MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Adoolessa 2025
Maxxansi kun mata dureewwan Fulbaana 15–Onkoloolessa 12, 2025tti qoʼataman qabateera.
MATA DUREE QOʼANNAA 28
Gorsa Gaafachuu kan Qabnu Maaliifi?
Torban Fulbaana 15-21, 2025 keessatti kan qoʼatamu.
MATA DUREE QOʼANNAA 29
Gorsa Kennuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
Torban Fulbaana 22-28, 2025 keessatti kan qoʼatamu.
MATA DUREE QOʼANNAA 30
Barumsa Buʼuuraa Kitaaba Qulqulluurraa Barachuu Keessan Itti Fufaa!
Torban Fulbaana 29–Onkoloolessa 5, 2025 keessatti kan qoʼatamu.
MATA DUREE QOʼANNAA 31
Iccitii Waan Qabanitti Gammadanii Jiraachuu Baratteettaa?
Torban Onkoloolessa 6-12, 2025 keessatti kan qoʼatamu.
SEENAA JIREENYAA
‘Lolichi kan Yihowaati’
Filiippi Biramliin waggoota 40 oliif Dippaartimantii Seeraa waajjira muummeetti argamu keessatti tajaajileera. Waajjiroota damee addunyaa maratti argaman wajjin hojjechuuf, akkasumas manneen murtii olaanoo fi abbootii taayitaa aangoo guddaa qaban duratti dhihaachuuf mirga argateera. Muuxannoowwan kun jabinnii fi injifannoon kan argamu Yihowaa biraa akka taʼe kan isa amansiisan akkamitti akka taʼe ibseera.
Kana Beektaa?
Jaarraa tokkoffaatti luboonni beeladoota aarsaa erga godhanii booda dhiigasaa maal godhu turan?
YAADA QOʼANNAADHAAF TAʼU
Wanta Qoʼatte Warra Kaanitti Himi
Wanta baranne warra kaanitti himuun barumsicha yaadachuu fi hubannaa keenya guddifachuuf nu gargaara.