Ebla 1, 2022 eegalee, Dhugaa Baatonni Yihowaa waggaa lama asitti yeroo jalqabaatiif bakkawwan waaqeffannaa isaanii deebisanii bananiiru

EBLA 4, 2022
ODUU ADDUNYAA MARAA

Dhugaa Baatonni Yihowaa Qaamaan Walitti Qabamuu Jalqaban

Dhugaa Baatonni Yihowaa Qaamaan Walitti Qabamuu Jalqaban

Ebla 1, 2022 eegalee, Dhugaa Baatonni Yihowaa qaamaan walitti qabamuu jalqabaniiru. Dhiphinni obbolootaa fi obboleettota keenyatti dhagaʼamee taʼuu dandaʼu, yeruma sana kolfa, booʼicha gammachuu fi miira hoʼaadhaan faarfannaa Mootummichaa faarfachuutti jijjiirameera.

Warri tokko tokkoo Galma Walgaʼiitti kan argaman yeroo jalqabaatiif ture.

Obboleessi keenya Kiishtoof Hozoowiskii inni Poolaandi jiraatu akkana jedheera: “Walgaʼii galma Walgaʼiitti godhamutti qamaan kanan argame yeroo jalqabaatiifi dha. Dhugaa Kitaaba Qulqulluu kanan baradhe viidiyookonfirasiidhaani dha, cuuphaan koo Zuumiidhaan dabarfame. Viidiyoowwan hedduu waanan ilaaleef qaamaan walgaʼii irratti argamuun maal akka fakkaatu beekan ture. Jaalala, gammachuu fi gaarummaa obboloonni argisiisan baayʼee na gammachiiseera.”

Dhugaa Baatonni Yihowaa, Bitootessa 2020 weerarri dhibee KOOVIID-19 addunyaatti erga uumamee booda, walgaʼii isaanii karaa viidiyookonfiransii geggeeffachuu jalqaban. Namoonni amma iyyuu qaamaan walitti qabamuu hin dandeenye, meeshaalee eleektironiikiitiin walgaʼii irratti hirmaachuu dandaʼu.

Obboleessi keenya Neeyil Kaambal inni Edinbargi, Iskootlaandi jiraatu akkana jedheera: “Muuziqaan jalqabee faarfannaa isa duraa faarfachuu yommuun eegalu, waggaa lama booda yeroo jalqabaatiif obboloota koo wajjin walitti qabamuu dandaʼuu kootiin garaan koo gammachuudhaan guutamee ture.”

Yihowaan qophii qaamaan walgaʼii irratti akka argamnu godhame eebbisuu isaatti guddaa isa galateeffanna.—Faarfannaa 84:10.

 

Angoolaa

Armeeniyaa

Awustiraaliyaa

Cheek Rippuubliik

Ikuwaador

Jarman

Giriikii

Giinii

Jaappaan

Kaazaakistaan

Maalaawii

Neezarlaandi

Filippinsi

Ruumaaniyaa

Iskootilaandi

Kooriyaa Kibbaa

Ispeen

Sudaan

Taayilaandi