KAAROL APPILBII | SEENAA JIREENYAA

Yihowaan Ijoollee Koo Shanan Akkan Guddisu Na Gargaareera

Yihowaan Ijoollee Koo Shanan Akkan Guddisu Na Gargaareera

 Jireenya koo guutuu Noorzi Yoorkishaayar, Ingilaandi keessa naannoo magaalaa Maaltanitti dhihoo jiruttan dabarse. Naannoo bareedaa gaarreen, bosona, dirree magariisa, daandii jajalʼaa, manneen dhagaadhaan ijaaramanii fi mandara namatti tolu qabudha. Ijoollee koo shanan kanan guddise naannoo bareedaa kana keessattidha. Haa taʼu malee, kun yeroo hunda salphaa hin turre. Mee seenaa koon isinitti hima.

 Naannoo qonnaa xinnoo taʼe keessattan guddadhe. Haadha koo, abbaa koo, obboloota koo lamaa fi obboleettota koo lamaa wajjin achuma jiraanna turre; nyaata nu barbaachisu hedduu kan argannu qotiisuma keenyarraa ture. Lukkuu, booyyee fi saawwan qabna turre. Hojii qonnaatiin jiraachuun baayʼee dadhabsiisaa taʼus gammadoo turre.

Umurii koo waggaa 14tti ooyiruu keessa taʼee

 Waldaa Metoodistii dhaqna turre. Abbaan koo akka gaariitti faarfachuu waan dandaʼuuf, garee faarfattootaa wajjin taʼee faarfachuuf gara waldaalee kan biroo ni deema ture. Anis yeroo baayʼee isaa wajjin nan deeman ture. Manneen waldaa, guguddoo fi dhagaarraa kan ijaaraman waan taʼaniif yeroo gannaatti baayʼee qorru. Abbaan koo waldaa keessa fuuldura dhaabatee faarfata ture. Teessuma fuulduraarra kan taaʼu nama beekamaa taʼe qofa waan taʼeef, ani duuban taaʼa ture. Taʼus, abbaan koo yeroo faarfatu dhagaʼuun baayʼee na gammachiisa ture.

 Akkoon koo yeroo hunda Dilbata Dilbata dhuftee nu gaafatti turte. Kan nama gaddisiisu garuu, yeroon naannoo waggaa 16 turetti ni duute. Duʼa ishiitti gadda cimaatu natti dhagaʼame. Eessa akka jirtu beekuu fi deebiʼee ishii arguu nan dandaʼamoo hin dandaʼu isa jedhu adda baafachuu waanan barbaadeef, eker dubbistuu takka bira deemeera. Manni eker dubbistuu sanaa kan qorruu fi qulqullina kan hin qabne waan taʼeef baayʼeen sodaadhe. Wantin barbaade akkoon koo eessa akka jirtu akka natti himtu qofa ture; taʼus ishiin natti himuu hin dandeenye.

 Waggoota muraasa booda firri abbaa koo Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe tokko walgaʼiirratti akkan argamu na affeere. Dhugaa Baatonni Yihowaa amantii baramaa hin taane akka hordofan dhagaʼee kanan ture taʼus deemuufan murteesse. Walgaʼicharratti dubartii gaariin takka yoon barbaade ishii wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu akkan dandaʼu natti himte. Akka kanaan daandii jireenyaarra deemuun jalqabe. Haati koo Kitaabni Qulqulluun Dhugaa Baatonni Yihowaa itti fayyadaman sirrii akka hin taane natti himtee turte; wanta ishiin dubbatte kana waanan amaneef, jalqabarratti Kitaaba Qulqulluu Kiingi Jamsi Varshin jedhamun fayyadama ture. Taʼus, utuu baayʼee hin turin wanti ishiin jette dhugaa akka hin taane nan hubadhe.

 Wantan Kitaaba Qulqulluurraa baradhetti, keessumaa akkoon koo awwaala keessa raftee akka jirtuu fi yeroo duʼaa kaʼuutti deebiʼee ishii arguu akkan dandaʼu beekuu kootti baayʼeen gammade. a Qoʼannaa koo yeroon itti fufu waaʼee Waaqayyoos taʼe waaʼee Kitaaba Qulqulluu homaa akkan hin beeknen hubadhe. Abbaan koos waggoota sana hunda waldaa deemaa kan ture taʼus waaʼee Waaqayyoo homaa hin beeku ture. Faarfannaa, “Yaa Yihowaa, Ati Na Geggeessi” jedhamu yeroo baayʼee kan faarfanne taʼus, waaʼee eenyuu akka faarfannu hin beeknu turre.

Gaaʼelaa fi Mormii

 Jaalallee koo Iyaanis dhugaa barachuu waan barbaadeef, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabe. Achiis wanta barate tokko tokko hojiirra oolchuu jalqabe; sijaaraa xuuxuullee ni dhaabe. Fulbaana 1971tti gaaʼela dhaabbanne. Taʼus utuma baayʼee hin turin, yeroo haatisaa duutu wanti amantii keenya qoru ni uumame. Miseensonni maatii fi michoonni keenya qophii sirna awwaalchaa wajjin wal qabatu garaagaraarratti akka argamnu barbaadanii turan. Qophii kanarratti baayʼeen isaanii sijaaraa xuuxu, akkasumas dhugaatii alkoolii baayʼee dhugu turan. Iyaan amalasaa duriitti akka deebiʼu dhiibbaa cimaatu irra gaʼe.

 Kan nama gaddisiisu, Iyaan amalasaa duriitti waan deebiʼeef, wanta barate hojiirra oolchuun isatti ulfaate. Qoʼannaasaa fi walgaʼiirraa hafuu jalqabe. Ani garuu qoʼannaa koo, akkasumas walgaʼii fi tajaajila baayʼeen jaalladha ture. Achiis Bitootessa 9, 1972tti nan cuuphame. Iyaan yeroon cuuphametti na ilaaluuf dhufee ture. Suutuma suuta garuu dhugaa mormuu eegale. Jalqabarratti, barreeffamoota keenya ilaaluufillee fedhii dhabe. Achiis, tajaajila akkan hin baane na dhoowwuuf yaale. Dhumarrattimmoo, Ayyaana Qillee fi guyyaa dhalootaa kabajuuf isaa wajjin mana dhugaatii akkan deemu dhiibbaa narratti gochuu jalqabe. Aangoo matummaasaa akkan kabaju argisiisuuf yeroo tokko tokko isaa wajjin kanan deemu taʼus, gocha Yihowaa gaddisiisu akkamii irrattiyyuu akkan hin hirmaanne baayʼeen of eega ture. b Amanamummaa koo eeguu fi qalbii gaarii qabaachuuf akka na gargaaru gara mana boolii deemee irra deddeebiʼeen Yihowaa kadhadha ture. Yeroo hunda Yihowaan akka na gargaare natti dhagaʼama.

 Anii fi Iyaan ijoollee dhiiraa sadii godhanne; isaanis Filiippi, Nigeelii fi Andiriiwu jedhamu. Abbaan manaa koo karaa fagoo konkolaataa feʼumsaa waan oofuuf yeroo baayʼee manarraa fagaatee tura. Utuman garaa guutuu Yihowaa tajaajiluu Iyaaniif haadha manaa gaarii taʼuuf wantan dandaʼu hunda godheera. Yeroo inni mana hin jirretti tajaajilan baʼa, guyyoota dhuma torbaniitti garuu isa faanan yeroo dabarsa. Waaʼeesaa wanta gaarii hin taane ijoollee keenyatti akkan hin himne baayʼee of eeggadha ture.

 Gumii keessaa michoota hedduu horadheera; isaan keessaa tokko tokkoo wajjin deemeen haadha koo fi abbaa koo gaafadha ture. Warri koos suutuma suuta michoota koo kana jaallachuu jalqaban. Haati koo obboleessi gumii keenyaa tokko yeroo duʼetti Galma Walgaʼii deemtee sirna awwaalchaa isaarratti argamteetti. Achiis utuma baayʼee hin turin, haati koo fi abbaan koo, akkasumas obboleessi koo Istaanliinii fi haati manaa isaa Avaraal Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqaban, boodas ni cuuphaman.

 Istaanliinii fi Avaraal ilma tokkoo fi intala tokko qabu. Anii fi Avaraal ijoollee keenya fuunee tajaajila baʼuun nutti tola ture. Lamaan keenyayyuu konkolaataa waan hin qabneef, tajaajilarratti ijoollee keenya gaariirra keenyee dhiibaa kiilomeetira hedduu deemna turre; kunis baayʼee nu gammachiisa ture. Andiriiwuu fi Nigeel gaariirra taaʼanii deemu turan; Filiippimmoo gaaricha qabatee deema ture.

Filiippi, Nigeelii fi abbaa koo wajjin walgaʼii naannoo tokkorratti argamuuf yeroo dunkaana keessa buufannee turretti

Ijoollee Koo Leenjisuu

 Boodas anii fi Iyaan ijoollee dabalataa lama godhanne; isaanis Kaaroliinii fi Deebii jedhamu. Ijoolleen koo Yihowaa akka beekanii fi akka isa tajaajilan barsiisuuf kutadheen ture. Gorsa Kitaabni Qulqulluun warra ilaalchisee kennu kamiyyuu hojiirra oolchuuf wanta naaf dandaʼame hunda gochuu barbaadeen ture. Yihowaadhaaf waanan of murteesseef, waadaan isaaf gale eeguudhaan wantuma inni barbaadu akkan raawwadhu ijoollee kootti argisiisuun barbaada ture.

 Caqasootan yaadadhu keessaa tokko 1 Qorontos 15:33 isa, “Hiriyummaa gadheen amala gaarii mancaasa” jedhudha. Walgaʼii aanaa tokkorratti obboleettiin tokko ijoolleen ishii mana barumsaatii alatti ijoollee isaan wajjin baratan waliin yeroo akka hin dabarsine akka isaan jajjabeessitu dubbattee turte. Anis akkasuma gochuun barbaade; garuu salphaa hin turre. Yeroo tokko tokko ijoolleen koo warri dhiiraa ijoollee daree isaanii wajjin kubbaa taphachuuf dhokatanii deemu turan. Ijoolleen isaan wajjin baratan baayʼeen isaanii naamusa gaarii kan qaban taʼanis, Yihowaa hin tajaajilan turan. Kunis wanta isaan dubbatanii fi raawwatanirraa ifatti mulʼata.

 Yeroo tokko ijoolleen koo mana barumsaa booda kubbaa taphachuu yoo barbaadan, anis isaanii wajjin akkan taphadhun itti hime. Kubbaa akka gaariitti taphachuu waanan hin dandeenyeef kun yaada gaarii hin turre! Taʼus, hiriyoota isaanii ogummaadhaan filachuun isaanii baayʼee barbaachisaa akka taʼe akka hubatan isaan gargaaruuf carraaquu koo hin dhiisne; boodas ijoolleen koo namoota Yihowaa hin tajaajille wajjin utuu yeroo hin dabarsin karaa bashannanuu itti dandaʼan argataniiru.

 Caqasni yeroo hunda yaadadhu kan biraanimmoo 1 Yohaannis 2:17 isa, “Addunyaanii fi hawwiin isaa darbaa jiru, namni fedhii Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraaf jiraata” jedhudha. Addunyaan Seexanaa akka badu waanan beekuuf, ijoolleen koo galmawwan hafuuraa akka hordofanii fi barabaraaf Yihowaa akka gammachiisan isaan gargaaruuf kutadheen ture. Xinnaas taʼe guddaa rakkinni akkamiiyyuu yommuu na mudatu gargaarsa argachuuf nan kadhadha, akkasumas qajeelfama Kitaaba Qulqulluu argachuufan yaala. Ijoolleen koo wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu yommuun isaanitti argisiisu anaan utuu hin taʼin Yihowaa dhagaʼaa akka jiran ifatti hubatu. Wantan dubbadhuu fi wantan raawwadhuun isaan jajjabeessuuf yaaleera; kunis buʼaa gaarii argamsiiseera. Fakkeenyaaf, hundi isaaniiyyuu xinnummaa isaaniitii kaasee deddeebii gaaffii gochuu barsiifata godhatanii waan turaniif, tajaajilli gammachuu fi jajjabina guddaa isaaniif argamsiiseera.

 Walgaʼiirratti argamuun baayʼee barbaachisaa akka taʼe beeka. Yeroo tokko, ijoolleen koo walgaʼii torban gidduurratti yeroo argaman baayʼee akka dadhaban nan hubadhe. Kanaafuu, guyyaa walgaʼii qabnutti mana barumsaa deemee ergan isaan fuudhee booda nyaata salphaan isaaniif kenna; achiis xinnooshee rafna. Sana booda rakkinichi ni furame! Walgaʼii kan hafnu nu keessaa namni tokko yoo dhukkubsate qofadha. Yeroo akkasiitti waliin taanee sagantaa walgaʼichaarratti mariʼanna turre. Hanga marii keenya xumurrutti televizyiniin hin banamu ture. Haa taʼu malee, yeroo tokko tokko Iyaan yeroo nuti hin eegnetti manatti gala ture. Yeroo kanatti dafnee kitaabota keenya dhoksinee televizyinii banna turre.

 Waaqeffannaa maatiitiifis dursa kennina ture. Yeroo tokko tokko waaʼee Beetel kaasnee dippaartimantii isa kam keessatti hojjechuu akka barbaadan haasofna turre.

Bitaadhaa gara mirgaatti: Ijoollee koo—Filiippi, Kaaroliin, Deebii, Andiriiwuu fi Nigeel

Galmi Keenya Qajeelchaa Taʼuu Ture

 Ilma koo isa angafaa kan taʼe Filiippi umuriisaa waggaa 16tti makaanikii konkolaataa taʼee hojjechuuf hojii yeroo guutuu argate. Hojii foddaa qulqulleessuu torban keessaa saʼaatii murtaaʼeef hojjetamus argatee ture. Maaticha maallaqaan gargaaruu akka qabu waan isatti dhagaʼameef, saʼaatii murtaaʼeef utuu hin taʼin, yeroo guutuu hojjechuu barbaadee ture. Anis maaticha maallaqaan deggeruun itti gaafatamummaasaa utuu hin taʼin, itti gaafatamummaa abbaasaa akka taʼen isaaf ibse. Achiis wanta nu barbaachisu dhabnee akka hin beeknen itti hime. Hojii foddaa qulqulleessuu yoo hojjete qajeelchaa taʼee tajaajiluu akka dandaʼus ittan hime.

 Filiippi akkuma barumsa xumureen qajeelchaa yeroo hundaa taʼee tajaajiluu jalqabe; animmoo qajeelchaa gargaaraan taʼe. Ilma koo isa lammaffaa kan taʼe Nigeelis akkuma barumsa xumureen qajeelchaa taʼee tajaajiluu jalqabe; yeroo kanatti anis qajeelchaa yeroo guutuu taʼuufan foormii guute. Wagguma tokkoofillee yoon yaale ijoollee koo tajaajilarratti deggeruu fi mana barumsaa qajeelchitootaarratti hirmaachuu akkan dandaʼu yaadeen ture. Boodas, Nigeelii wajjin mana barumsaa qajeelchitootaarratti hirmaachuu dandaʼeera.

 Jalqabumaa kaasee qajeelchituu taʼuu kootti gammadeen ture; haala kanaan Yihowaa tajaajiluun koo ijoollee kootiif fakkeenyaa gaarii taʼuuf akka na gargaarus beekeen ture. Waggoota 35 darbaniif qajeelchituu taʼee tajaajiluu waanan dandaʼeef Yihowaa baayʼeen galateeffadha. Iyaan qajeelchituu taʼuu koo dhagaʼeera utuu taʼee na dhaabsisa ture. Kanaafuu, yeroo inni mana taʼutti isaa wajjin yeroo dabarsuu akkan dandaʼuuf, tajaajila kanan baʼu torban gidduu, yeroo inni karaa deemutti ture.

 Yeroo boodas, ilmi koo Nigeel Beetel galuuf foormii guute; achiis ni waame. Achitti michoota gaggaarii fi leenjii karaa hafuuraa akka guddatu isa gargaaru hedduu argateera. Filiippi fi Andiriiwu Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa galanii barataniiru. c Mana barumsaa kanatti barachuun isaanii gaʼeessota taʼuuf akka isaan gargaare natti dhagaʼama. (1 Pheexiros 5:10) Leenjiin Yihowaan sabasaatiif kennu dinqisiisaadha. Leenjii ijoolleen koo argataniif Yihowaa fi jaarmiyaasaa baayʼeen galateeffadha.

Tajaajilaaf yommuun deemu

Rakkoowwan Na Mudatan

 Waggoota hedduudhaaf rakkoowwan ciccimoon na mudataniiru. Qorumsa guddaa kan natti taʼe abbaan manaa koo amanamaa taʼuu dhiisuu isaati. Waggaa 33 booda na dhiisee nama gara biraa wajjin jiraachuu jalqabe. Yeroo warri koo dullooman arguunis anaaf salphaa hin turre. Kan nama gaddisiisu, abbaan koo Bitootessa 1997tti ni duʼe. Yeroo kanatti haati koo kophaatti hafte; konkolaataas oofuu hin dandeessu turte. Abbaa koo dhabuun ishii gaddii fi kophummaan akka ishiitti dhagaʼamu waan godheef, yeroo hunda bilbileen, “Konkolaataadhaan wajjin deemnee deddeebii gaaffii akka goonu ni barbaaddaa?” jedheen ishii gaafadha ture. Waggoota muraasa boodas qajeelchituu taatee tajaajiluu jalqabde. Qajeelchituu taʼuun ishii jireenya ishii haaromseera. Hanga gaafa duuteetti waggaa kudhaniif qajeelchituu taatee tajaajilteetti.

 Duubatti deebiʼee yeroon yaadu, ijoollee shan dhugaa keessatti guddisuun salphaa hin turre. Yihowaa tajaajiluuf ofuma isaaniitiin murteessuu akka qaban beekan ture. Wanta isaan godhan toʼachuu kanan hin dandeenye taʼus, wantan ofii godhu toʼachuu nan dandaʼa. Kanaafuu, qajeelfama Waaqayyootiif ajajamuu fi dubbii fi gochaan fakkeenya taʼuudhaan ijoollee koo barsiisuuf carraaqqii cimaa godheera. Ijoolleen koo Yihowaa tajaajiluuf filachuu isaaniitti baayʼeen boona. d Yihowaan akkan isaan guddisu waan na gargaareef baayʼeen isa galateeffadha.

Yeroo ammatti, ijoollee koo wajjin

b Kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamurraa ibsa dabalataa 5 “Ayyaanota” jedhu ilaali.

c Manni barumsaa kun Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa jedhamuun bakka buufameera.

d Amma Filiippi Ayarlaandi keessatti barsiisaa manneen barumsaa tiʼookraasii taʼee tajaajilaa jira. Nigeel Ingilaandi keessatti Galma Walgaʼii Guguddaa kunuunsa. Andiriiwummoo jaarsa gumiiti, waggoottan 30n darbaniif qajeelchaa taʼee tajaajileera. Kaaroliin waggaa shaniif qajeelchaa taatee tajaajilteetti, Deebiinimmoo Kaarolii wajjin jiraachuudhaan tajaajila irratti ishii gargaaraa jirti.