Dhimma ijoo ta'etti seeni

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU

Ilaalchi Keessan Garaagara Yommuu Taʼu

Ilaalchi Keessan Garaagara Yommuu Taʼu

 Hiriyoonni gaaʼelaa barsiifata, fedhii fi amala ilaalchisee garaagarummaan qaban rakkina isaanitti uumuu dandaʼa. Haa taʼuu malee, wantoonni armaan gaditti ibsaman caalaatti ulfaataa taʼuu dandaʼu:

  •   Firoottan keessanii wajjin yeroo hammamii dabarsuu qabdu?

  •   Qarshii keessan akkamitti itti fayyadamtu?

  •   Ijoollee godhachuu moo dhiisuu qabdu?

 Isinii fi hiriyaan gaaʼelaa keessan ilaalcha adda addaa yoo qabaattan hoo?

 Wanta beekuu qabdan

 Yaadaan walii galuu jechuun wanta hundumaan tokko taʼuu jechuu miti. Abbaan manaa fi Haati manaa akka gaariitti walii galan illee, dhimmoota barbaachisoo taʼan irratti ilaalcha walfakkaataa kan qabaatan yeroo hunda miti.

 “Ani kanan guddadhe maatii yeroo dheeraa waliin dabarsu keessatti dha. Dhuma torbaniitti, akkoowwan, eessumman, adaadaawwanii fi durbiiwwan koo wajjin yeroo dabarsina. Maatiin abbaa manaa koo garuu hamma kana yeroo dheeraa waliin hin dabarsan. Kanaafuu, maatii keenyaa wajjin yeroo hangamii dabarsuu akka qabnu ykn firoottan fagoo jiran gaafachuudhaan yeroo hangamii akka dabarsinu ilaalchisee garaagarummaa qabna.”—Tamaaraa.

 “Anii fi haati manaa koo qarshii akkamitti akka itti fayyadamnu ilaalchisee wantoota dursa kenninuuf irratti garaagarummaa qabna. Erga gaaʼela godhannee booda jiʼoota muraasa turanitti waaʼee qarshiif hamma tokko walitti buuna turre. Rakkinni kun hamma yeroo jalqabaatiif ykn yeroo lammataatiif waliin mariʼannetti illee furmaata hin argatu ture.”—Tiileer.

Namoonni lama wanta tokko ilaalanii hubannaa garagaraa qabaachuu dandaʼu. Dhimma hiriyoonni gaaʼelaa tokko irratti walii hin galles akkasuma

 Rakkoowwan tokko tokko filannoo keenya utuu hin dhiisin furmaata hin argatan. Fakkeenyaaf, soddoota keenya keessaa namni tokko dhukkubsatee kunuunsa yoo barbaade hoo? Yookiin hiriyaan gaaʼelaa inni tokko mucaa godhachuu kan barbaaduu, inni kaan immoo kan hin barbaanne yoo taʼe hoo? a

 “Anii fi haati manaa koo waaʼee ijoollee godhachuu yeroo dheeraadhaaf irratti mariʼanneerra. Ishiin waaʼee dhimma kanaa irra deddeebitee yaaddi, kanaafuu, ilaalchi keenya wal irraa fagaachaa deeme. Ani karaan itti ilaalcha koo jijjiiru natti hin mulʼanne.”—Aleeksi.

 Ilaalcha garagaraa qabaachuun gaaʼela keessan diiguu hin qabu. Hayyoonni tokko tokko, atii fi hiriyaan gaaʼelaa kee dhimma cimaa tokko irratti walii galuu yoo dadhabdan, wanta barbaaddan gochuuf wanta isiniif dandaʼame hunda godhaa jechuunis wal hiikuun yoo isin barbaachise illee, jedhu. Haa taʼu malee, ‘furmaanni’ kun, miira ofii keessaniitiif iddoo guddaa akka kennitanii fi wanti fedhe illee yoo taʼe hiriyaa gaaʼelaa keessanitti maxxanuuf waadaa galtaniif iddoo xinnoo akka kennitan isin taasisa.

 Wanta gochuu dandeessan

 Waadaa gaaʼelaa keessan kabajuuf murteessaa. Kana yaadatti kan qabattan yoo taʼe, akka mormitootaatti utuu wal hin ilaalin, dhimmicha hiikuuf akka gareetti waliin hojjechuu dandeessu.

 Dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu: “Wanta Waaqayyo walitti hidhe namni kam iyyuu gargar hin baasin.”—Maatewos 19:6.

 Baasii keessan shallagaa. Fakkeenyaaf, hiriyaan gaaʼelaa inni tokko mucaa godhachuu kan barbaadu, inni kaan immoo kan hin barbaanne yoo taʼe hoo? Wantoota armaan gadii dabalatee wantoota xiyyeeffannaa keessa galuu qaban hedduun jiru:

  •   Cimina hariiroo keessanii.

     Gaaʼelli keessan dhiphina dabalataa ijoollee guddisuun fidu baachuu ni dandaʼaa?

  •   Itti gaafatamummaa warra taʼuun qabu.

     Warra taʼuun nyaata, uffataa fi bakka jireenyaa qopheessuu caalaa wanta dabalatu qaba.

  •   Haala qarshii keessanii.

     Itti gaafatamummaa hojii, maatii fi wantoota kan biroo ilaalchisee qabdan wal madaalchisuu ni dandeessuu?

 Dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu: “Isin keessaa namni gamoo ijaaruu barbaaduu fi dura taaʼee qarshii gaʼaa . . .qabaachuu isaa hin shallagne eenyu?”—Luqaas 14:28.

 Kallattii dhimmichaa hundumaa qoraa. Wantoota irratti walii galuu dadhabdan tokko tokkoof furmaata kennuu ni dandeessu taʼa. Fakkeenyaaf, rakkinni keessan mucaa godhachuu fi dhiisuu yoo taʼe, hiriyaan gaaʼelaa inni hin barbaanne akkas jedhee of gaafachuu dandaʼa:

  •   ‘Mucaa godhachuu hin barbaadu yommuun jedhu, yeroo gabaabaadhaaf moo, yeroo hundumaaf dha?

  •   ‘Duubatti kanan jedhu abbaa ykn haadha gaarii taʼuu hin dandaʼu jedhee waanan yaaduufii?’

  •   ‘Hiriyaan gaaʼelaa koo xiyyeeffannaa naaf kennuu dhiisa jedheen sodaadhaa?’

 Karaa kan biraa immoo hiriyaan gaaʼelaa mucaa godhachuu barbaadu gaaffiiwwan armaan gadii irratti yaaduu qaba:

  •   ‘Itti gaafatamummaa warra taʼuun fidu raawwachuuf qophaaʼeeraa?’

  •   ‘Ijoollee guddisuuf qarshii nu barbaachisu qabnaa?’

 Dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu: ‘Ogummaan inni ol gubbaadhaa dhufu tole kan jedhu dha.’—Yaaqoob 3:17.

 Faayidaa ilaalchi hiriyaa gaaʼelaa keessanii qabu yaadaa. Namoonni lama wanta tokko ilaalanii hubannaa garagaraa qabaachuu dandaʼu. Haaluma kana fakkaatuun, hiriyoonni gaaʼelaa tokko dhimma tokko irratti yaada garagaraa qabachuu dandaʼu, fakkeenyaaf, akkaataa qarshii itti fayyadaman. Dhimma irratti walii hin galle tokko irratti mariʼachuuf, dursa wanta irratti walii galtan irraa jalqabaa.

  •   Galmi keessan inni irratti walii galtan maali dha?

  •   Yaadni tokkoon tokkoon keessanii faayidaa akkamii qaba?

  •   Gaaʼela keessaniif jecha, tokkoon keessan ykn lamaan keessan kan isa kaanii fudhachuuf ilaalcha keessan sirreessuu ni dandeessuu?

 Dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu: “Namni hundi yoom iyyuu faayidaa mataa isaa utuu hin taʼin, faayidaa nama kaanii haa barbaadu.”—1 Qorontos 10:24.

a Dhimmoonni cimaa taʼan gaaʼela dura irratti mariʼatamuu qabu. Taʼus, wantoonni hin eegamne uumamuu dandaʼu, ykn miirri hiriyaa gaaʼelaa isa tokkoo yeroo booda jijjiiramuu dandaʼa.—Lallaba 9:11.