’

Dhugaa Baatonni Yihowaa namoonni waaʼee Waaqayyoo afaan dhalootaa isaaniitiin, jechuunis afaan garaa isaanii tuquun akka baratan gargaaruu isaanii itti fufu.

a Asitti Biritaaniyaa kan jedhame Ingilaandi, Iskootlaandii fi Weelsh argisiisa.

b Barreeffama Kitaaba Qulqulluu qayyabachuuf gargaaruu fi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe.