DAMMAQINAAN EEGAA!
Haala Rakkisaa Keessatti Gammachuu Qabaachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
Yeroo rakkisaa taʼe kana keessatti wanta nurra gaʼu hunda toʼachuu hin dandeenyu. Haa taʼu malee, yeroo baayʼee gammachuun keenya haala keessa jirru caalaa ilaalcha keenyarratti hundaaʼa. Kitaabni Qulqulluun rakkinni jiraatus, “Namni garaa gammade qabu yeroo hunda affeerraa irra jira” jedha. (Fakkeenya 15:15) Maarree gammachuu keenya dabaluuf maal gochuu dandeenya? Gorsi Kitaaba Qulqulluu si fayyaduu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.
Yaaddoo dandamachuu
Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Yaaddoon garaa namaa keessa jiru gad isa qaba, dubbii gaariin garuu isa gammachiisa.”—Fakkeenya 12:25.
Kitaabni Qulqulluun garmalee akka hin yaaddofne si gargaara. Akkamitti akka si gargaaru beekuuf mataduree “Kitaabni Qulqulluun Yaaddoo Ilaalchisee Maal Jedha?” jedhu dubbisi.
Kophummaa dandamachuu
Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha.”—Fakkeenya 17:17.
Kitaabni Qulqulluun gorsa michummaa warra kaanii wajjin qabdu cimsachuudhaan kophummaa dandamachuuf si gargaaru qabateera. Mataduree, “Michummaa Uumuudhaan Kophummaa Dandamachuu—Kitaabni Qulqulluun Nu Gargaaruu kan Dandaʼu Akkamitti?” jedhu dubbisi.
Waaqayyoo fi namootaaf jaalala horadhu
Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaan jaalladhu. . . . Nama akka ofii keetti jaalladhu.” a—Maatewos 22:37-39.
Kadhannaan jaalala Waaqayyoof qabnu guddifachuuf nu gargaara. Caalaatti barachuuf mataduree “Waaqayyo Kadhannaa Keenya Ni Dhagaʼaa?” jedhu dubbisi.
Akkaataa warra kaan itti qabnurratti barumsa Yesuus barsiise hojiirra oolchuudhaan jaalala warra kaanitti argisiisna. Caalaatti barachuuf mataduree, “Seera Beekamaa Taʼe kan Jedhame Isa Kami Dha?” jedhu dubbisi.
Kitaabni Qulqulluun yeroo rakkisaa taʼe kanatti gammachuu qabaachuuf kan si gargaaru akkamitti akka taʼe baradhu. Akkas gochuuf akka si gargaaruuf barumsa Kitaaba Qulqulluu mareedhaan tola kennamu baradhu.
a Yihowaan maqaa Waaqayyo qofti ittiin waamamudha.—Faarfannaa 83:18.