EBLA 23, 2024 | KAN HAAREFFAME: Guraandhala 7, 2025
RAASHIYAA
ODUU HAAREFFAME—OLʼIYYANNOO BOODA OBBOLOONI MANA HIDHAA GALANI | Yihowaa Tajaajiluu Dandaʼuu Isaatti ni Galateeffata
Guraandhala 4, 2025, Manni murtii olaanaa inni Rippaablika Udmuurtiyaanitti argamu olʼiyyannoo booda mortoo kanaan dura obboloota keenya Yeevgenii Isteefooniitefadiinii fi Aleeksaandar Vootyookoovitti dabarfamerratti jijjiirama taasiseera. Yeevgeniitti hidhaan waggaa jaʼaa fi Aleeksaandaritti immoo hidhaan waggaa jaʼaa fi jiʼa jaʼaa murtaaʼeera. Amma obbolooni mana murtiitii gara mana hidhaatti geeffamaniiru.
Onkoloolessa 25, 2024, Manni Murtii Koonyaa Piyervoomooskii magaalaa Iizyefiski inni Rippaablika Udmuurtiyaanitti argamu obboloota keenya Yeevgenii Isteefooniitefadiinii fi Aleeksaandar Vootyookoovitti murteesseera. Yeevgeniitti hidhaan daangaa waggaa jaʼaa fi Aleeksaandaritti immoo hidhaan daangaa waggaa jaʼaa fi jiʼa jaʼaa murtaaʼeera. Yeroo ammaatti garuu mana hidhaa hin galan.
Ibsa Gabaabaa
Akkuma Aleeksaandarii fi Yeevgenii bara jireenyaa keenya hundumaatti ‘sodaa malee tajaajila qulqulluu dhiheessinu’ dandaʼuu keenya akka mirga guddaatti ilaalla.—Luqaas 1:74, 75.
Chaartii Yeroo
Ebla 14, 2021
Humnoonni nageenyaa yommuu manni Yeevgenii sakattaʼamu hordofaniiru
Muddee 13, 2022
Aleeksaandarii fi Yeevgenii irratti himanni yakkaa ni baname
Muddee 14, 2022
Poolisoonni manneen lamaan isaanii sakattaʼan. Aleeksaandar mana hidhaa yeroodhaaf keessa tursiifamanitti geeffame. Yeevgeniinimmoo akka hin imalle dhorkame
Muddee 15, 2022
Aleeksaandar mana hidhaa yeroodhaaf keessa tursiifaman keessaa gadhiifamee manaa akka hin baane dhorkame
Waxabajjii 9, 2023
Aleeksaandar dhorkaan manaa akka hin baane isa irratti godhame kan isaaf kaʼe taʼus, akka hin imalle dhorkame
Hagayya 17, 2023
Himanni isaan irratti baname mana murtiitti ilaalamuu jalqabe

