BIROOSHUROOTA ODEEFFANNOO KENNAN
Seerawwan addunyaa mirga namoota sababii sammuun isaanii isaaniif hin heyyamneef waraana irratti hin hirmaannee kabajuu erga jalqabanii tureera. Dhugaa Baatonni Yihowaa abbootiin taayitaa qajeelfama addunyaa hordofuudhaan tajaajila uummataa akka adabbiitti hin yaadamnee fi hawaasicha fayyadu, bakka loltummaa akka kennan yommuu filannoo isaaniif dhiheessan baayʼee galateeffatu.

