Mata Dureewwan Dhiheenya Kana Fuula Jalqabaa Irratti Beeksifaman
Qaalaʼiinsa Jireenyaa Dandamachuu—Arjaa Taʼi
Warra kaaniif arjummaadhaan kennuun rakkina diinagdee dandamachuuf kan si gargaaru akkamitti?
Goraa Pooliyaa Halluu Cuquliisaa Qabu
Goraan kun halluu cuquliisaa muka kam irratti illee hin argamne qaba. Taʼus, uumamaan halluu kana hin qabu. Halluu dinqisiisaa akkasii kan qabaate akkamitti?
Nama Jaallannu Tokko Duʼaan Yommuu Dhabnu Jiraachuun Gatii Qabaa?
Gadda nama jaallattu duʼaan dhabuudhaan si irra gaʼe dandamachuuf gorsawwan si gargaaruu dandaʼan shan ilaali.
Fedhiin Anniisaa Ilmaan Namootaa Guutamuu kan Dandaʼu Akkamitti?—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
Mootummaan Waaqayyoo gara fuulduraatti fedhii anniisaa ilmaan namootaa dabalaa deemu kan guutu akkamitti akka taʼee fi yeroo ammaatti anniisaa fayyadamtu hirʼisuuf malawwan si gargaaran baradhu.
Haala Rakkisaa Keessatti Gammachuu Qabaachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
Kitaabni Qulqulluun maal jedha?
Jiraachuun Gatii Qabaa?
Haalawwan gaddisiisaa taʼan jiraachuun isaanii, jireenyi gatii qabaachuu fi dhiisuu isaa akka shakkitu si godheeraa?
Yesuus Namuma Gaarii Qofa Turee?
Yesuus namoota gaarii lafa irra jiraatan hunda irra iyyuu nama dhiibbaa guddaa geessise ture. Dhiibbaa guddaa geessisuu kan dandaʼe maaliifi?
Cilinfuu Kiiyuuviyar Biikdi Weel—Qaamni Kana Tolche Jiraa?
Qurxummiileen hoosiftoota taʼanii fi hafuura baafatan baayʼee gad fagaatanii cilinfuu seenuu fi saʼaatii dheeraadhaaf bishaan keessa turuu dandaʼu. Akkamitti?
Yesuusiin Bulchaa Mudaa hin Qabne kan Isa Taasisu Maalidha?
Bulchuuf gaʼumsa qaba kan jennu maaliif akka taʼe baradhu.
Jeequmsi Furmaata Taʼaa?
Yesuus jeequmsi furmaata akka hin taane akka barsiise hubadhu. Barumsi isaas taʼe gochi isaa walitti buʼiinsaaf furmaata sirrii kennuuf nu gargaara.
“Mootummaan Koo Kutaa Addunyaa Kanaa Miti”
Yesuus mootummaa namootaa utuu taʼin Mootummaan Waaqayyoo rakkina ilmaan namootaa akka balleessu barsiiseera. Fakkeenyisaa Kiristiyaanota yeroo harʼaa jiran irratti dhiibbaa kan godhu akkamitti akka taʼe baradhu.

