Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleettii keenya Saaron Gabruu, Muddee 7, 2024 mana hidhaatii erga gadhiifamtee booda

MUDDEE 30, 2024
ERTIRAA

Obboleettiin Ulfa Taatee fi Saaron Gabruu Jedhamtu Mana Hidhaa Ertiraatii Hiikamte

Obboleettiin Ulfa Taatee fi Saaron Gabruu Jedhamtu Mana Hidhaa Ertiraatii Hiikamte

Muddee 7, 2024, obboleettiin keenya Saaron Gabruu jedhamtu mana hidhaa Ertiraa Maayi Sirwaa jedhamuu gadhiifamteetti. Saaron mucaa ishii jalqabaa kan ulfoofte yommuu taʼu, jiʼa sagal waan guutteef daʼuu jala geessetti. Saaronii fi abbaan manaa ishii Fitsum dhiirota, dubartootaa fi ijoollee Fulbaana 2024 walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa naga qabeessa irratti hirmaachuu isaaniitiin hidhaman 20 keessatti argamu turan.

Kan nama gaddisiisu, kun erga taʼee gara jiʼa tokkoo booda, jechuunis Sadaasa 1, 2024 dargaggoonni Dhugaa Baatota taʼanii fi umurii waggoota kurnanii keessatti argaman afur qabamaniiru; isaanis obboleessa keenya Zasaanii Biiniyaam fi Ebineezar Yoonaas, obboleettii keenya Siidoonii fi Horeeb Takasta yommuu taʼan, mana barumsaatti sochii siyaasaatiif buusii gochuu diduu isaaniitiin hidhaman. Yeroo ammaatti mana hidhaa Maayi Sirwaatti hidhamanii jiru. Sadaasa 22 immoo, obboleettiin keenya Almaaz Gabrahiwoot ishii umuriin ishii 50 taʼe miseensa paartii biyyattii taʼuu waan diddeef mana hidhaa galte.

Sadaasa 2024 dargaggoonni umurii waggoota kurnanii keessa jiran afurii fi obboleettiin keenya umurii waggaa 50 Ertiraa keessatti hidhamaniiru

Yeroo ammaatti Ertiraa keessa obboloonnii fi obboleettonni 68 mana hidhaa jiru. Obboleettii keenya Latabirhaan Tasfaaye warra umuriin isaanii waggaa 85 taʼe dabalatee, yoo xinnaate obboloonni umuriin isaanii waggaa 70 ol taʼe kudhan mana hidhaa jiru. Kana malees, obboleessi Saaron Heenok jedhamu himata malee mana murtiitti utuu hin dhihaatin gara waggaa 20tiif mana hidhaa tureera. Carraaqqiin obbolootaa fi obboleettota hunda hiiksisuuf godhamu ittuma fufeera.

Miseensota maatii hafuuraa tokkummaa qabuu waan taaneef, Saaron hiikamuu ishiitti gammanneerra; akkasumas guddaa galateeffanna. Yihowaan inni abbaa keenya isa samii taʼe, obbolootaa fi obboleettota keenya amanamoo mana hidhaa Ertiraa keessa jiran hundaaf ija jabina, ciminaa fi ogummaa akka kennu ni kadhanna.—Faarfannaa 91:1.