BIROOSHUROOTA ODEEFFANNOO KENNAN
Dhugaa Baatonni Yihowaa jireenyi kennaa Waaqayyoo gatii guddaa qabu akka taʼetti ilaalu. Jireenyas taʼe dhiiga akka qulqulluutti ilaalu. Maatii isaaniitiif yaalii fayyaa gaarii taʼe argachuuf yaalu; filannoowwan yaalii fayyaa dhiiga malee kennamanii fi buʼa qabeeyyii taʼan argachuurratti ogeeyyii fayyaa wajjin walii galu.

