Rakkina Dinagdee—Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?
Namoota addunyaarra jiran hedduudhaaf nyaata guyyaadhaaf taʼu argachuun qabsoo walirraa hin cinne gochuu gaafata; akkasumas yeroodhaa gara yerootti caalaatti ulfaataa taʼaa deemeera.
Gabaasni addunyaa a dhiheenya kana geggeeffame akka ibsetti gatiin maallaqaa namoonni argatan garmalee kufeera. Wanti tokko yoo godhamuu baate, namoota sooressaa fi harka qalleeyyii gidduu garaa garummaa guddaan jiraachuu isaarrayyuu, maatiiwwan hedduutti jireenyi isa kanaan duraa caalaa baayʼee ulfaataa isaanitti taʼa.
Mootummoonni rakkina dinagdee garmalee dabalaa jiru kana furuu ykn fooyyessuu ni dandaʼuu?
Kitaabni Qulqulluun waaʼee bulchiinsa walcaalmaa dabalatee rakkina dinagdee hunda furuu dandaʼuu fi furu tokkoo ni ibsa. “Waaqni samii mootummaa,” jechuunis bulchiinsa dhimmoota lafa irraa hundumaa geggeessu tokko akka ‘hundeessu’ dubbata. (Daaniʼel 2:44) Yeroo Mootummaan sun addunyaa bulchutti, namni kamiyyuu hin irraanfatamu ykn hin dagatamu. (Faarfannaa 9:18) Mootummaan Waaqayyoo wanta gammadoo taʼuuf isaan barbaachisu hunda lammiilee isaatiif ni guuta. Hundi isaanii buʼaa gaarii jabaatanii hojjechuun isaaniif argamsiisutti ni gammadu.—Isaayyaas 65:21, 22.
a Gabaasa Mindaa Dhaabbata Hojii Biyyoolessaa 2022-23