Dhimma ijoo ta'etti seeni

KOORIYAA KIBBAA

Sababii Amantii Isaaniitiin Hidhamaniiru—Kooriyaa Kibbaa

Sababii Amantii Isaaniitiin Hidhamaniiru—Kooriyaa Kibbaa

Onkoloolessa 26, 2020 seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif Kooriyaa Kibbaa keessatti namoonni tajaajila loltummaa kennuuf sammuunsaanii isaaniif hin heyyamne tajaajila bakka loltummaa kennamu kan biraa akka hojjetan isaaniif heyyamame. Haa taʼu malee, abbootiin taayitaa mirga namummaa, Kooriyaa Kibbaa keessatti tajaajilli bakka loltummaa kennamu dheerina isaatiinis taʼe cimina isaatiin adabbiidhaaf kan yaadamee fi loogii kan of keessaa qabu akka taʼe dubbataniiru. Tajaajilli jiʼoota 36f bakka loltummaa kennamu tajaajila loltummaa caalaa dachaadhaan dheerata; kunimmoo ulaagaalee addunyaarra jiru wajjin wal faallessa. Akka ulaagaalee kanaatti tajaajilli bakka loltummaa kennamu sababii quubsaan ykn ragaan kan biraan hamma jiraannetti tajaajila loltummaa tokkoo fi walakkaa caalaa dheerachuu hin qabu. Dhugaa Baatonni Kooriyaa Kibbaa muraasni tajaajila bakka loltummaa kennamu kana fudhachuu didaniiru. Tokko tokko mana murtiitti komii dhiheessaniiru. Caamsaa 30, 2024 Manni Murtii Seeraa Kooriyaa Kibbaa harka 5-4n komii hunda kuffiseera. Haa taʼu malee, manni murtichaa tajaajila bakka loltummaa akka adabbiitti kennamu kana ilaalchisee, “Tajaajilli bakka loltummaa kennamu akkasii gosa adabbii kan biraa mirga namoota tajaajila loltummaa kennuuf sammuunsaanii isaaniif hin heyyamnee sarbudha” jechuudhaan yaada sirna kana mormu dubbateera.

Obboleessi waggaa 29 gaaʼela qabuu fi Wuu Jiin Biyoon jedhamu Kooriyaa Kibbaa keessatti nama jalqaba tajaajila bakka loltummaa kennamu mormuusaatiin hidhamedha. Tajaajila bakka loltummaa kennamu fudhachuu dhiisuuf murtoo dhuunfaa godheera. Tajaajila bakka loltummaa kennamuu fi adabbii hin qabne akka fudhatu kan beeksise taʼus, Adoolessa 24, 2024 manni murtii hidhaa waggaa tokkoo fi jiʼa jaʼaa itti murteesse.

Hanga ammaatti Biyoonii fi dhiirota yeroo ammaatti dhimmisaanii ilaalamaa jiru 9 dabalatee Dhugaa Baatonni 12 tajaajila bakka loltummaa kennamu kana fudhachuu didaniiru. Buʼaa murtii isaaniirratti hundaaʼuudhaan isaanis adabbii fi hidhaan isaan eeggata. Obboloonni hedduun garuu tajaajilli bakka tajaajila loltummaa kennamu ulfaataa taʼus hojjechuusaanii itti fufuuf murteessaniiru.

Chaartii Yeroo

  1. Adoolessa 24, 2024

    Wuu Jiin Biyoon tajaajila bakka loltummaa kennamu fudhachuu waan dideef hidhaan jiʼa 18 itti murtaaʼe.

  2. Sadaasa 10, 2022

    Wuu Jiin Biyoon xalayaan galmee erga isa gaʼee booda sammuunsaa waan isaaf hin heyyamneef tajaajila loltummaa fi tajaajila bakka loltummaa kennamu akka hin fudhanne Bulchiinsa Humna Namaa Waraanaatiif xalayaa barreessee beeksise.

  3. Onkoloolessa 26, 2020

    Mootummaan Kooriyaa Kibbaa namoota tajaajila loltummaa kennuuf sammuunsaanii isaaniif hin heyyamneef tajaajila bakka loltummaa kennamu jalqabsiise.

  4. Sadaasa 1, 2018

    Manni Murtii Olaanaa Kooriyaa Kibbaa sababa sammuutiin tajaajila loltummaa kennuu diduun yakka heera mootummaa cabsu akka hin taane harka 9-4n murteesse.

  5. Waxabajjii 28, 2018

    Manni Murtii Seeraa Kooriyaa Kibbaa kutaan Tajaajila Loltummaa namoota sammuunsaanii isaaniif hin heyyamneef tajaajila bakka loltummaa kennamu qopheessuu dhiisuun seeraan ala akka taʼe beeksise.

  6. Onkoloolessa 18, 2016

    Manni Murtii Guwaanjuu ol iyyannoo dhagaʼu yeroo jalqabaatiif namoonni tajaajila loltummaa kennuuf sammuunsaanii isaaniif hin heyyamne sadi ol iyyannoo erga dhiheessanii booda balleessaa akka hin qabne murteesse.

  7. Hagayya 30, 2011

    Manni Murtii Seeraa ammas seera namoota tajaajila loltummaa kennuuf sammuunsaanii isaaniif hin heyyamne adabu deeggare.

  8. Hagayya 26, 2004

    Manni Murtii Seeraa, seera namoota tajaajila loltummaa kennuuf sammuunsaanii isaaniif hin heyyamne adabu deeggare.

  9. 1975

    Mootummaan tajaajila dirqamaa parsantii 100 waraanarratti hirmaachuu gaafatu jalqabsiise.

  10. 1973

    Mootummaan Dhugaa Baatota hidhamanii jiran dararuu jalqabe; kunis hamma walakkeessa bara 1990​niitti itti fufeera.

  11. 1953

    Mootummaan Dhugaa Baatuu jalqabaa sammuunsaa waraanarratti akka hirmaatu isaaf hin heyyamne hidhe.