Afaan Oromoo
Dhugaa Baatota Yihowaa Sababii Amantii Isaaniitiin Hidhaman—Biyya Biyyaan
https://cms-imgp.jw-cdn.org/img/p/1014757/univ/art/1014757_univ_sqr_xl.jpg

ODUU ADDUNYAA MARAA

Jiinsoongi Liin Waxabajjii 2025 irraa kaasee Kooriyaa Kibbaa keessatti hidhamee jira

Dhugaa Baatota Yihowaa Sababii Amantii Isaaniitiin Hidhaman—Biyya Biyyaan

Dhugaa Baatota Yihowaa Sababii Amantii Isaaniitiin Hidhaman—Biyya Biyyaan

Hanga Caamsaa 2026tti addunyaa maratti Dhugaa Baatonni Yihowaa 276 ol sababii amantii isaaniitiin hidhamaniiru jiru.

Waliigalteen Mirgoota Siivilii fi Siyaasaa Idil Addunyaa keeyyanni 18 akka jedhutti namni kamiyyuu wanta barbaade yaaduu fi wanta barbaadetti amanuuf, akkasumas waaqeffannaasaa geggeeffachuuf mirga qaba. Haa taʼu malee, biyyoota tokko tokkotti Dhugaa Baatonni Yihowaa mirgi isaanii kun sarbameera; amantaasaanii waan geggeeffataniif ykn tajaajila loltummaa kennuuf sammuun isaanii waan isaaniif hin heyyamneef hidhaa fi miidhaadhaaf saaxilamaniiru.

“Akkuma isaanii wajjin hidhamtanii jirtanitti ilaaluudhaan warra mana hidhaa keessa jiran yeroo hunda yaadadhaa.”—Ibroota 13:3.