Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Namoota Kanaan Dura “hin Barbaadu” Jedhan Maaliif Deebiʼanii Haasofsiisu?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Namoota Kanaan Dura “hin Barbaadu” Jedhan Maaliif Deebiʼanii Haasofsiisu?

 Dhugaa Baatonni Yihowaa Waaqayyoo fi namoota waan jaallataniif, namoota kanaan dura “Hin barbaadu” jedhan dabalatee, namoota hundumaatti ergaa Kitaaba Qulqulluu himuun isaan gammachiisa. (Maatewos 22:37-​39) Jaalalli Waaqayyoof qabnu ajaja Ilmisaa “guutummaatti dhugaa akka baanu” nuu kenne akka hojiirra oolchinu nu kakaasa. (Hojii Ergamootaa 10:42; 1 Yohaannis 5:3) Kana hojiirra oolchuuf immoo akkuma raajota Waaqayyoo bara durii ergaa kana irra deddeebinee namootatti himuu qabna. (Ermiyaas 25:4) Namoota waan jaallannuuf ‘misiraachoo Mootummichaa’ isa lubbuu isaanii isaaniif oolchu, warra jalqabarratti hin barbaannu jedhan dabalatee namoota hundatti himuuf carraaqna.​—Maatewos 24:14.

 Mana namoota kanaan dura hin barbaannu jedhanii deebinee yommuu dhaqnu, namni sun fedhii qabaachuu dandaʼa ykn nama kan biraa argachuu dandeenya. Mee sababiiwwan kun itti taʼu sadii haa ilaallu:

  •   Namoonni bakka jireenyaasaanii ni jijjiiru.

  •   Namoonni manicha keessa jiran kaan fedhii qabaachuu dandaʼu.

  •   Namoonni jalqabarratti hin barbaadu jedhan jijjiiramuu dandaʼu. Haalli addunyaa ykn haalli namootaa jijjiiramuunsaa namoonni tokko tokko caalaatti ‘wantoota hafuuraa akka dheebotanii’ fi ergaa Kitaaba Qulqulluu akka fudhatan gochuu dandaʼa. (Maatewos 5:3) Namoonni mormitoota taʼanillee akkuma Phaawulos ergamaa yaadasaanii jijjiiruu dandaʼu.​—1 Ximotewos 1:​13.

 Taʼus namni kamiyyuu ergaa keenya akka fudhatu hin dirqisiisnu. (1 Pheexiros 3:​15) Waaqeffannaa wajjin wal qabatee namni hundi murtoo mataasaa gochuu akka qabu ni amanna.​—Keessa Deebii 30:19, 20.