Afaan Oromoo
Kooriyaan Kibbaa Namoota Sababii Qalbii Isaaniitiin Waraana Dhaquu Didaniif Dhiifama Addaa Godhe
https://cms-imgp.jw-cdn.org/img/p/702020111/univ/art/702020111_univ_sqr_xl.jpg

AMAJJII 17, 2020
KOORIYAA KIBBAA

Kooriyaan Kibbaa Namoota Sababii Qalbii Isaaniitiin Waraana Dhaquu Didaniif Dhiifama Addaa Godhe

Kooriyaan Kibbaa Namoota Sababii Qalbii Isaaniitiin Waraana Dhaquu Didaniif Dhiifama Addaa Godhe

Muddee 31, 2019⁠tti, mootummaan Kooriyaa Kibbaa namoota 1,879 sababii qalbii isaaniitiin waraana dhaquu didanii fi dhiheenya gadhiifamaniif dhiifama addaa akka godhe beeksisee ture. Obboloonni amma iyyuu himanni yakkaa kan isaan irra jiru taʼus, mootummaa dhorkaa isaan irratti godhame kam irraa iyyuu bilisa isaan baaseera. Dhiifamni addaa dhiheenya godhame kun murtoo Manni Murtii Heera mootummaa fi Manni Murtii Ol Aanaa sababii qalbiitiin tajaajila waraanaa kennuu diduun mirga malee yakka akka hin taane 2018titti murteesseen kan argame dha.

Mootummaan namoonni himataman yommuu hidhaa isaanii xumuran, waggaa shaniif wantoota tokko tokko isaan dhorka ture. Namoonni sababii qalbiitiin waraana dhaquu didan himanni yakkaa waan isaan irraa hin haqamneef, mootummaan obboloota keenya wantoota tokko tokko dhorka ture. Kanaan kan kaʼes, obboloonni keenya qormaata biyyoolessaa mootummaan kennu akka hin fudhanne ykn hojii tokko tokkoof akka hin dorgomne dhorkamu turan.

Obboleessi Hoongi Daaʼiil, inni Kooriyaa Kibbaatti Deeskii Odeeffannoo Uummataatti qindeessaa taʼe akkas jedheera: “Mootummaan dhorkaa kana kaasuu isaatti baayʼee galateeffanna. Murtoon kun namoonni sababii qalbii isaaniitiin waraana dhaquu didanii hidhaman, yakkamtoota miti jedhanii murteessuutti baayʼee dhihoo dha.”

Kooriyaa Kibbaa keessatti jijjiiramni gaariin akka dhufu yommuu eeggachaa jirru kanatti, Yihowaa isa Seera baasaa hunda irra caalu taʼeef, ulfinaa fi kabaja kennina.—Mulʼata 4:11.