Dhimma ijoo ta'etti seeni

SINGAAPPOOR

Sababii Amantii Isaaniitiin Hidhamaniiru—Singaapoor

Sababii Amantii Isaaniitiin Hidhamaniiru—Singaapoor

Dargaggoonni Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan 8 qalbiin isaanii tajaajila loltummaa akka kennan waan isaaniif hin heyyamneef hidhamaniiru. Isaan keessaa sadi yeroo jalqaba hidhamanitti ejjennoo isaanii jijjiiruu waan didaniif yeroo lammaffaadhaaf isaanitti murteeffameera. Mootummaan tajaajila loltummaa akka kennan waan dirqisiisuu fi mirga namoota sababa qalbii isaaniitiin tajaajila loltummaa irratti hirmaachuu didanii beekamtii waan hin kennineef dargaggoonni kunneen Singaapoor keessatti deeggarsa seeraa hin qaban.

Dargaggeessi tokko umuriin isaa waggaa 18 yommuu guutu, loltoota Singaapooritti makamuu qaba. Qalbiin isaa waan isaaf hin heyyamneef yoo galuu dide garuu, kaampii loltootaa keessatti hanga jiʼoota 12​tti ni hidhama. Hidhaan isatti murteeffame erga xumuramee booda ni gadhiifama, garuu yeruma sana yuunifoormii loltootaa akka uffatuu fi leenjii loltootaa irratti akka hirmaatu ajajama. Ammas kana gochuu yoo dide siʼa lammaffaadhaaf murtiitti dhihaatee hamma jiʼoota 18​tti isatti murteeffamuu dandaʼa. Kanaafuu, dargaggoonni Dhugaa Baatota taʼanii fi tajaajila loltummaa irratti hirmaachuuf qalbiin isaanii isaaniif hin heyyamne walitti aansuudhaan kan hidhaman siʼa lama yommuu taʼu, walumaa galatti jiʼoota 30f hidhamu.

Singaapoor Qajeelfama Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Kenneef Ajajamuu Didde

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii biyyoota miseensa dhaabbatichaa taʼaniif “sababa qalbiitiin kan kaʼe tajaajila loltummaa irratti hirmaachuu dhiisuun mirga bilisummaa yaadaa, qalbii fi amantaa isa Labsii Mirgoota Namummaa Addunyaa Maraatiin beekamaa taʼe akka kabajan” gaafataniiru. Singaapoor bara 1965 kaasee miseensa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii taatuyyuu, dhimma kana irratti Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii wajjin akka walii hin galle ibsiteetti. Xalayaa Ebla 24, 2002 Koomishinii Mirgoota Namummaa Mootummoota Gamtootamaniitiif barreeffame irratti, abbootiin taayitaa mootummaa Singaapoor, “Amantiinii fi gochi nama tokkoo seera biyyattii wajjin yommuu walitti buʼu, mirgi biyyattiin nageenya biyyattii kabachiisuuf qabdu eegamuu qaba” jedhaniiru. Abbootiin taayitaa sun ifatti, “Dhimma tajaajila loltummaa irratti hirmaachuu qalbiin kan namaaf hin heyyamne taʼuu isaa sadarkaa biyyoolessaa irratti hojii irra kan oolu taʼuu isaa hin beeknu” jedhanii barreessan.

Chaartii Yeroo

  1. Guraandhala 16, 2025

    Walumaa galatti Dhugaa Baatonni Yihowaa 8 tajaajila loltummaa irratti hirmaachuuf qalbiin isaanii waan isaaniif hin heyyamneef mana hidhaa jiru.

  2. Ebla 24, 2002

    Abbootiin taayitaa Singaapoor mirga tajaajila loltummaa irratti hirmaachuu qalbiin isaanii isaaniif hin heyyamnee akka hin beekne mirkaneessaniiru.

  3. Guraandhala 1995

    Cunqursanii fi qabanii hidhamuun Dhugaa Baatota Yihowaa lammii Singaapoor taʼanii dabalaa dhufeera.

  4. Hagayya 8, 1994

    Manni Murtii Ol Aanaa Singaapoor ol iyyannoo Dhugaa Baatonni dhiheessan utuu hin fudhatin hafeera.

  5. Amajjii 12, 1972

    Mootummaan Singaapoor Dhugaa Baatota Yihowaa galmee irraa haqeera.