HAGAYYA 5, 2022
FILIPPIINSI

Kirkirri Lafaa Cimaan Kaaba Filippiinsitti Uumame

Kirkirri Lafaa Cimaan Kaaba Filippiinsitti Uumame

Adoolessa 27, 2022​tti, kirkirri lafaa cimaan maaginiitiyuudii 7.0 taʼe, odoola Luuzoon ishii Filippiinsi keessatti argamtu mudateera. Kirkirri kun keessumaa naannoo bulchiinsa Abraa garmalee miidheera. Kirkirri uumame kun hamma Maaniilaa ishii kiilomeetira 400 fagaattee argamtuutti dhagaʼameera. Kirkira lafaa kana booda sochiin lafaa 2,000 ol taʼu uumameera.

Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Keenya Irra Gaʼe

  • Obbolootaa fi obboleettota keenya keessaa namni duʼe hin jiru

  • Babalʼistoota 4 irra miidhaan qaamaa salphaa taʼe gaʼeera

  • Maatiin 42 godaananiiru

  • Manneen 63 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Manni 1 baayʼee miidhameera

  • Galma walgaʼii 13 irra miidhaan gaʼeera

Hojii Gargaarsaa

  • Hojii gargaarsaa kana ol aantummaadhaan akka hordofuuf Koreen Gargaarsaa Yeroo Balaa 1 hundaaʼeera

  • Jaarsoliin gumii naannoo sanatti argaman obboloota miidhaan irra gaʼeef tika gochaa jiru

  • Gargaarsi hundi qajeelfama Kooviid 19f baʼe utuu hin cabsin raawwatamaa jira

Waajjirri damee obboloota naannoo miidhaan gaʼe jiraniif yeruma sana miʼa gargaarsaa ergeera, bakka yeroodhaaf buufatanis isaaniif qopheesseera. Kirkirri lafaa kun obboloota naannoo sanaa hunda kan mudate taʼus wal gargaaraniiru.

Yihowaan ‘Yeroo dhiphisaa taʼe’ kanatti obbolootaa fi obboleettota keenya akka oolchu guutummaatti amanna.—Faarfannaa 50:15.