EBLA 17, 2025
RAASHIYAA
Vilaadimiir Meliniik haadha manaa isaa fi intala isaa wajjin (bitaa), Vilaadimiir Piskaareev (gidduu) fi Artuur Putinistiiv haadha manaa isaa wajjin (mirgaa) obboloonni mana hidhaatii erga gadhiifamanii booda
Obboloonni Sadii Mana Hidhaa Raashiyaatii Gadhiifaman
Ebla 9, 2025, Obboloonni Vilaadimiir Meliniik, Vilaadimiir Piskaareev fi Artuur Putiintiseev mana hidhaatii gadhiifamaniiru. Onkoloolessa 13, 2023 yakkamaa akka taʼan ibsuudhaan tokkoon tokkoon isaanii hidhaa waggaa jaʼaa itti murteeffamee ture. Haa taʼu malee Muddee 2020 jalqabee mana hidhaa waan turaniif kun itti lakkaaʼamuudhaan hidhaan isaanii xumuramuu dandaʼeera.
Vilaadimiir Meliniik bakka himanni irratti dhihaatee gara kiilomeetira 1,400 fagoo mana hidhaa kan geeffame yommuu taʼu maatiin isaa qaamaan deemanii gaafachuuf akka isaanitti ulfaatu godheera. Akkasumas mana hidhaa keessatti kophaa isaa hidhamee ture. Irinaa haati manaa Vilaadimiir obsaan akka dandaʼu wanta isa gargaare akkas jettee dubbatteetti: “Amantii guddaa Vilaadimiir waadaa Yihowaan gale irratti qabu rakkina hedduu mana hidhaa keessatti isa mudate moʼuuf isa gargaareera. Yeroo hunda kadhannaa dhiheessuun rakkinni isarra gaʼullee abdii isaa irratti xiyyeeffachuu fi Yihowaaf amanamaa taʼuuf isa gargaareera.”
Vilaadimiir Piskaareev mana hidhaa erga gadhiifamee booda Taatiyaanaa haadha manaa isaa hojii humnaa akka hojjettu itti murteeffamee wajjin yommuu haasaʼu
Obboloonni kun sadan gara waggaa afuriif walakkaaf maatii isaanii irraa gargar baʼanii turan. Vilaadimiir Piskaareev garuu ammayyuu maatiisaa wajjin wal arguu hin dandaʼu. Taatiyaanaa haati manaasaa Bitootessa 1, 2024 kaasee hojii humnaa akka hojjettu waan itti murteeffameef mana hidhaa jirti. Rakkinni isaanirra gaʼe kun dhiibbaa akkamii akka isaanirraan gaʼe yommuu deebistu Taatiyaanaan akkas jetteetti: “Yeroo himataa kanatti jaalalli Yihowaa, walii keenyaa fi namoota kaaniif qabnu cimeera. Wanti kana jijjiiru tokkollee hin jiru.”
Artuur Putiinitiseev rakkina hedduu mana hidhaa keessatti isa mudate moʼuuf amala Kiristiyaanaa argisiisuun isa gargaareera. Luudimilaa haati manaan isaa akkas jetteetti: “Artuur namoota isaa wajjin hidhaman gidduutti rakkinni yommuu uumamu nyaata isaa isaaniif kennuudhaan gaarummaa itti argisiiseera. Yeroo hunda warra kaan gargaaruuf yaaluudhaan michooma argisiisa.” Artuurii fi Luudimilaan gargaarsa Yihowaa karaa obbolootaa fi obboleettotaa isaaniif godhe arganiiru. Wanta yaadattu akkas jechuudhaan dubbatteetti: “Yihowaan yeroo rakkinni nu mudate hundatti nu gargaareera. Kun haalli jireenya keenyaa akka tasaa yoo jijjiirame illee Yihowaan humna keenyaan ol akka taʼu akka hin goone nutti argisiiseera. Wanti gochuu qabnu guutummaatti isatti amanamuudha.”
Yihowaan jaalalaan kakaʼee deggersaa fi eegumsa inni obboloota kanaaf godheef ni galateeffanna. Haala kana dandamachaa yommuu itti fufanitti Yihowaan “warra cunqurfaman hundumaatiif jechaqajeelummaa fi haqaan” tarkaanfii akka fudhatu ni amanna.—Faarfannaa 103:6.

