SADAASA 23, 2020
FILIPPIINSI
Obomboleettiin Vaamkoo Jedhamu Kutaa Filippiinsii Duraan Obomboleettii Cimaadhaan Miidhame Rukute
Iddoo
Luuzoon
Balaa
Sadaasa 11, 2020, obomboleettiin Vaamkoo jedhamu (naannoo sanatti Uulysses jedhama) Paatnaanuungaan isa bulchiinsa Kuwiizoonitti argamu rukute, achiis naannoo Luuzoon hedduutti balaa geessise
Obomboleettiin Vaamkoo, obomboleettiiwwan Filippiinsiin rukutanii fi lolaa cimaa geessisan keessaa 21ffaa dha
Obomboleettiin kun kan dhufe erga obomboleettiin Gooni dhufee booda dha. Gooniin obomboleettiiwwan ciccimoo 2013 booda Filippiinsitti gaʼan keessaa tokko siʼa taʼu, kutaa Luuzoon rukuteera
Obomboleettiin bokkaa cimaa qabuu fi walitti aansee gaʼe kun hidhawwan guguddaan garmalee akka guutan godheera. Kunis abbootiin taayitaa bakka obomboleettii Vaamkootiin hin rukutamnetti bishaanicha akka gadhiisan isaan kakaaseera
Miidhaa obbolootaa fi obboleettota irra gaʼe
Maatiiwwan 600 ol lolaa kanaan buqqaʼaniiru. Maatiiwwan kana keessaa tokko tokko lubbu baraartonni gaʼuu isaanii dura bishaan dabalaa deemu jalaa ooluuf baaxii mana isaanii irra baʼaniiru
Obboleessi dargaggeessi tokko caccabaan qaruuraa fuula isaa waan rukuteef madaaʼeera. Amma bayyanachaa jira
Miidhaa qabeenya irra gaʼe
Gabaasni jalqabaa akka argisiisutti:
Yoo xinnaate Galmawwan Mootummaa 6 fi waajjirri hiikkaa fagoo tokko lolaadhaan miidhamaniiru
Yoo xinnaate manneen 20 miidhamaniiru
Manni tokko guutummaatti mancaʼeera
Hojii gargaarsaa
Ilaaltonni ol aanaa aanaa fi jaarsoliin gumii hojii gargaarsaa jalqabaa qindeessaniiru; kunis nyaata, bishaanii fi warra buqqaʼaniif iddoo jireenyaa dhiheessuu dabalata
Maatiiwwan tokko tokko hojii qulqullinaa jalqabuuf gara mana isaaniitti deebiʼaniiru
Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa 3 hojii gargaarsaa geggeessaa jiru
Obboloonni qajeelfama COVID-19 wajjin karaa wal simuun hojii gargaarsaa of eeggannoodhaan raawwachaa jiru
Yihowaan yeroo rakkisaa kanatti obbolootaa fi obboleettota keenya akka gargaaru beekna. Sabni Yihowaa hundi balaa uumamaa utuu hin sodaatin yeroo nagaa fi tasgabbiidhaan itti jiraatan hawwiidhaan eegganna.—Faarfannaa 4:8.