Dhimma ijoo ta'etti seeni

WAXABAJJII 22, 2021
FILIPPIINSI

Dhugaa Baatonni Yihowaa Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Biikooliin Baasan

Dhugaa Baatonni Yihowaa Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Biikooliin Baasan

Waxabajjii 20, 2021⁠tti Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa bifa dijitaalaan Afaan Biikooliin baʼe. Obboleessi keenya Deentan Hopkiinsa inni miseensa Koree Waajjira Damee Filippiinsi taʼe, walgaʼii babalʼistoota gumiiwwan 97 keessatti argamaniif kallattiidhaan tamsaafame irratti Kitaabni Qulqulluun baʼuu isaa beeksise.

Ibsa Gabaabaa Waaʼee Pirojektii Kanaa

  • Baayʼinni Namoota Afaan Biikool dubbatanii miliyoona 5.8 yeroo taʼu, irra jireessaan naannoowwan Filippiinsi 5 keessa jiraatu: Albee, Kaamaariinis Norchii, Kaamaariinis Suur, Kaataanduunisii fi Sorsogoon

  • Afaan Filippiinsitti baayʼinaan dubbataman keessaa 5⁠ffaa dha

  • Babalʼistoonni 5,800 ol taʼan gumii Afaan Biikooliin geggeeffamu keessa tajaajilu

  • Gareen Hiiktotaa 2 hojii kana xumuruuf waggaa torbaa fi walakkaa itti fudhateera

Miseensi garee kanaa tokko akkana jedheera: “Biikool Afaan loqoda garaa garaa qabu waan taʼeef, jechoota namoonni Afaan Biikool dubbatan hedduun hubatanitti fayyadamuuf carraaqqii cimaa gooneerra.”

Garee hiikkaa kana keessaa inni tokko immoo akkana jedheera: “Hiikkaan qulqulluu taʼee fi Afaan ammayyaatiin qophaaʼe kun namoonni Kitaaba Qulqulluu dubbisan hiika isaa salphaatti hubachuuf akka isaan gargaaru ni amanna.”

Filippiinsi keessatti Kitaabni Qulqulluun Hiikni Addunyaa Haaraa inni haareffame afaanota biyyattii jaʼan argama: Sibuwaanoo, Hiligeenan, Ilokoo, Paangaasinaan, Taagaaloogii fi Waaraay-Waaraay.

Obboloonnii fi obboleettonni Afaan Biikool dubbatan Kitaaba kana argachuu isaanitti baayʼee gammanneerra. Kitaabni Qulqulluu kun namoonni dabalataa hedduun Yihowaa akka jajatan akka isaan kakaasuu fi gara fuulduraatti “Bara baraaf gammachuudhaan [jiraachuuf]” akka isaan kakaasu ni amanna.”—Faarfannaa 22:26.