ONKOLOOLESSA 11, 2024
ISPEEN
Mana Maree Guddaa, Mana Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa Murtoo Dhugaa Baatonni Yihowaa Yaalii Fayyaa Filachuuf Qaban Deggeru Kenne
Murtoo Manni murtichaa dhimma Piindoo Muulaa ishii Ispeen jiraattuu wajjin walqabate kenne irratti hundumtuu walii galaniiru
Fulbaana 17, 2024, Mana Maree Guddaa, Mana Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa mirgi namoonni dhukkubsatan amantaa isaanii irratti hundaaʼanii yaalii fayyaa barbaadan filachuuf qaban kabajamuu akka qabu sagalee tokkoon murteesse. Murtoo guddaan mirga namoonni dhukkubsatan yaalii fayyaa barbaadan filachuuf qaban akka kabajamu dirqisiisu kun Ispeen keessatti qofa utuu hin taʼin biyyoota miseensota Mana Marii Awurooppaa 46 taʼan keessatti hojii irra oola.
Roosaa Piindoo Muulaa fi abbaa manaa ishii, Armaandoo
Waxabajjii 2018, obboleettiin keenya Roosaa Piindoo Muulaa jedhamtuu fi umuriin ishii waggaa 47 taʼe dhibee fayyaa cimaa hin taaneef mana yaalaa Maadriid, Ispeen jiru tokko galtee turte. Roosaan doktaroonni yaalii ishiidhaaf kennuu isaanii dura, kaardii qajeelfama yaalii fayyaa isaaniif kenniteetti; akkasumas murtoo dhuunfaa ishii fi qalbiin ishii inni Kitaaba Qulqulluutiin leenjiʼe dhiiga fudhachuuf akka ishiidhaaf hin heyyamne isaaniif ibsiteetti. (Hojii Ergamootaa 15:28, 29) Namoonni mana yaalaa sana keessaa hojjetanis kaardii ishii galmee yaalii fayyaa ishii qabate keessa kaaʼaniiru. Haa taʼu malee, Roosaan utuu hin beekin namni itti gaafatamaa dabaree guyyaa sanaa taʼe yeroo yaalii baqaqsanii hodhuu cimaa godhanitti akka dhiigni ishiidhaaf kennamu ajaje. Yaalii ishiidhaaf godhame sana booda, Roosaan ifatti kan isaaniif ibsitee turte taʼus, namoonni mana yaalaa sana keessa jiran yaada ishiin kennite dhiisanii dhiiga akka ishiidhaaf kennan yommuu hubattu baayʼee rifatte.
Abbootiin murtii Mana Maree Guddaa 17 dhimma obboleettii keenya Piindoo Muulaa Ispeen jiraattuu wajjin haala wal qabateen “namni gaʼeessi dhukkubsate yaalii fayyaa hin barbaanne kamiyyuu fudhachuu diduuf mirga akka qabu” irratti walii galaniiru; kana malees, “seerawwan yaalii fayyaa keessaa wanti hunda caalaa baayʼee barbaachisaa taʼe namni dhukkubsate sun yaalii fayyaa tokko fudhachuuf ykn disuuf yoo murteesse mirga nama sanaa isaaf kabajuu” akka taʼe mirkaneesseera.
Waldaa obbolummaa addunyaa maraa tokkummaa qabu waan taaneef, Manni Murtii kun murtoo mirga obboleettii keenya Piindoo Muulaa dabalatee obboloota keenya miliyoonaan lakkaaʼamanii fi yaalii fayyaa wanta dhuunfaatti itti amanan, naamusaa fi ilaalcha isaanii irratti hundaaʼanii murtoo dhuunfaa godhan kabajiisu gochuu isatti baayʼee gammanneerra.