SADAASA 27, 2024
FILIPPIINSI
Obomboleettiiwwan Ciccimoon Toorba Walitti Aansanii Filippiinsiin Rukutan
Torban jaʼa keessatti, jechuunis dhuma Fulbaanaa 2024 hanga walakkeessa Sadaasa 2024tti, obomboleettiiwwan toorba bokkaa cabbii makate qaban Filippiinsitti walitti aananii gaʼan miidhaa guddaa geessisaniiru; maqaawwan isaaniis akka armaan gadiitti ibsama: Kiraatan, Tiraamii, Koonig-reey, Yiishiingi, Toraajii, Usaagii fi Maan-ii. a Obomboleettiin dhiheenya kana, jechuunis Sadaasa 17, 2024 gaʼee fi Maan-ii jedhamu, bubbee cima saʼaatii tokko keessatti kiilomeetira 305 ol deemu manneen jireenyaa fi manneen daldalaa hedduu barbadeesseera. Naannoowwan iddoo gad aanaa taʼe irra jiran bokkaa cimaa roobeen kan kaʼe, lolaan seentimeetira 20 ol taʼe kuufamee ture; kunimmoo lolaan akka uumamuu fi lafti akka sigigaatu godheera. Haalli balaadhaaf nama saaxilu uumamuu isaatiin kan kaʼe namoonni kuma dhibbaan lakkaahaman qeʼee isaanii irraa buqqaʼuuf dirqamaniiru.
Obomboleettiiwwan humna guddaa qaban kunneen guutummaa biyyattii keessatti namoota miliyoona 12 ol taʼan irratti dhiibbaa geessisaniiru. Namoonni gara 150 taʼan miidhamaniiru; akkasumas yoo xinnaate namoonni 160 balaa kanaan lubbuu isaanii dhabaniiru.
Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Irra Gaʼe
Obomboleettii Kiraatan Jedhamu
Obbolootaa fi obboleettota keenya keessaa namni miidhame ykn duʼe hin jiru
Manneen 2 irra miidhaa cimaan gaʼeera
Manneen 12 irra miidhaa salphaan gaʼeera
Galma Walgaʼii 1 irra miidhaan salphaan gaʼeera
Obomboleettii Tiraamii jedhamu
Gabaasa kanaan dura mata duree Amaariffaan jiruu fi “Obomboleettiin Tiraamii Jedhamtu Filippiinsiin Rukutte” jedhu irratti baʼe ilaali
Obomboleettii Bokkaa Cabbii Makatee fi Koongi-reey Jedhamu
Obbolootaa fi obboleettota keenya keessaa namni miidhame ykn duʼe hin jiru
Galma Walgaʼii irra miidhaan hin geenye
Obomboleettiiwwan Yiishiingii fi Toraajii jedhaman
Obbolootaa fi obboleettota keenya keessaa namni miidhame ykn duʼe hin jiru
Babalʼistoonni 329 qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniiru
Manneen 2 barbadaaʼaniiru
Manneen 14 irra miidhaa cimaan gaʼeera
Manneen 96 irra miidhaa salphaan gaʼeera
Galma Walgaʼii irra miidhaan hin geenye
Obomboleettiiwwan Maan-ii fi Usaagii Jedhaman
Obbolootaa fi obboleettota keenya keessaa namni miidhame ykn duʼe hin jiru
Babalʼistoonni 27 qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniiru
Manneen 10 barbadaaʼaniiru
Manneen 58 irra miidhaa cimaan gaʼeera
Manneen 102 irra miidhaa salphaan gaʼeera
Galmawwan Walgaʼii 12 irra miidhaa salphaan gaʼeera
Hojii Gargaarsaa
Obbolootaa fi obboleettonni Galma Walgaʼii Apaayaawoo, Filippiinsi keessatti miʼa gargaarsaaf taʼu qopheessaa jiran
Bakka buʼooni waajjira damee, ilaaltonni olaanaa aanaa fi jaarsoliin gumii naannoo sanaa obboloota balaawwan kanaan miidhamaniif wanta karaa hafuuraa fi karaa qaamaa isaan barbaachisu dabalatee deegarsa qabatamaa ta‵e dhiheessaa jiru
Guutummaa biyyattii keessatti Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa 20mni hojii gargaarsaa kana akka qindeessan ramadamaniiru
Yihowaan obboloota keenya guutummaa Filippiinsi keessa jiranii fi miidhaa isaan irra gaʼe dandamachaa jiran hunda, jajjabeessaa fi ‘kadhannaa isaanii xiyyeeffannaadhaan dhagaʼuu’ isaa akka itti fufu amanannaa guutuu qabna.—Faarfannaa 102:17.
a Obomboleettiiwwan Filippiinsi keessatti walitti aansuudhaan uumaman kan armaan gaditti argamanidha: Juuliyaan, Kiristiinee, Leeyoon, Maarkee, Niikaa, Oofeelii fi Peepitoo.