Ayyaana Yaadannoo Galma Walgaʼii Leviivitti argamu keessatti kabajamee fi obboloonnii fi obboleettoonni gara 60 qeʼee isaanii irraa buqqaʼan irratti argaman

EBLA 29, 2022
YUUKREEN

ODUU HAAREFFAME #7 | Yeroo Rakkinni Yuukreen Keessa Jiru Kanatti Obboloonni Jaalala Argisiisuu Itti Fufaniiru

Namoonni 210,000 Taʼan Ayyaana Yaadannoo Irratti Argamaniiru

ODUU HAAREFFAME #7 | Yeroo Rakkinni Yuukreen Keessa Jiru Kanatti Obboloonni Jaalala Argisiisuu Itti Fufaniiru

Obboloonni keenya guutummaa Yuukreen keessa jiran Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristoos kabajuu waan dandaʼaniif, Yihowaan saba isaa biyyattii keessa jiran akka eebbise yommuu gabaasnu gammachuu guddaatu nutti dhagaʼama. Galmawwan Walgaʼii dhiha Yuukreen jiran, obbolootaa fi obboleettota naannoo biraatii buqqaʼanii dhufan keessummeessiisuuf oolaniiru . Obboloonni walgaʼii Ayyaana Yaadannoo garee xixinnoodhaan kan qindeessan yommuu taʼu, obboloonni mana isaaniitii baʼuu hin dandeenye immoo karaa viidiyoo konfiransii ayyaanicha irratti argamaniiru.

Kaarkiivitti obboloonnii fi obboleettoonni kutaa mana jalaa keessatti Ayyaana Yaadannoo yeroo kabajaa jiran

Kutaa biyyatti hedduu keessatti, guyyaa Ayyaana Yaadannoo guyyaa guutuu sagaleen boombiin dho‵uuf akka jedhu beeksisu ni dhagaʼama ture. Gara galgalaa garuu sagaleen sun ni dhaabbate. Seerhii inni magaalaa Duroozhikivkaa Naannoo Daanyeeski jiraatu akkana jedheera: “Ayyaanni Yaadannoo bombiidhaan akka hin jeeqamne kadhachaa turreerra. Walgaʼiin Ayyaana Yaadannoo jalqabamuu isaa yeroo muraasa dura sagaleen dhoʼiinsaa ni dhaabbate, sagaleen boombiin dhoʼuuf akka jedhu beeksisuus hin turre.”

Gareen maanguddootaa fi babalʼistoota humni isaanii daangeffame Neemiisheev, magaalaa Kiiyeevitti dhihoo jiru keessa jiraatan gara jiʼa tokkoo oliitiif walgaʼii irratti argamuu hin dandeenye turan. Ayyaana Yaadannoo irratti argamuuf garuu kadhachaa turan. Jaarsi gumii Viitaalii jedhamu gareen sun Ayyaana Yaadannoo akka kabaju gargaareera. Akkana jedheera: “Ibsaan waan hin jireef Ayyaana Yaadannoo baatiriidhaan kabajne. Meeshaan hoʼisus hin jiru ture. Muuziqaa waan hin qabneef intalli koo vaayoliin taphachuudhan faarfannaa akka faarfannu nu gargaarte.”

Oleeksaandar inni jaarsa taʼee fi naannoo waraanni itti geggeeffamu jiraatu akkana jedheera: “Yeroo duula affeerraa Ayyaana Yaadannootti manneen isaanii boombiidhaan waan rukutamanii fi kaan immoo baqatanii waan baʼaniif, namoota naannoo tajaajilaa gumii keenya keessa jiraniif xalayaa barreessuu hin dandeenyu turre. Kanaafuu, namoota beeknu, namoota kutaa mana lafa jalaa keessatti argannee fi namoota nuu wajjin naannoo waraanaa gadhiisanii bahan affeerreerra. Namoonni hedduun arganne kanaan dura matumaa Dhugaa Baatotaa dhagaʼanii hin beekan turan. Hedduun isaanii nuu wajjin Ayyaana Yaadannoo irratti argamaniiru.”

Hiriyoonni gaaʼelaa Yuukreen keessa jiran ibsaan waan hin jirreef dungoodhaan Ayyaana Yaadannoo yommuu kabajaan. Bilbila isaanii janareetara ganda naannoo isaanii jiru dhaqanii chaarjii godhatan

Gumiiwwan Yuukreen keessa jiran keessaa gabaasni guutummaatti kan nu hin geenye taʼus, namoonni 210,000 ol taʼan Ayyaana Yaadanoo irratti argamaniiru.

Obboleessi Yuukreen keessa jiraatu tokko Ayyaana Yaadannoo ilaalchisee wanta isatti dhagaʼame yommuu dubbatu akkana jedheera: “Akkuma mani ibsaa galaana irraa namoota doonii irra hojjetan gara galaana qarqaraatti dhihaachaa akka jiran isaaniif mirkaneessu, Ayyaana Yaadannoo kabajuun keenya guyyaan Yihowaa dhihootti akka dhufu caalaatti naaf mirkaneesseera. Ayyaanni Yaadannoo waggaa kanaa amanannaa koo caalaatti naaf cimseera.”

Ebla 21, 2022 kaasee walumaa galatti gabaasni armaan gadii Yuukreenii ergameera. Lakkoofsi kun gabaasa mirkanaaʼaa obboloonni biyyattii ergan irratti kan hundaaʼe dha. Haa taʼu malee, obboloota guutummaa biyyattii keessa jiraatanii wajjin qunnamtii gochuun waan hin dandaʼamneef lakkoofsi isaa kana caalaa akka taʼu eegama.

Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Keenya Irra Gaʼe

  • Babalʼistoonni 35 duʼaniiru

  • Babalʼistoonni 60n miidhamaniiru

  • Babalʼistoonni 43,792 qeʼee isaanii irraa buqqaʼanii bakka hamma tokko nagaan jirutti baqataniiru

  • Manneen 374 barbadaaʼaniiru

  • Manneen 347 irra miidhaa guddaan gaʼeera

  • Manneen 874 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Galmi Walgaʼii 1 barbadaaʼeera

  • Galmawwan Walgaʼii 10 irra miidhaa guddaan gaʼeera

  • Galmawwan Walgaʼii 27 irra miidhaa salphaan gaʼeera

Hojii Gargaarsaa

  • Yuukreen keessatti Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa 27 hojjechaa jiru

  • Koreen Gargaarsaa Yeroo Balaa babalʼistoonni 44,971 taʼan iddoo nagaa qabutti iddoo buufataa akka argatan gargaareera

  • Babalʼistoonni 19,961 biyyoota biraatti kan baqatan yommuu taʼu, obboloonni isaanii achi jiran isaan gargaaraa jiru