Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaa: Fulbaana 26, 2024 Obomboleettiin Heliin Qarqara Galaanaa Meeksikoo yommuu gaʼu. Gubbaa mirga: Kaaba Kaaroolinaa, Yuunaayitid Isteetisitti, Galma Walgaʼii Iswaananoʼa is lolaadhaan liqimfame. Jala mirga: Kaaba Kaaroolinaatti manni obboleessa tokkoo inni Asheeviilitti argamu balfi irra tuulamee jira

ONKOLOOLESSA 3, 2024
YUNAAYITID ISTEETIS

Obomboleettiin Heliin jedhamu Kibba Baha Yuunaayitid Isteetis Miidhe

Obomboleettiin Heliin jedhamu Kibba Baha Yuunaayitid Isteetis Miidhe

Obomboleettiin sadarkaa 4faffaa qabuu fi Heliin jedhamu Fulbaana 26, 2024 qarqara Galaanaa Yuunaayitid Isteetis gaʼeera. Obomboleettiin cimaan kun bokkaa yandoo fi qilleensa cimaa saʼaatiitti kiilomeetira 225 saffisu qaba ture. Obomboleettiin Heliin jedhamu kun Fulbaana 27 gara lafaatti baʼuudhaan bubbee cimaa saʼaatiitti kiilomeetira 95 ol saffisu gara Joorjiyaatti geesse. Guyyaa ittaanutti immoo gara kaabatti deemee Kibba Kaaroolinaa gaʼuudhaan yoo xinnaate torneedoo ykn bubbee cimaa sadii geessiseera. Obomboleettiin kun Kaaba Kaaroolinaa yommuu gaʼu magaalota hedduutti bokkaan seentii meetira 90 ol taʼu akka roobu godheera.

Lolaa cimaan sababa obomboleettii qilleensaa fi bokkaa cimaa qabu kanaan uumame manneen, daldalaa fi daandiiwwan irratti miidhaa geessiseera. Namoota miliyoona tokkoo ol taʼan immoo ibsaa dhabsiiseera. Yoo xinnaate namoonni 180 duʼaniiru.

Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Irra Gaʼe

  • Kan nama gaddisiisu obboloonni 3 duʼaniiru

  • Babalʼistoota 7​rra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Babalʼistoonni 1,606 qeʼee isaaniirraa buqqaʼaniiru

  • Manneen 29 mancaʼaniiru

  • Manneen 236​rra miidhaa cimaan gaʼeera

  • Manneen 779​rra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Galma Walgaʼii 1​rra miidhaa cimaan gaʼeera

  • Galma Walgaʼii 19​rra miidhaa salphaan gaʼeera

Hojii Gargaarsaa

  • Daawwattoonni olaanoonii fi jaarsoliin gumii namoota obomboleettii kanaan miidhamaniif gama hafuuraa fi qaamaatiin gargaaraa jiru

  • Hojii Gargaarsaa akka qindeessaniif Koreewwan Gargaarsa Yeroo Balaa 2 hundeeffamaniiru

Namoota obomboleettii cimaa kanaan lubbuu isaanii dhabaniif guddaa gaddina. Taʼus, abdii Yihowaan, ‘tasgabbiidhaan jiraatu, balaan nu irra gaʼa jedhaniis hin jeeqaman’ jechuudhaan kennerraa jajjabina arganna.—Fakkeenya 1:33.