Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboloonnii fi obboleettonni keenya amanamoo taʼan hedduun kanaan dura ykn yeroo ammaa Ertiraatti hidhamaniiru

ONKOLOOLESSA 25, 2024
ERTIRAA

Dhugaa Baatota Yihowaa Ertiraa Jiranirra Ariʼatamni Cimaan Gaʼuu Erga Jalqabee Onkoloolessa 2024 Waggaa Soddoma Taʼe

Dhugaa Baatota Yihowaa Ertiraa Jiranirra Ariʼatamni Cimaan Gaʼuu Erga Jalqabee Onkoloolessa 2024 Waggaa Soddoma Taʼe

Dhugaa Baatoni Yihowaa Ertiraa jiran waggoota 30n darbanitti ariʼatama cimaa keessa darbaniiru. Bara1994 kaasee obboloonnii fi obboleettonni 270 ol taʼan sababa amantii isaaniitiin jalʼinaan hidhamaniiru, darbees miidhaa guddaan isaan irra gaʼeera. Yeroo ammaa namoonni 64 mana hidhaa kan jiran yommuu taʼu, kanneen keessaa balleessaa hojjetan jedhamee himanni kan irratti baname hin jiru.

Onkoloolessa 25, 1994, labsii pireezidaantii, Dhugaa Baatonni Yihowaa Ertiraa jiran hundi mirga lammummaa akka dhaban godhe

Onkoloolessa 25, 1994, pireezidaantiin Ertiraa, Isaayyaas Afawarqii Dhugaa Baatonni Yihowaa biyyichatti dhalatan hundi mirga lammummaa akka dhaban murteessan. Kunis obboloonni keenya sochiiwwan siyaasaa ykn tajaajila loltummaa irratti hirmaachuu waan didaniif tarkaanfii isaanirratti fudhatamedha. Dhugaa Baatota Yihowaa Ertiraa jiran irra bara 1994 duras hamma tokko ariʼatamni gaʼaa kan ture taʼus murtoon pireezidaantiin biyyichaa dabarsan ariʼatamni akka balʼatu godheera. Kanaan kan kaʼes, obboloonnii fi obboleettonni keenya dhibbaan lakkaaʼaman sababa malee qabamanii hidhamaniiru akkasumas waggoota 30n darbantti gochi gara jabinnaa isaanirratti raawwatameera.

Muddee 2020 hanga Guraandhala 2021 gidduutti Dhugaa Baatonni 32 yommuu gadhiifamanitti haalli Ertiraa keessa jiru waan fooyyaʼu fakkaatee ture. Kan nama gaddisiisu garuu haalichi akka yaadame hin taane. Dhugaa Baatonni 20 ol taʼan mana hidhaa keessatti kan hafan yommuu taʼu, obboloonnii fi obboleettonni keenya qabamanii hidhamuun isaanii itti fufeera. Fulbaana 2024, poolisiin namoonni 25 mana dhuunfaa keessatti Kitaaba Qulqulluu irratti mariʼachuuf walitti qabamanii utuu jiranii qabanii isaan hidhan. Warra hidhaman kana keessaa namooni sadi umurii waggaa 80 olii, obboleettii ulfa gara jiʼa jaʼaa taate tokko akkasumas ijoollee xixinnoo lama turan. Ijoolleen sun kan gadhiifaman yommuu taʼu, warri kaan garuu Mana Hidhaa Maayi Serwaa jedhamutti geeffaman.

Ertiraatti namoonni sababa amantii isaaniitiin hidhaman gocha gara jabinatu irratti raawwatama; haala jireenyaa baayʼee nama gaddisiisu keessa jiraatus. Obboleessa Negedee Taklamaariyaam waggaa 26 hidhamee ture akkas jechuudhaan wanta yaadatu dubbata: ‘Wadaroodhaan hidhamna, waardiyyoonni gidiraa nurraan gaʼu akkasumas hamminaan nu rukutu, hojii humnaa nu hojjechiisu. Akka duunu barbaadu turan.’ Kan nama gaddisiisu, obboloonni afur miidhaa cimaa isaanirra gaʼeen kan kaʼe hidhaa keessatti duʼaniiru; sadii immoo hiikamanii yeroo muraasa booda duʼaniiru.

Obboloonnii fi obboleettonni keenya mana hidhaa ala jiran illee rakkoowwan cimaatu isaan irra gaʼa. Fakkeenyaaf, mirga lammummaa waan hin qabneef hojii isaanii fi mana isaanii dhabaniiru, iddoodhaa gara iddootti deemuuf mirga hin qaban. Obboloonni tokko tokko immoo siyaasa keessa galuu diduu isaaniitiin kan kaʼe olloota isaanii fi abbootii taayitaadhaan arrabsamaniiru, miidhaan qaamaas isaanirra gaʼeera. Kana malees, Mootummaan barattoonni barumsa isaanii xumuruu barbaadan hundi loltummaadhaaf leenjiʼuuf galmaaʼuu akka qaban waan isaanirraa eeguuf, Dhugaa Baatonni dargaggoota taʼan barumsa isaanii xumuruu hin dandaʼan.

Ariʼatamni Ertiraa keessatti itti fufe baayʼee nu gaddisiisa. Haa taʼu malee, Yihowaan obbolootaa fi obboleettota keenya Ertiraa, ija jabinaan ariʼatama waggaa 30f isaan irra gaʼe dandamatan hunda akka yaadatu ni amana. Akka tokkummaa obbolummaa addunyaa maraatti Yihowaan “qorumsa akka ibiddaa” sababa amantii isaaniitiin irra gaʼaa jiru akka dandamatan akka isaan cimsu ni kadhanna.—1 Pheexiros 4:12-14.