Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhufaatiin Kiristoos Maali?

Dhufaatiin Kiristoos Maali?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Kitaabni Qulqulluun waaʼee yeroo Kiristoos gara fuulduraatti namoota lafa irratti argaman irratti murteessuuf itti dhufuu ni dubbata. a Fakkeenyaaf, Maatewos 25:31-33 akkana jedha:

 “Ilmi namaa [Yesuus Kiristoos] maleekota isaa hundumaa wajjin ulfina isaatiin yommuu dhufu, teessoo isaa isa ulfina qabeessa irra ni taaʼa. Saboonni hundinuu isa duratti walitti qabamu; innis akkuma tikseen tokko hoolota reʼoota irraa gargar foʼu, namoota gargar foʼa. Hoolota karaa mirga isaa, reʼoota garuu karaa bitaa isaa dhaabachiisa.”

 Guyyaan murtii kun kutaa ‘rakkina guddaa’ isa seenaa ilmaan namootaa keessatti uumamee hin beeknee taʼa. Rakkinni guddaan kun waraana Armaagedooniin xumurama. (Maatewos 24:21; Mulʼata 16:16) Diinonni Kiristoos fakkeenya isaa keessatti reʼootaan fakkeeffaman, “adaba badiisa bara baraatiin adabamu.” (2 Tasalonqee 1:9; Mulʼata 19:11, 15) Tajaajiltoonni isaa amanamoon hoolotaan fakkeeffaman garuu, “jireenya bara baraa” argachuuf abdii qabaatu.—Maatewos 25:46.

Kiristoos yoom dhufa?

 Yesuus, “Waaʼee guyyaa sanaa fi saʼaatii sanaa . . . kan beeku tokko illee hin jiru” jedhee dubbateera. (Maatewos 24:36, 42; 25:13) Haa taʼu malee, ‘mallattoowwan’ garaa garaa dhufaatiin isaa dhihaachuu isaa argisiisanii fi ijaan mulʼatan dubbateera.—Maatewos 24:3, 7-14; Luqaas 21:10, 11.

Yesuus qaama hafuuraa taʼee dhufa moo qaama fooniitiin dhufa?

 Yesuus duʼaa kan kaafame qaama hafuuraatiin waan taʼeef, kan dhufus qaama hafuuraa taʼee ti malee qaama fooniitiin miti. (1 Qorontos 15:45; 1 Pheexiros 3:18) Kanaan kan kaʼes, guyyaa duʼuu isaa dura jirutti barattoota isaatiin, “Yeroo gabaabduu booda addunyaan siʼachi ana hin argu” jedheera.—Yohaannis 14:19.

Dhufaatii Kiristoos ilaalchisee ilaalcha dogoggoraa namoonni baayʼeen qaban

 Ilaalcha dogoggoraa: Kitaabni Qulqulluu Yesuus ‘duumessaan yommuu dhufu’ namoonni isa argu yeroo jedhu, karaa mulʼatuun dhufa jechuu isaa ti.—Maatewos 24:30.

 Dhugaa jiru: Kitaabni Qulqulluun yeroo baayʼee duumessa wanta ijaan hin argamne wajjin wal qabsiisa. (Lewwoota 16:2; Lakkoobsa 11:25; Keessa Deebii 33:26) Fakkeenyaaf, Waaqni Museedhaan, “Ani kunoo duumessa yabbuu keessaan si bira nan dhufa” jedhee ture. (Baʼuu 19:9) Museen kallattiidhaan Waaqa hin argine. Haaluma wal fakkaatuun, Kiristoos ‘duumessaan dhufa,’ jechuunis namoonni ijaan kan isa hin argine taʼus dhufuu isaa ni hubatu.

 Ilaalcha dogoggoraa: Ibsi dhufaatii Kiristoos ilaalchisee Mulʼata 1:7 irra jiruu fi “iji hundinuus isa ni arga” jedhu kallattiidhaan fudhatamuu qaba.

 Dhugaa jiru: Jechi Afaan Giriikii Kitaaba Qulqulluu irratti “ija” jedhuu fi “arguu” jedhu, yeroo tokko tokko ijumaan arguu kan argisiisu utuu hin taʼin beekuu fi hubachuu kan argisiisu dha. b (Maatewos 13:15; Luqaas 19:42; Roomaa 15:21; Efesoon 1:18) Kitaabni Qulqulluun, Yesuus inni duʼaa kaafame ‘ifa itti dhihaatamuu hin dandaʼamne keessa akka jiraatuu fi namni isa arguu akka hin dandeenye’ dubbata. (1 Ximotewos 6:16) Kanaafuu, namoonni hundi Yesuus qaama murtii Waaqayyoo raawwachiisu taʼuu isaa waan hubataniif ‘iji hundinuu isa ni arga’ jedhamuu dandaʼa.—Maatewos 24:30.

 Ilaalcha dogoggoraa: Yaanni 2 Yohaannis 7 irratti argamu Yesuus fooniin akka dhufu argisiisa.

 Dhugaa jiru: Caqasichi akkana jedha: “Dogoggorsitoonni Yesuus Kiristoos fooniin dhufuu isaa amananii hin fudhanne hedduun gara addunyaatti baʼaniiru.”

a Namoonni dhufaatii Kiristoos ilaalchisee “dhufaatii lammaffaa” ykn “deebiʼee dhufuu” jechoota jedhanitti kan fayyadaman taʼus, jechoonni kun Kitaaba Qulqulluu keessatti hin argaman.

b Bara Yohaannis ergamaatti, namoonni tokko tokko Yesuus gara lafaatti kan dhufe akka namaa foon uffatee taʼuu isaa ni mormu turan. Namoonni kun Ginoostikoota jedhamu turan. Yohaannis inni lammaffaan lakkoofsi 7 kan barreeffame ilaalcha dogoggoraa isaan qaban saaxiluuf ture.