MASARAA EEGUMSAA Lakk. 1 2025 | Waraanni ni Hafa—Akkamitti?
Addunyaa waraanaa fi walitti buʼiinsarraa bilisa taʼe keessa jiraachuuf ni hawwitaa? Namoonni hedduun kun gaarii taʼus wanta hin fakkaannedha jedhanii yaadu. Kitaabni Qulqulluun carraaqqiin ilmaan namootaa waraana hambisuuf godhan kan hin milkoofne maaliif akka taʼe ni dubbata. Guutummaan addunyaa nagaa akka argatuu fi kunis yeroo dhihootti akka raawwatamus ni ibsa.
Barruu kana keessatti jechi “waraanaa” fi “walitti buʼiinsa” jedhu lola gareewwan meeshaa hidhatanii fi kaayyoo siyaasaa qaban gidduutti geggeeffamu argisiisa. Maqaan namoota tokko tokkoo jijjiirameera.
Waraanni Suukanneessaadha
Loltoonnis taʼan namoonni nagaa waraanni miidhaa cimaa akka geessisu beeku.
Waraannii fi Walitti Buʼiinsi Miidhaa Akkamii Nurraan Geessisa?
Waraannii fi walitti buʼiinsi miidhaa guddaa geessisa, akkasumas baasii guddaa baasisa.
Waraanaa fi Walitti Buʼiinsa Hambisuu ni Dandeenyaa?
Carraaqqiin walitti buʼiinsa hambisuuf godhamu itti fufeera; taʼus ni milkaaʼa jennee eeguu dandeenyaa?
Waraannii fi Walitti Buʼiinsi kan hin Dhaabbanne Maaliifi?
Kitaabni Qulqulluun waraanaa fi walitti buʼiinsaaf sababa kan taʼe maal akka taʼe ni dubbata.
Waraannii fi Walitti Buʼiinsi kan Dhaabbatu Akkamitti?
Mootummaan Waaqayyoo waraana balleessee lafarratti nagaa dhugaa buusa.
Waraannii fi Walitti Buʼiinsi Utuma Jiruu Nagaa Argachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
Kitaabni Qulqulluun yeroo ammaatti namoota waraanaan kan kaʼe miidhaan irra gaʼe gargaaraa jira.
Akkana Jettee Gaafattee Beektaa?
Yeroon itti waraanni hin jirre ni dhufaa? Kitaabni Qulqulluun gaaffii kanaafis taʼe gaaffilee kana wajjin wal qabataniif deebii nama jajjabeessu kenna.