Manneen jireenyaa yeroo ammaatti Fiishkiil, Niiwu Yoorki jiran

MUDDEE 21, 2023
ODUU ADDUNYAA MARAA

Magaalaan Fiishkiil, Niwuu Yoorki, Yuunaayitid Isteetisitti Argamu Dhugaa Baatonni Yihowaa Gamoo Haaraa Wiirtuu Deggersa Kennu Akka Ijaarratan Heyyama Kenne

Magaalaan Fiishkiil, Niwuu Yoorki, Yuunaayitid Isteetisitti Argamu Dhugaa Baatonni Yihowaa Gamoo Haaraa Wiirtuu Deggersa Kennu Akka Ijaarratan Heyyama Kenne

Onkoloolessa 27, 2023 bakka gamoowwan Beetel Fiishkiil, Niwuu Yoorki, Yuunaayitid Isteetisitti argamu irratti ijaarsi haaraan akka jalqabu heyyama kenne. Boordiin Pilaanii Magaalaa heyyama kennuun isaa, ijaarsi gamoo Dhugaa Baatota Yihowaa Fiishkiil gargaarsa kennu ammuma jalqabamuu akka dandaʼu kan argisiisudha.

Gamoowwan Beetel Fiishkiil, Waajjira Muummee Dhugaa Baatota Yihowaa Woorwiik, Niwuu Yoorki, Yuunaayitid Isteetisitti argamu irraa karaa kaabaatiin fageenya kiilomeetira 64 irratti argamu. Obboloonnii fi obboleettonni Fiishkiilitti tajaajilan, hojiiwwan kompiitaraa irratti deggersa kennanii fi odeeffannoo teknooloojii wajjin wal qabate dabalatee hojiiwwan adda addaa hojjetu.

Hojiin ijaarsaa inni haaraa kan hojjetamu, lafa hektaara 23 balʼatuu fi gamoowwan Beetel amma jiran gamatti argamu irrattidha. Wiirtuun gargaarsa kennu kun, gamoo biiroo abbaa fooqii lamaa balʼina kaaremeetira 4,366 qabu, gamoo biiroo suphaa kaaremeetira 1,393 balʼatuu fi gamoo bakkawwan bashannanaa kaaremeetira 1,393 balʼatu qaba. Gamoo kanaa alattis bakkawwan bashannanaa kan biroo ijaaruuf karoorfameera. Pilaaniin gamoowwan kanaa, karaa naannoo sana irra balaa hin geessisneen ijaaruuf of eeggannoodhaan irratti yaadameera.

Ibsa fakkii Wiiruun Fiishkiil Deggersa kennu (1) gamoo biiroo abbaa fooqii lamaa, (2) gamoo bakkawwan bashannanaa adda addaa, (3) gamoo kutaan suphaa keessa jiraatuu fi (4) bakkawwan bashannanaa gamoo sanaa ala jiran dabalata

Hojiin kun obbolootaan utuu hin taʼin kontiraaktaroota adda addaatiin kan hojjetamu taʼus, obboloonni Beetel keessa tajaajilanii fi hojicha olaantummaadhaan toʼatan muraasni ni jiraatu. Ijaarsi isaa Onkoloolessa 2025 xumurama jedhamee eegama.

Obboleessi keenya Jeesan Keel inni yeroo ammaatti Beetel isa Fiishkiil jiru keessa tajaajilu akkana jedheera: “Hanga ammaatti Beetel isa Fiishkiil jiru keessa bakka jireenyaa malee, bakki namoonni achi jiraatan yeroo itti waliin dabarsan hin turre. Gamoowwan haaraan kun garuu bakkawwan hedduun keenya wal arginee waliin itti hojjechuu dandeenyu ni qabaatu. Yeroo wiirtuun haaraan deggersa kennu kun ijaaramee itti xumuramu hawwiidhaan eeggachaa jirra!”

Ibsa fakkii wiirtuu haaraa deggersa kennuu fi Fiishkiilitti ijaaramuu

Piroojektii ijaarsaa haaraa tokkummaa obbolootaa fi obboleettota yeroo ammaatti Fiishkiil keessa jiran caalaatti jabeessu akka karoorfame dhagaʼuu keenyatti baayʼee gammanneerra. Yihowaan piroojektii haaraa kana guddisee akka eebbisu ni kadhanna.—Faarfannaa 127:1.