Dhimma ijoo ta'etti seeni

AMAJJII 13, 2025
HEEYITII

Bokkaa Cimaan Guyyaa Hedduuf Roobe magaalaa kaap Haayisiyaan, Heeyitiitti Lolaa cimaa Geessise

Bokkaa Cimaan Guyyaa Hedduuf Roobe Kaaba Heeyitiitti Lolaa Cimaa Geessise

Bokkaa Cimaan Guyyaa Hedduuf Roobe Kaaba Heeyitiitti Lolaa Cimaa Geessise

Muddee 2, 2024, bokkaa cimaan guyyoota hedduuf roobe kutaa kaaba Heeyitiitti lolaan akka uumamuu fi lafti akka sigigaatu godheera. Bokkaa cimaan kun manneen hedduu fi bakka daldalaa hedduu diigeera. Namoonni kuma hedduutti lakkaaʼaman mana isaanii dhiisanii gara bakka nageenya isaanii balaadhaaf hin saaxilletti deemuuf dirqamaniiru. Yoo xinnaate namoonni 13 akka duʼan gabaafameera.

Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Irra Gaʼe

  • Kan nama gaddisiisu obboleettiin maanguddoon umurii waggaa 65 tokko duutetti, akkasumas mucaa mucaa ishii waggaa 3 taate dabalatee firoonni ishii 2 duʼaniiru.

  • Babalʼistoonni 2 madaaʼaniiru

  • Babalʼistoonni 49 qeʼee isaaniirraa buqqaʼaniiru

  • Manneen 2 barbadaaʼaniiru

  • Manneen 2 irra miidhaa cimaan gaʼeera

  • Manneen 75 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Galmi Walgaʼii barbadaaʼe ykn miidhame hin jiru

Hojii Gargaarsaa

  • Ilaaltonni olaanaa aanaa fi jaarsoliin gumii naannoo sanaa obboloota balaawwan kanaan miidhaman karaa hafuuraa jajjabeessaa jiru, akkasumas wanta karaa qaamaa isaan barbaachisu guutuuf carraaqqii gochaa jiru

  • Hojii gargaarsaa godhamu akka qindeessuuf Koreen Gargaarsaa Yeroo Balaa tokko hundeeffameera

Bokkaa cimaan kun badiisa geessisuu fi lubbuu dhabamsiisuun isaa kan nu gaddisiisu taʼus, Yihowaa inni “Abbaa gara laafina guddaa” taʼe yeroo rakkisaa akkasiitti jajjabinaa fi cimina kennuuf akka hawwu ni amanna.—2 Qorontos 1:3, 4.