BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | BA’UU 10-11

Musee fi Aaron Ija Jabina Guddaa Argisiisaniiru

Musee fi Aaron Ija Jabina Guddaa Argisiisaniiru

10:3-6, 24-26, 28; 11:4-8

Musee fi Aaron Faraʼoon isa yeroo sanatti addunyaa irratti humna guddaa qabu yommuu haasofsiisanitti ija jabina guddaa argisiisaniiru. Wanti akkas gochuuf isaan gargaare maali dha? Kitaabni Qulqulluun Musee ilaalchisee, “Inni isa hin argamne Sana akka waan arguutti amantiitti cimee waan itti fufeef, dheekkamsa mootichaa utuu hin sodaatin amantiidhaan Gibxiin dhiisee baʼe” jedha. (Ibr 11:27) Musee fi Aaron Yihowaa irratti amantii cimaa qabu turan.

Haalawwan nama aangoo qabutti waaʼee amantii kee yeroo dubbattu ija jabina qabaachuu si gaafatan kamfaʼi?