Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessi keenya Elneetan Lii (gubbaa) fi obboleessi keenya Israaʼel Aavees (gajjallaa) waajjira damee Filippiinsi bakka buʼuudhaan Konfiransii fi Feestivaalii Afaan Dhalootaa Idil Addunyaa viidiyoo konfiransiidhaan geggeeffame irratti ibsa kennaniiru

EBLA 26, 2021
FILIPPIINSI

Konfiransii fi Feestivaaliin Afaan Dhalootaa Idil Addunyaa Kan Bara 2021 Hojii Hiikkaa Dhugaa Baatonni Yihowaa Filippiinsi Keessatti Hojjetan Irratti Mariʼate

Konfiransii fi Feestivaaliin Afaan Dhalootaa Idil Addunyaa Kan Bara 2021 Hojii Hiikkaa Dhugaa Baatonni Yihowaa Filippiinsi Keessatti Hojjetan Irratti Mariʼate

Konfiransii fi Feestivaaliin Afaan Dhalootaa Idil Addunyaa, konfiransii barnootaa barsiisonni, namoonni siyaasaa fi hayyoonni biyyoota 12 irraa dhufan irratti hirmaatani dha. Konfiransiin kun Guraandhala 21 hanga Bitootessa 20, 2021⁠tti viidiyoo konfiransiidhaan geggeeffame. Doktar Rikaardoo Nolaskoo inni Yunivarsiitii Filippiinsi Diliman keessatti Dippaartimantii Afaanii keessaa hojjetuu fi dura taaʼaa konfiransii sanaa ture, namoota waajjira damee Filippiinsi bakka buʼanii konfiransii sana irratti hirmaatan affeeree ture. Bitootessa 9, 2021⁠tti obboleessi keenya Elneetan Lii fi Israaʼel Aavees warri hiiktoota taʼan Dhugaa Baatonni Yihowaa hojii hiikkaa kan hojjetan akkamitti akka taʼe ibsaniiru. Namoonni viidiyoo konfiransiidhaan konfiransii kana irratti hirmaatan 320 turan.

Doktar Rikaardoo Nolaskoon akka jedhanitti qorannoo geggeeffameen Filippiinsi keessatti Kitaabota barataatti aanee baayʼinaan kan dubbifamu Kitaaba Qulqulluu dha. Kanaafuu, konfiransiin kun mata duree “Afaanota Filippiinsiin Kitaaba Qulqulluu Hiikuu” jedhu qabatee ture. Obboloonni keenyas ibsa kan kennan mata duree kana irratti ture.

Obboleessi keenya Israaʼel ibsa kan kenne mata duree, “Sirrii, Salphaatti Kan Dubbifamu Moo Lamaan Isaa? Afaanota Biyya Keessaa fi Rakkoowwan Yeroo Kitaabni Qulqulluun Hiikamutti Nama Mudatan” jedhu irratti ture. Hiiktonni Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa wanti hiikan sirrii fi salphaatti kan dubbifamu akka taʼu gochuuf kan yaalan akkamitti akka taʼe ibseera. Obboleessi keenya Israaʼel namoota konfiransii sana irratti argamaniin akkana jedhee ture: “Kaayyoon Dhugaa Baatota Yihowaa inni guddaan Kitaaba Qulqulluu barsiisuu waan taʼeef, afaanota namoonni hedduun hin dubbanneen illee Kitaaba Qulqulluu hiikaniiru. Dubbii Waaqayyoo karaa sirrii fi salphaatti dubbifamuu dandaʼuun hiikuu irratti milkaaʼina akkamii akka arganne ofuma keessanii ilaaluu akka dandeessaniif, kitaabota kana bilisaan intarneetii irraa argachuu dandeessu ykn gara galmawwan walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa dhaquudhaan kan maxxanfame fudhachuu dandeessu.”

Obboleessi keenya Elneetan immoo mata duree, “Sabootaa fi Qooqa Hundumaa Keessaa Namoota Walitti Qabuu: Hojii Hiikkaa Dhugaa Baatonni Yihowaa Addunyaa Maratti Hojjetan” jedhuun hojiin hiikkaa Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti hojjetan hammam balʼaa akka taʼe ibseera. Namoota gargaarsa godhan dabalatee hiiktonni 6,000 taʼan hojii kana hojjechaa akka jiran dubbateera. Hojiin hiikkaa keenya bara 1890mmannii irraa eegalee hanga ammaatti guddina dinqisiisaa hammam akka godhes ibseera. Waaʼee weebsaayitii keenya jw.org isa akka addunyaatti afaanota hedduudhaan hiikamuudhaan beekamuu fi Sadaasa 2019 immoo afaanota 1000 gaʼee ibseera.

Obboleessi keenya Elneetan akkana jechuudhaan ibsa isaa xumureera: “Hiiktonni barreeffamoota Dhugaa Baatota Yihowaa hojiin isaanii hojii haawaasa fayyadu akka taʼetti ilaalu; kanaafuu, kaayyoon isaanii hiikkaa namoonni addunyaa maratti argaman hundi hubachuu, irraa barachuu, itti gammaduu fi jajjabina irraa argachuu dandaʼan hiikuu dha.”

Carraaqqii hojii hiikkaa hojjechuuf goone namoota kaanitti himuuf carraa argachuu keenyatti baayʼee gammanneerra. Yeroo kam iyyuu caalaa yeroo ammaatti ragaawwan misiraachoon ‘saba, gosaa fi qooqa hundumaatiif’ labsamaa akka jiru argisiisan hedduun jiru.—Mulʼata 14:6.