CAAMSAA 12, 2020
FILIPPIINSI
Gumiin Tokko Yeroo Dhibee Daddarbaa Kanatti Obboleettii Dhagaʼuu fi Arguu hin Dandeenye Gargaare
Obboleettii Siintiiyaa Paabloo ishiin umuriin ishii 64 taʼee fi babalʼistuu hin cuuphamne taate Filippiinsitti gumii afaan mallattoo Paanghuuloo hirmaatti. Ishiin gurri ishii kan hin dhageenyee fi iji ishii kan hin argine siʼa taʼu, qarshiin qabdus baayʼee xinnoo ture. Ishiin firoottan ishii Dhugaa Baatota hin taanee wajjin Magaalaa Vaaleenzuʼeelaa isa jiraattota hedduu qabu keessa jiraatti. Siintiiyaan rakkina hedduu kan qabdu siʼa taʼu, rakkinni ishii kun sababa dhibee daddarbaatiin waan hammaateef, obboloonni gumii ishii jiran ishii gargaaruuf tarkaanfii fudhataniiru.
Obboleessi Iluumiin doqdoqqee isaatiin Siintiiyaadhaaf uffata miicamee fi nyaata yommuu geessu
Siintiiyaan sababa umurii ishiitiin kan kaʼe, COVID-19n salphaatti qabamuu dandeessi. Dhibeen kun naannoo ishiitti hanqinni bishaanii akka uumamu waan godheef, uffata ishii miiccachuun rakkisaa akka taʼu godheera. Rakkina dhibee fayyaa kana dura, obboleettonni gumii ishii jiran hojii manaa ishii gargaaru turan; taʼus, dhorkaan mootummaan amma baase kana akka hin goone isaan dhowweera.
Jaarsi gumii ishii obboleessi Waaltar Iluumiin, heyyama addaa mana isaatii baʼee Siintiiyaa kunuunsuu isa dandeessisu abbootii taayitaa irraa argateera. Heyyamni akkasii kan kennamu namoota tajaajila barbaachisaa kennaniif qofa dha. Waaltar uffata ishii miicuu malees, nyaataa fi wantoota barbaachisoo taʼan kan biroo ishiidhaaf fideera. Obboleessi kun maaskii fi wantoota eegumsa godhan uffachuu, akkasumas harka isaa irra deddeebiʼee dhiqachuudhaan, seeraa fi qajeelfama mootummaan baase hunda sirriitti hordofeera.
Siintiiyaan dhibee daddarbaa dura tajaajila irratti yommuu hirmaattu
Siintiiyaan obbolootaa fi obboleettota galateeffachuuf, viidiyoo gabaabaa dinqisiifannaa ishii ibsu qopheessitee ergiteetti. Achiis obboleessi Iluumiin viidiyoo sana gumiitti argisiiseera.
Kana malees, jaarsi kun walgaʼii viidiyookonfiraansiitiin godhamu afaan mallattoo harka walii sochoosuudhaan godhamutti ishiidhaaf hiikuuf gara mana ishii deema. Siintiiyaan gargaarsa kanaan, Qoʼannaa Masaraa Eegumsaa irratti yeroo hunda yaada kenniti. Yeroo rakkisaa kanatti hirmaannaan ishiin walgaʼii irratti gootu warra walgaʼii hirmaatan kaan jajjabeesseera.
Yihowaan sabni isaa ‘guyyoonni sun dhihaachaa yommuu deemanitti caalaatti’ wal jajjabeessuu fi wal gargaaruu isaanii yommuu argu baayʼee akka gammadu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Ibroota 10:24, 25.