Dhimma ijoo ta'etti seeni

ERTIRAA

Sababii Amantii Isaaniitiin Hidhamaniiru—Ertiraa

Sababii Amantii Isaaniitiin Hidhamaniiru—Ertiraa

Waggoota hedduudhaaf mootummaan Ertiraa dubartootaa fi maanguddoota dabalatee Dhugaa Baatota Yihowaa callisee qabee hidhaa ture; mana murtiittis hin dhiheessu. Pireezidaanti Isaayyaas Afawarqiin murtoo uummataa ofiin of bulchuu bara 1993​tti geggeeffame irratti hirmaachuu waan didanii fi tajaajila loltummaa irratti hirmaachuuf qalbiin isaanii waan isaanii hin heyyamneef labsii mootummaa Onkoloolessa 25, 1994 baʼeen mirga lammummaa isaanii isaan dhabsiisaniiru. Abbootiin taayitaa Ertiraa dirqamaan gara bakka itti galmeeffaman geessuu jalqabuu isaanii dura, tajaajila uummataa bakka tajaajila loltummaa raawwatamu ni heyyamu turan. Dhugaa Baatonni hedduun yeroo adda addaatti bulchitoota gara garaa jalatti tajaajila kana irratti hirmaataniiru. Abbootiin taayitaa “Waraqaa Ragaa Xumura Tajaajila Biyyaalessaa” seera qabeessa taʼe qopheessaniiru; akkasumas yeroo baayʼee hojii isaan raawwataniif isaan galateeffatu turan. Haa taʼu malee, labsii pireezidaantiin baase irratti hundaaʼuudhaan, humnoonni nageenyaa Dhugaa Baatonni Yihowaa amantii isaanii akka ganan dirqisiisuuf mana hidhaa isaan galchaniiru, isaan dararaniiru, akkasumas isaan doorsisaniiru.

Yeroo ammaatti Dhugaa Baatonni Yihowaa 66 (dhiirota 37 fi dubartoota 29) mana hidhaa jiru. Fulbaana 2024 poolisoonni mana dhuunfaa namoonni waaqeffannaadhaaf keessatti walitti qabaman humnaan seenanii yeroo namoota 24 qabanii deemanitti lakkoofsi kun baayʼee dabaleera. Ijoolleen lama yeroo booda gadhiifamaniiru. Guyyoota muraasa boodammoo Dhugaa Baatuun Yihowaa kan biraan umuriin ishii waggaa 85 taʼe qabamteetti. Dhugaa Baatonni 23n hundi gara Mana Hidhaa Maayi Serwaatti geeffamaniiru. Muddee 7, 2024 Dhugaa Baatota sana keessaa tokko kan taate Saaron Gabruu ishiin mucaa ishii jalqabaa ulfooftee fi ulfa jiʼa sagalii taate gadhiifamteetti; Amajjii 15, 2025 immoo, Miizaan Gabrayesuus ishiin waggaa 82 taate gadhiifamteetti.

Sadaasa 1, 2024, abbootiin taayitaa dhimma nageenyaa ammas Dhugaa Baatota Yihowaarratti kaʼuudhaan barattoota Dhugaa Baatota taʼanii fi umuriinsaanii waggaa 16 hanga 18 taʼe afur qabanii hidhaniiru. Erga qoratamanii booda yeruma sana gara Mana Hidhaa Maayi Serwaatti geeffaman. Sadaasa 22, abbootiin taayitaa intala Almaaz Gabrahiwoot mana barumsaatii fuudhanii gara buufata poolisiitti geessan. Yeroo Almaaz intala ishii hiiksisuuf gara buufata poolisii deemtu, abbootiin taayitaa intala ishii gadhiisanii ishii hidhan. Almaaz yeroo ammaatti Buufata Poolisii 5​ffaa isa Asmaraatti argamu keessa jirti.

Haala Mana Hidhaa Ulfaataa Taʼe

Dhugaa Baatonni Mana Hidhaa Maayi Serwaa fi manneen hidhaa kan biroo keessa jiran haala baayʼee ulfaataa taʼe keessatti argamu. Kutaawwan xixinnoo keessatti namoonni hedduun waan hidhamaniif diriirfatanii ciisuu hin dandaʼan; kanaa mannaa, walitti dadachaʼaanii fi baayʼee walitti sissiqanii cinaacha isaaniitiin ciisu. Meeshaaleen qulqullinaa hin jiran. Dhiironnis taʼan dubartoonni mana boolii dhaquu kan dandaʼan guyyaatti siʼa lama saʼaatii murtaaʼaattidha. Sanuu utuu loltoonni isaan ilaalaniiti. Yaalii fayyaa gaarii hin argatan; nyaannii fi bishaan gaʼaa taʼes hin jiru.

Haala ulfaataa kanaan kan kaʼe Dhugaa Baatonni afur utuu mana hidhaa Ertiraa keessa jiranii duʼaan boqotaniiru; maanguddoonni Dhugaa Baatota taʼan sadiimmoo haala rakkisaa mana hidhaa keessatti dabarsaniin kan kaʼe erga gadhiifamanii booda duʼaan boqotaniiru.

  • Bara 2011 fi 2012​tti, Dhugaa Baatonni lama Mana Hidhaa Meeyitir keessatti gocha suukanneessaa namummaadhaa ala isaan irratti raawwatameen duʼaan boqotaniiru. Misginnaa Gabratinsaaʼeen umurii isaa waggaa 62​tti Adoolessa 2011​tti mana hidhaa lafa jalaa hoʼa cimaa qabu keessatti adabamuu isaatiin kan kaʼe duʼaan boqoteera. Yohaannis Hayileen immoo, haaluma wal fakkaataa keessatti gara waggaa afurii erga hidhamee booda umurii isaa waggaa 68​tti, Hagayya 16, 2012​tti duʼaan boqoteera.

  • Dhugaa Baatonni maanguddoon sadii Kaahaasaayi Makonnin, Gooyitom Gabrakiristoosii fi Tsahaayee Tasfaamaariyaam jedhaman haala rakkisaa Mana Hidhaa Meeyitir jedhamu keessatti isaan irra gaʼeen mana hidhaatii erga gadhiifamanii booda duʼaan boqotaniiru.

  • Bara 2018​tti, Dhugaa Baatonni lama Mana Hidhaa Maayi Serwaa jedhamutti erga dabarfamanii booda duʼaan boqotaniiru. Haabtamikaaʼel Tasfaamaariyaam Amajjii 3 umurii isaa waggaa 76​tti duʼaan boqoteera; Haabtamikaaʼel Makonnin immoo Bitootessa 6 umuriisaa waggaa 77​tti duʼaan boqoteera. Abbootiin taayitaa Ertiraa namoota lamaan kana himata tokko malee bara 2008​tti hidhan.

Yeroo hin Murteeffamneef Hidhamuu

Dhugaa Baatonni hidhamanii jiran hedduun yeroo hin murtoofneef hidhamu; hamma duʼanitti ykn duʼu jala yoo gaʼan malee ni gadhiifamna jedhaniis hin abdatan. Biyyattii keessa adeemsi seeraa ykn qophiin gama kanaan hojii irra ooluu dandaʼu waan hin jirreef hidhaan isaanii umurii guutuu taʼa.

Chaartii Yeroo

  1. Guraandhala 17, 2025

    Walumaa galatti Dhugaa Baatonni 66 hidhamanii jiru.

  2. Sadaasa 22, 2024

    Almaaz Gabrahiwoot miseensa paartii siyaasaa biyyattii taʼuu waan diddeef qabamte.

  3. Sadaasa 1, 2024

    Barattoonni Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan 4 qabamanii gara Mana Hidhaa Maayi Serwaatti geeffaman.

  4. Fulbaana 27, 2024

    Dhugaa Baatonni Yihowaa 23 qabamanii gara Mana Hidhaa Maayi Serwaatti geeffaman; boodas isaan keessaa lama gadhiifamaniiru.

  5. Guraandhala 1, 2021

    Dhugaa Baatonni sadi mana hidhaatii gadhiifamaniiru.

  6. Amajjii 29, 2021

    Dhugaa Baatuun tokko mana hidhaatii gadhiifameera.

  7. Muddee 4, 2020

    Dhugaa Baatonni 28 mana hidhaatii gadhiifamaniiru.

  8. Bitootessa 6, 2018

    Haabtamikaaʼel Makonnin gara Mana Hidhaa Maayi Serwaatti erga dabarfamee booda umurii isaa waggaa 77​tti duʼaan boqoteera.

  9. Amajjii 3, 2018

    Haabtamikaaʼel Tasfaamaariyaam gara Mana Hidhaa Maayi Serwaatti erga dabarfamee booda umurii isaa waggaa 76​tti duʼaan boqoteera.

  10. Adoolessa 2017

    Dhugaa Baatonni Mana Hidhaa Meeyitiritti hidhamanii turan hundi Mana Hidhaa Maayi Serwaa isa magaalaa Asmaraadhaa ala jirutti dabarfamaniiru.

  11. Adoolessa 25, 2014

    Namoota Ebla 14 qabaman keessaa hedduun isaanii gadhiifamaniiru; warra Ebla 27 qabaman keessaa 20 garuu ammayyuu mana hidhaa jiru.

  12. Ebla 27, 2014

    Dhugaa Baatonni 31 Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf walitti qabamanii utuu jiranii qabaman.

  13. Ebla 14, 2014

    Dhugaa Baatonni 90 ol taʼan Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristoos isa waggaa waggaadhaan kabajan utuu kabajaa jiranii qabamaniiru.

  14. Hagayya 16, 2012

    Yohaannis Hayileen haala rakkisaa mana hidhaa keessatti isa mudateen kan kaʼe umuriisaa waggaa 68​tti manuma hidhaa keessatti duʼaan boqoteera.

  15. Adoolessa 2011

    Misginnaa Gabratinsaaʼeen haala rakkisaa mana hidhaa keessatti isa mudateen kan kaʼe umuriisaa waggaa 62​tti manuma hidhaa keessatti duʼaan boqoteera.

  16. Waxabajjii 28, 2009

    Abbootiin taayitaa mana Dhugaa Baatuu tokkoo weeraruudhaan Dhugaa Baatota achitti walgaʼii amantii geggeeffachaa turan hunda qabaniiru; namoonni 23n sun umuriinsaanii waggaa 2 hanga 80 ture.

  17. Ebla 28, 2009

    Abbootiin taayitaa Dhugaa Baatuu tokko waajjira poolisiitti hambisuudhaan warra kaan hunda gara Mana Hidhaa Meeyitiritti dabarsaniiru.

  18. Adoolessa 8, 2008

    Abbootiin taayitaa Dhugaa Baatota 24 qabanii hidhuuf manaa fi bakka hojii sakattaʼuu jalqaban; baayʼeensaanii wanta maatiisaaniitiif barbaachisu kan dhiheessu isaanidha.

  19. Caamsaa 2002

    Mootummaan dhaabbilee amantaa afur mootummaa biratti fudhatama qaban irraa kan hafe dhaabbilee amantaa hunda ni dhorke.

  20. Onkoloolessa 25, 1994

    Labsiin pireezidaantii lammummaa Dhugaa Baatota Yihowaa mulquu fi mirgoota buʼuuraa lammiileen biyyattii argachuu qaban akka dhaban taasisu ni baʼe.

  21. Fulbaana 17, 1994

    Phaawulos Iyyaasuu, Yisihaaq Mogasii fi Nagada Taklamaariyaam himata malee ykn mana murtiitti utuu hin dhihaatin hidhaman.

  22. Bara 1950mman

    Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo jalqabaatiif gara Ertiraa deeman.