MUDDEE 9, 2024
KAANAADAA
Egziibiishiniin Seena Qabeessa ta‵e Sadii Waajjira Damee Kaanaadaatti Argisiifamuu Jalqabe
Bara 2024tti waajjirri damee Kaanaadaa egziibiishinii seena qabeessa ta‵e daawwannaadhaaf bane. Egziibiishinii kanneen keessaa lama ergaan Kitaaba Qulqulluu Kaanaadaa keessatti akkamitti akka babalʼate argisiisa. Egziibiishinii sadaffaan immoo qorumsi bara 1914 hanga 1919tti Barattoota Kitaaba Qulqulluu addunyaa mara irra gaʼe akkamitti akka isaan qulleesse argisiisa.
Egziibiishiniin mata duree “Ifni Dhugaa Dachee Kaanaadaa Ibse” jedhu daawwattoonni, Kaanaadaa keessatti seenaa Dhugaa Baatota Yihowaa gara waggaa 150 taʼu akka beekan kan gargaarudha. Akkasumas daawwannaan kun meeshaa dhiironnii fi dubartoonni ija jabeeyyii taʼan ergaa Kitaaba Qulqulluu naannoo tajaajilaa balʼaa taʼe kana keessatti hinaaffaadhaan lallaban itti fayyadaman kan dabalatudha. Egziibiishiniin kun namoota aadaa garagaraa qaban akkasumas hojii hiikkaa dabalatee jiraattota Kaanaadaa jalqabaatiif lallabuuf carraaqqii cimaa Dhugaa Baatonni godhan argisiisa.
Egziibiishiniin kun dhorkaa fi hidhaa dabalatee seenaa jireenyaa hedduu obsaan akkamitti akka moʼan argisiisu ibsu qaba. Egziibiishinichi injifannoo Dhugaa Baatonni mirga lallabaa fi mirgawwan buʼuuraa siviilii lammiileen Kaanaadaa hundi akka argatan taasises ni ibsa. Obboleessi tokko Egziibiishinicha erga ilaalee booda akkas jedheera: “Suuraawwan kana ilaaluu fi muuxannoo obbolootaa fi obboleettotaa Kaanaadaa keessatti waaqeffannaa dhugaadhaaf daandii banan baruun koo jireenya koo keessatti ija jabinaa fi obsa isaan argisiisan hordofuuf na kakaaseera.”
Barreeffama mata duree “Qabsoo Kuubeek” jedhu qabuu fi ariʼatama cimaa bulchiinsa Kuubeekitti baroota 1940 fi1950 keessa Dhugaa Baatota Yihowaa irra gaʼe ibsu.
Egziibiishiniin mata duree “Dubbiin Waaqayyo Keenyaa Bara Baraan Jabaatee Dhaabata—Kitaaba Qulqulluu Kaanaadaa Keessatti” jedhu Kitaabota Qulqulluu Barattoonni Kitaaba Qulqulluu duraanii muraasa taʼan itti fayyadamuudhaan guutummaa Kaanaadaa keessatti dhugaa lallabuuf isaan fayyade argisiisa. Kitaabonni kun dhaloota gara dhalootaatti darbuudhaan namoonni hedduun afaan gara garaadhaan dhugaa Kitaaba Qulqulluu akka baratan gargaaruu irratti shoora guddaa taphateera.
Daawwannaan kun Kitaaba Qulqulluu seenaa Kaanaadaa keessatti barbaachisoo taʼan hedduu maxxansa baayʼee hin argamne jechuunis Kitaaba Qulqulluu Joon Henarii Waayit kan qabatedha. Hiikni kun guutummaa Kitaaba Qulqulluu jalqabaa Kaanaadaatti maxxanfame yommuu taʼu yeroo ammaa kan jiran koppii kudhan hin caalan. Akkasumas iskiriinii irratti Kitaabota Qulqulluu jalqabaa waggoota hedduudhaaf ergaa Kitaaba Qulqulluu hiikuudhaan afaan jiraattota jalqabaatiif lallabuuf carraaqqii cimaa taasifame argisiisa. Afaanonni kunis Inuuktiituut, Maasaachuuseet, Miikmaak, Moohaawuk, Ojibiwaa fi Weestern Kirii dha.
Egziibiishinii “Dubbiin Waaqayyo Keenyaa Bara Baraan Jabaatee Dhaabata—Kitaaba Qulqulluu Kaanaadaa Keessatti” jedhuu fi hiikawwan Kitaaba Qulqulluu afaanota jiraattota Kaanaadaa jalqabaa fi afaanota namoota jalqaba baqatanii Kaanaadaa jiraatan argisiisu
Xumura irratti egziibiishiniin addaa mata duree “Yeroo Qorumsaatti Ija Jabinaan Dhaabbachuu” jedhu qabu sochiiwwanii fi ija jabina Barattoonni Kitaaba Qulqulluu jalqabaa xumura baroota 1800 keessa argisiisan ibsa. Akkasumas Waraana Addunyaa Tokkoffaa bara 1914 kaasee hanga 1919tti rakkoowwan hedduu isaanirra gaʼe dubbata. Egziibiishiniin kun, muuxannoowwan Barattoonni Kitaaba Qulqulluu hojii fuuldura isaaniittii isaan eeggatu raawwachuuf akkamitti akka isaan fooyyessee fi humna isaaniif kenne argisiisuudhaan xumura.
Egziibiishiniin mata duree “Yeroo Qorumsaatti Ija Jabinaan Dhaabbachuu” jedhu seenaa obboloota keenya warra yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaatti waraanarratti hirmaachuu waan didaniif hidhaman argisiisa
Obboleessi Keeviin Kinaawus inni miseensa Waajjira Damee Kaanaadaa taʼe akkas jedheera: “Argisiisni kun sadan dhaala hafuuraa gatii jabaa Dhugaa Baatota Yihowaa Kaanaadaa jiru argisiisa. Hunda caalaa egziibiishiniin kun ‘dubbiin Yihowaa bara baraaf jabaatee akka dhaabbatuʼ akkasumas Waaqayyo misiraachichi namoota hunda akka gaʼuu gochuusaa akka itti fufu mirkaneessu.”—1 Pheexiros 1:25.