MUDDEE 28, 2022
ODUU ADDUNYAA MARAA
JW.ORG Waggaa Kudhan Guute—Kutaa 1
Viidiyoowwanii fi Barreeffamoonni Kitaaba Qulqulluu Irratti Hundaaʼanii Qophaaʼan Bifa Dijitaalaatiin ni Argamu
Akkuma gabaasa kanaan dura irratti ibsame bara 2022tti Dhugaa Baatonni Yihowaa Intarneetii irratti Weebsaayitii seeraan beekamaa taʼe erga baasanii waggaa 25 taʼeera. Haa taʼu malee waggaa kudhan dura jechuunis Hagayya 27, 2012 jw.org fooyyeffamee qophaaʼee ni baʼe. Kutaan walitti aanee dhihaatu sadan kun jw.org fooyyeffamee qophaaʼuunsaa namoota miliyoonaan lakkaaʼamaniif faayidaa ol aanaa inni argamsiise kan qorudha.
Viidiyoowwan: Walgaʼii naannoo bara 2012 godhame irratti mata dureen haaraa kutaa lama qabuu fi Michuu Yihowaa Taʼi jedhamu DVD dhaan baʼee ture. Haa taʼu malee DVDn fudhatamni isaa hirʼachaa fi gatiin isaas miyaaʼaa deeme. Weebsaayitiin fooyyeffamee qophaaʼe waqtii bonaa bara 2012tti yeroo baʼe haala gaarii taʼeen viidiyoowwan raabsuuf fayyadeera. Amajjii 2013tti kutaan lammaffaa Michuu Yihowaa Taʼi jedhamu mata duree Yeroo Hundumaa Kadhadhu jedhuun bifa dijitaalaatiin jw.org irratti baʼe. Yeroo sanaa kaasee kutaawwan 40 ol taʼan baʼaniiru.
Viidiyoon Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuu kan Qabnu Maaliifi? jedhamus bara 2013tti bifa dijitaalaatiin ni baʼe. Viidiyoon kun tajaajila irratti meeshaa bakka guddaa qabuu fi kutaa Meeshaalee Barsiisuuf Itti Fayyadamnu jedhu keessa jiru keessa tokkodha. Yeroo kanaa kaasee viidiyoowwan karaa jw.org baʼan kutaa hojii lallabaa baayʼee barbaachisoo taʼaa dhufan. Fakkeenyaaf duula tiraaktii raabsuu jw.org beeksisuuf Hagayya 2014, goonetti viidiyoowwan gara miliyoona 15 taʼan ilaalamaniiru ykn buufamaniiru.
Obboleessi hojii jw.org irratti hirmaate tokko akkana jedheera: “Yihowaan wanta gara fuulduraatti raawwatamuuf hammam akka nu qopheesse arguun amantii kan namaaf cimsudha. Yeroo sanatti carraaqqiin mala haaraa viidiyoowwan raabsuuf fayyadu qopheessuuf goonu gara fuulduraatti baay‵ee barbaachisaa taʼuu isaa waan beeknu hin qabnu turre.” Fakkeenyaaf, JW Biroodkaastingii Onkoloolessa 2014 kan beeksifame yeroo taʼu jiʼuma sana viidiyoon miliyoona 37 ol taʼu buufameera. Weerarri dhibee Kooviid-19 bara 2020tti yeroo jalqabe viidiyoowwan jw.org irraa buufaman ykn ilaalaman baayʼee dabalaniiru. Hanga bara 2022tti giddu galeessaan viidiyoowwan miliyoona 260 ol taʼan jw.org irraa jiʼa jiʼaan buufamaniiru.
Barreeffamoota Bifa Dijitaalaatiin Qophaaʼan: Waggoota kurnan darbanitti, dubbistoonni hedduun barreeffamoota maxxanfaman utuu hin taʼin, Intarneetii irraa ykn appilikeeshinii moobaayilii irraa dubbisuu filachuu jalqabaniiru. Weebsaayitii bara 2012tti fooyyeffamee baʼeen yeroo ammaa namoonni Intarneetii fayyadaman barreeffamni maxxanfame isaan gaʼuu isaa dura, Intarneetii irraa barruulee dubbisuu dandaʼu. Akkasumas barreeffamoota bifa dijitaalaatiin weebsaayitii irratti qopheessuun appilikeeshinii JW Library jedhamu bara 2013tti baʼe haala salphaa taʼeen beeksisuuf fayyadeera. Appilikeeshiniin kunii fi weebsaayitiin, meeshaa baay‵ee dinqisiisaa ta‵uudhaan namoonni barreeffamoota bifa dijitaalaan qophaaʼan dubbisuu fi qoʼachuuf gargaaraniiru.
Jalqaba irratti, barreeffamoonni walgaʼii naannoo waqtii bonaa godhamu irratti baʼan weebsaayitii irratti ykn appilikeeshinii irratti hanga Amajjii waggaa itti aanuutti hin argaman ture. Haa taʼu malee, walgaʼii naannoo bara 2015tti godhame irratti dhaggeeffattoonni barreeffamoota walgaʼii naannoo irratti baʼan bifa dijitaalaatiin buufachuu akka dandaʼan yeroo baran baayʼee gammadan. Barreeffamoonni kun kanneen armaan gadiiti: Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya fi Gara Yihowaatti Deebiʼi akkasumas viidiyoo Jaalalli Dhugaan Maalidha? Waggaa ittaanu Caamsaa 2016tti sagantaa JW Biroodkaastiingii irratti Obboleessi Antoonii Mooris inni Miseensa Qaama Ol aanaa taʼe birooshurri Gaaffii Dargaggoonni Gaafatan 10f Deebii Kenname jedhamu akka baʼe dubbachuudhaan yerosuma buufachuu akka dandaʼan beeksise. Barreeffamni tokko waldaa obboloota addunyaa maraatiif yeroo tokkotti yommuu baʼu kun isa jalqabaati.
Jaarmiyaan Yihowaa teknooloojiitti fayyadamee fedhii Mootummichaa babalʼisuudhaan seenaa dheeraa kan qabudha. Weebsaayitiin jw.org “yeroo sirrii taʼetti nyaata” dhiheessuuf akka fayyade arguun baayʼee nu gammachiiseera.—Maatewos 24:45.
Viidiyoowwan jiʼa jiʼaan buufaman
Guyyaa guyyaan bananii kan ilaalan jiʼa jiʼaan
Amajjii 2013 viidiyoon Yeroo Hundumaa Kadhadhu jedhu ni baʼe
Onkoloolessa 2013 appilikeeshiniin JW Library ni baʼe
Hagayya 2014 tiraaktii jw.org beeksisuuf addunyaa maratti duulli ni godhame
Onkoloolessa 2014 JW Biroodkaastiingii ni baʼe
Caamsaa 2015 wantoonni walgaʼii naannoo irratti baʼan bifa eleektiroonikiitiin argamuu jalqabe
Caamsaa 2016 addunyaa maratti birooshurri Gaaffii Dargaggoonni Gaafatan 10f Deebii Kenname jedhu ni baʼe