Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kitaabni Qulqulluun Waraana Nuukileerii Ilaalchisee Maal Jedha?

Kitaabni Qulqulluun Waraana Nuukileerii Ilaalchisee Maal Jedha?

 Biyyoonni gurguddoo taʼan meeshaan nuukileerii isaan qaban dabalaa deemuun isaa addunyaan keenya waraana nuukileerii ilaalchisee sodaadhaan akka guutamtu godheera. Namoonni meeshaaleen nuukileerii dabalaa deemuun isaa carraa waraani nuukileerii kaʼuuf qabu akka dabalu yaadu. Akkasumas biyyi tokko nuukileerii humna xinnoo qabuttillee yoo fayyadame guutumaan guutuutti waraana nuukileerii addunyaa keenya balleessu kaasa jedhanii yaaddaʼu. Yaanni Bulletin of the Atomic Scientists jedhurratti baʼe tokko “yeroo kamiyyuu caalaa sodaa waraana nuukileeriitiin” guutame keessa akka jiraannu ibsa.

 Maarree waraanni nuukileerii ni kaʼaa? Taanaan, lafti keenya badiisa irraa ooltii laata? Waraana nuukileerii ilaalchisee dhiphina nutti dhagaaʼamu dandamachuu kan dandeenyu akkamitti? Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

Mata duree kana keessatti

 Kitaabni Qulqulluun waraanni nuukileerii akka gaʼu raajii dubbataa?

 Kitaabni Qulqulluun waaʼee waraana nuukileerii hin dubbatu. Haa taʼu malee, balaan waraana nuukileerii buʼaa ilaalchawwanii fi taʼeewwanii akka taʼe Kitaabni Qulqulluun raajii dubbata.

 Wantoota addunyaa irratti raawwatamaa jiran ilaalchisee wanta Caqasoonni Kitaaba Qulqulluu jedhan armaan gadii ilaali.

 Caqasoota Kitaaba Qulqulluu: Ergamoonni Yesuus akkas isaan jedhan: “Mallattoon argama keetii fi kan dhuma sirna kanaa maali dha?” Yesuus akkas jedhee deebise: “Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti ni kaʼa.”—Maatewos 24:3, 7.

 Taʼeewwan addunyaa: Biyyoonni meeshaa nuukileerii oomishuu dandaʼan yeroodhaa gara yerootti lola waraanaatiif kakaʼu.

 “Waggoota dhihoodhaa asitti addunyaan kun caalaatti hamminaan guutamaa jirti; walitti buʼiinsi garmalee dabalaa jira.”—The Armed Conflict Location & Event Data Project.

 Caqasa Kitaaba Qulqulluu: “Bara dhumaatti mootiin inni kibbaa [mootii isa kaabaa] wajjin wal ni dhiiba.”—Daaniʼel 11:40.

 Taʼeewwan addunyaa: Kitaabni Qulqulluun dursee akka dubbatetti biyyoonni wal dhiibanii fi deggertoonni isaanii olaantummaa argachuuf dhiibbaa cimaa godhu. Yeroo ammaa biyyoonni nuukileerii qaban gurguddoon kallattiidhaan kan wal lolan taʼuu baatus meeshaa kana caalaatti kuufachuu isaanii itti fufaniiru.

 “Waggaa kudhan darbanitti walitti buʼiinsi hedduun biyyoota gidduutti akka uumame akkasumas biyyoonni gurguddoon humna qaban biyyoota diina walii taʼan akka wal lolan yommuu deggeran argineerra.”—The Uppsala Conflict Data Program.

 Caqasoota Kitaaba Qulqulluu: “Guyyoota dhumaatti yeroon addaa baayʼee rakkisaa taʼe akka dhufu beeki. Namoonni . . . walii galuuf fedhii kan hin qabne, maqaa kan balleessan, kan of hin toʼanne, gara jabeeyyii.”—2 Ximotewos 3:1-3.

 Taʼeewwan addunyaa: Akkuma namoota hedduu kaanii hoggantoonni addunyaas yeroo baayʼee gidduu isaaniitti wal dhabdeen ni uumama. Garaagarummaa isaanii karaa naga qabeessa taʼeen hiikuu mannaa walitti buʼiinsa uumame wal sossodaachisuudhaan ykn humnaan hiikuuf yaalu. Tarkaanfiin akkasii waraana nuukileerii akka kaʼu gochuudhaan balaa uumuu dandaʼa.

 “Walii galanii hojjechuuf carraaqqiin hin godhamu taanaan, walitti buʼiinsi uumamu dabalaa deemuudhaan badiisa fiduu dandaʼa.”—Saamiir Saaraan fi Jaan Heerman, World Economic Forum.

 Waaqayyo waraanni nuukileerii akka gaʼu heyyamaa?

 Kitaabni Qulqulluun waaʼee kanaa hin dubbatu. Taʼus, “wantoonni nama sodaachisan” yeroo ammaatti akka raawwataman ni dubbata. (Luqaas 21:11) Atoomik boombiin Waraana Addunyaa Lammaffaatti buʼe raajii kanaaf fakkeenya taʼa. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo waraana maaliif akka heyyame ibsa. Kana ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, viidiyoo Waaqayyo Rakkinni Akka Jiraatu kan Heyyame Maaliifi? jedhamu ilaali

 Lafti badiisa irraa ooltii?

 Eeyyee! Namoonni meeshaa nuukileeriitti ammas yoo fayyadaman, Waaqayyo haalli jiru toʼannaadhaa ala taʼuudhaan addunyaan akka baddu hin heyyamu. Kitaabni Qulqulluun lafti badiisa irraa ooluu qofa utuu hin taʼin bakka ilmaan namootaa bara baraaf irra jiraatan akka taatu dubbata.

 “Lafti . . . bara baraaf jiraatti.”—Lallaba 1:4.

 “Inni lafa tolche, Uumaan ishii . . . bakka jireenyaa akka taatuuf malee akkanumaan ishii hin uumne.”—Isaayaas 45:18.

 Namoonni tokko tokko lafti gara fuulduraatti bakka namoonni muraasni lafa onaa faalama nuukileeriin geessise irraa ooluudhaan jiraachuuf waldhaansoo godhan kan taatu akka taʼe yaadu. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun sababa waraanaatiin badiisni akkamiiyyuu yoo gaʼe lafti deebitee akka haareffamtu ibsa.

 “Lafti onaanii fi lafti waxalamaan ni gammadu, gammoojjiin ni gammada, akkuma saafronittis ni daraara.”—Isaayaas 35:1.

Waaqayyo lafa bareedduu taaterra gammachuudhaan akka jiraannu barbaada

 Waaqayyo lafti haala dinqisiisaa taʼeen deebitee akka of ijaartu godhee uume. Akkasumas Waaqayyo humna isaatti fayyadamee lafa akka haaromsu beekna; bakka bareedduu ilmaan namootaa bara baraaf keessa jiraatanis ni taati.—Faarfannaa 37:11, 29; Mulʼata 21:5.

 Nuukileerii ilaalchisee dhiphina sitti dhagaaʼamu dandamachuu kan dandeessu akkamitti??

 Namoonni tokko tokko sodaa waraana nuukileerii fi miidhaa inni geessisuun kan kaʼe dhiphinni isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Abdiifi gorsi Kitaabni Qulqulluun kennu namooni haala kanaan dhiphatan sodaa isaanii hirʼisuuf gargaara. Akkamitti?

 Kitaabni Qulqulluun lafaafi warra ishii irra jiraataniif yeroon gammachiisaa taʼe akka dhufu dubbata. Waaʼee abdii kanaa baruun ‘akkuma qofoo dooniitti lubbuu qabee kan dhaabu’waan taʼeef dhiphina nuuf hirʼisa. (Ibroota 6:19) Akkasumas gara fuulduraatti maaltu raawwatama laata jennee yaadaan fudhatamuu irraa fagaachuudhaan dhiphina hirʼisuu dandeenya. Yesuus “guyyaan boruu yaaddoo mataa isaa qaba” jedheera.—Maatewos 6:34.

 Akka gaariitti yaaduu fi tasgabbii qabaannee jiraachuuf hundi keenya of kunuunsuun barbaachisaadha. Odeeffannoo madda dhiphinaa taʼan kanneen akka oduu, yaadawwan tilmaamaa, ibsa sadarkaa guddinni nuukileerii yeroo ammaa irra jiru tatamsaʼan dubbataman irraa fagaachuudhaan kana gochuu dandeenya. Akkas jechuun garuu haqa jiru haallee jiraanna jechuu miti. Kanaa mannaa, wantoota humna keenyaan ol taʼanii fi toʼachuu hin dandeenye akkasumas wanta raawwatamaa hin jirretti dhiphachuu irraa yaada keenya walaba gochuuf tarkaanfii fudhachuu qabna.

 “Yaaddoon garaa namaa keessa jiru gad isa qaba, dubbii gaariin garuu isa gammachiisa.”—Fakkeenya 12:25.

 Jireenya kee keessatti wantoota gaggaarii qabdurratti xiyyeeffachuudhaan oduuwwan gatii hin qabne irraa fagaadhu.

 “Isatti amanamuu keessaniin Waaqayyo inni abdii kennu gammachuu fi nagaa guddaadhaan isin haa guutu.”—Roomaa 15:13.

Kitaabni Qulqulluun gara fuulduraatti yeroo gaariin akka dhufu abdii mirkanaaʼaa kenna

 Waaʼee waadaa Waaqayyo kenne caalaatti barachuun abdii, gammachuu fi nagaa siif argamsiisa.

 Kitaabni Qulqulluun lolli nuukileerii Armaagedoon akka gaʼu dubbata?

 Namoonni tokko tokko Armaagedoon waraana nuukileerii akka taʼe yaadu. Kana kan yaadan badiisa guddaa geessisu irraa kaʼanii akka taʼe hin shakkisiisu.

 Haa taʼu malee Kitaabni Qulqulluun jecha “Armaagedoon” jedhu waraana “mootota guutummaa lafaa” fi Waaqayyo a gidduutti geggeeffamu akka taʼe ibsa. (Mulʼata 16:14, 16) Armaagedoon akkuma waraana nuukileerii badiisa dimshaashaa kan geessisu miti. Kanaa mannaa, waraana Armaagedoonitti Waaqayyo hamoota qofa kan balleessu yommuu taʼu kunis nagaa fi tasgabbiin akka jiraatu godha.—Faarfannaa 37:9, 10; Isaayaas 32:17, 18; Maatewos 6:10.

 Kitaabni Qulqulluun waraana ilaalchisee furmaata akkamii kenna?

 “Inni guutummaa lafaa irraa waraana ni balleessa. Iddaa ni cabsa, eeboos ni hurreessa; gaariiwwan fardaa waraanaas ibiddaan ni guba.”—Faarfannaa 46:9.

 Yihowaan b mootummoonni walitti buʼiinsa isaan godhan dhaabuu fi meeshaa waraanaa isaanii balleessuudhaan humna isaa argisiisa. Kanas Mootummaa isaa jechuunis bulchiinsi isaa inni samii guutummaatti lafa akka bulchu gochuudhaan kana raawwata.—Daaniʼel 2:44.

 Mootummaan Waaqayyoo namoonni nagaa fi walii galteedhaan akkamitti jiraachuu akka dandaʼan barsiisa. Guutummaa lafaarra kan jiraatu mootummaa tokko qofa waan taʼeef, mootummoota garagaraa gidduu waliigalteen dhiba jedhanii yaaddaʼuun hin jiru; namoonni waraanaa hin baratan. (Miikiyaas 4:1-3) Kun faayidaa akkamii argamsiisa? “Tokkoon tokkoon isaanii muka wayinii isaanii fi muka harbuu isaanii jala ni taaʼu, eenyu iyyuu isaan hin sodaachisu.”—Miikiyaas 4:4

a Mata duree “Waraanni Armaagedoon Maali Dha?” jedhu ilaali.

b Yihowaan maqaa Waaqayyo qofti ittiin waamamudha. (Faarfannaa 83:18) Mata duree “Yihowaan Eenyu Dha?” jedhu ilaali