AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Yihowaan Saba Isaatiif Eegumsa ni Godha
Ayyaanni Faasikaa inni jalqabaa taʼee hin irraanfatamne ture. Halkan sana Faraʼoon ilmi isaa inni angafaa duʼuu isaa yommuu beeku Museedhaan, “Kaʼaa, isin, Israaʼeloonni saba koo keessaa baʼaa! Akkuma gaafattanii turtan dhaqaa Waaqayyoof hojjedhaa!” jedhe. (Bau 12:31) Yihowaanis saba isaatiif eegumsa akka godhu argisiiseera.
Seenaa saba Yihowaa isa ammayyaa duubatti deebinee yommuu ilaallu, Yihowaan isaan geggeessuu fi eegumsa isaaniif gochuu isaa akka itti fufe ifatti hubanna. Kunis godambaa waajjira muummee kutaa, “Saba Maqaa Yihowaatiif Taʼu” jedhu keessatti ifatti mulʼateera.
VIIDIYOO DAAWWANNAA GODAMBAA WAARWIIK: “SABA MAQAA YIHOWAATIIF TAʼU” JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
-
Barattoonni Kitaaba Qulqulluu bara 1914 jalqabee namoonni Kitaaba Qulqulluu irratti amantii akka qabaatan gargaaruuf mala sanaan dura hojii irra oolee hin beekneetti kan fayyadaman akkamitti? Kun hoo buʼaa akkamii argamsiise?
-
Bara 1916 fi 1918tti qorumsawwan akkamiitu isaan mudate? Ragaan Yihowaan jaarmiyaa isaa geggeessaa akka ture argisiisu maali dha?
-
Sabni Yihowaa mormiin isaan irra gaʼus amanamoo taʼanii kan jiraatan akkamitti?
-
Sabni Yihowaa bara 1935tti hubannaa haaraa akkamii argatan? Kun hoo dhiibbaa akkamii isaan irratti godhe?
-
Viidiyoo kana yommuu ilaaltan, wanta Yihowaan saba isaa geggeessaa fi eegumsa isaaniif gochaa akka jiru argisiisuu fi amantii keessan cimsu akkamii argattan?