Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dhukkuba Akka Tasaa Mudatu Dandamachuu

Dhukkuba Akka Tasaa Mudatu Dandamachuu

 Haalli fayyaa keetii akkuma tasaa hammaateeraa? Taanaan, rakkinni fayyaa karaa miiraas taʼe karaa maallaqaa miidhaa guddaa akka geessisu sii gala. Maarree, haala akkasii dandamachuuf maaltu si gargaara? Miseensa maatii keetii ykn michuu kee dhukkuba wajjin walʼaansoo gochaa jiru gargaaruu kan dandeessu akkamitti? Kitaabni Qulqulluun kitaaba yaalii fayyaa taʼuu baatus, qajeelfamoota gaggaarii haala rakkisaa dandamachuuf si gargaaran qabateera.

Gorsawwan dhukkuba dandamachuuf si gargaaran

  •   Yaalii fayyaa argachuuf yaali

     Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Namoota dhukkubsataniif malee, namoota fayyaadhaaf ogeessi fayyaa hin barbaachisu.”—Maatewos 9:12.

     Maal jechuudha? Yeroo barbaachisutti gargaarsa ogeeyyii yaalii fayyaa fudhadhu.

     Kana yaali: Yaalii fayyaa gaarii taʼe argachuuf yaali. Yeroo tokko tokko ogeeyyii yaalii fayyaa garaagaraa mariisisuun gaarii taʼuu dandaʼa. (Fakkeenya 14:15) Ifatti isaan haasofsiisi; wanta isaan siin jedhan hubachuu kee fi isaanis mallattoowwan sirratti mulʼatan sirriitti hubachuusaanii mirkaneeffadhu. (Fakkeenya 15:22) Filannaawwan yaalii fayyaa qabdu hunda dabalatee waaʼee dhukkuba keetii sirriitti beekuuf yaali. Wanta si mudatu beekuun kee karaa miiraa qophaaʼaa taʼuu fi yaalii fayyaa ilaalchisee murtoo gaarii gochuuf si gargaara.

  •   Barsiifata gaarii qabaadhu

     Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Leenjiin qaamaa wanta muraasaaf fayyada.”—1 Ximotewos 4:8.

     Maal jechuudha? Dhaabbataadhaan sochii qaamaa gochuu dabalatee barsiifata gaarii qabaachuun kee si fayyada.

     Kana yaali: Dhaabbataadhaan sochii qaamaa godhi, nyaata madaalamaa sooradhu, akkasumas hirriba gaʼaa argadhu. Rakkina fayyaa si mudaterratti hundooftee sirreeffama gochuun si barbaachisu kan dandaʼu taʼus, ogeessonni barsiifata gaarii qabaachuuf carraaqqii gochuun akka nama kiisu ni amanu. Dhugaadha, wanti gochuuf filattu kamiyyuu dhukkuba kee kan hammeessuu fi yaalii fayyaa siif godhamu wajjin kan wal faalleessu akka hin taane mirkaneeffachuu qabda.

  •   Gargaarsa warra kaanii fudhadhu

     Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha.”—Fakkeenya 17:17.

     Maal jechuudha? Michoonni kee haala ulfaataa taʼe akka dandamattu si gargaaruu dandaʼu.

     Kana yaali: Michuu amantuu fi miira sitti dhagaʼamu ifatti itti himuu dandeessu haasofsiisi. Akkas gochuun kee miira dhukkubichi sirraan geessise dandamachuuf si gargaaruu dandaʼa. Michoonnii fi miseensonni maatii kee karaawwan kan birootiinis si gargaaruu kan barbaadan taʼus, akkamitti si gargaaruu akka dandaʼan beekuu dhiisuu dandaʼu. Kanaafuu, gargaarsa akkamii akka barbaaddu ifatti isaanitti himi. Wanta isaanirraa eegdurratti ilaalcha madaalamaa qabaadhu, akkasumas yeroo hunda gargaarsa siif godhaniif isaan galateeffadhu. Haa taʼu malee, michoonni kee si gargaaruu kan barbaadan taʼus, wanti yeroo tokko tokko godhan si dhiphisuu waan dandaʼuuf, daangaa tokko tokko kaaʼuun, fakkeenyaaf, yoomii fi yeroo hammamiitiif akka si gaafatan murteessuun si barbaachisuu dandaʼa.

  •   Ilaalcha gaarii qabaadhu

     Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Garaan gammade qoricha gaarii dha, hafuurri cabe garuu humna namaa laaffisa.”—Fakkeenya 17:22.

     Maal jechuudha? Ilaalcha gaarii qabaachuun kee fi yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdii qabaachuun kee tasgabbaaʼuu fi yaaddoo dhukkubni kee sitti fidu dandamachuuf si gargaara.

     Kana yaali: Haala kee isa haaraa wajjin wal baraa yeroo deemtu, wanta toʼannaa keetii ala taʼerratti utuu hin taʼin, wanta gochuu dandeessurratti xiyyeeffadhu. Namoota kaan wajjinis taʼe haala dhukkubsachuu kee dura qabdu wajjin wal bira of hin qabin. (Galaatiyaa 6:4) Galmawwan irra gaʼuu dandeessu baafachuun kees yeroo gara fuulduraatiif ilaalcha gaarii qabaachuuf si gargaara. (Fakkeenya 24:10) Hamma haalli kee siif heyyame warra kaan gargaaruuf yaali. Gammachuun kennuudhaan argattu ilaalcha gaarii hin taane toʼachuuf si gargaara.—Hojii Ergamootaa 20:35.

Waaqayyo dhukkuba kee akka dandamattu si gargaaraa?

 Kitaabni Qulqulluun Yihowaan a dhukkuba kee akka dandamattu akka si gargaaru dubbata. Waaqayyo dinqiidhaan akka nu fayyisu eeguu baannus, namoonni isa waaqeffatan karaawwan armaan gadiitiin gargaarsasaa ni argatu:

 Nagaa. Yihowaan ‘nagaa isaa isa hubannaa hundumaa irra caalu’ nuuf kenna. (Filiphisiyus 4:6, 7) Nagaan kun, jechuunis tasgabbiin keessa keenyatti nutti dhagaʼamu dhiphinaan akka hin liqimfamne nu gargaara. Waaqayyo namoota kadhannaa isatti dhiheessanii fi yaaddoosaanii isatti himaniif nagaa kana ni kenna.—1 Pheexiros 5:7.

 Ogummaa. Yihowaan ogummaa murtoo gaarii gochuuf nu gargaaru nuuf kenna. (Yaaqoob 1:5) Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu isa yeroon itti hin dabarre kan barannuu fi hojiirra kan oolchinu yoo taʼe ogummaa akkasii ni arganna.

 Abdii nama jajjabeessu. Yihowaan yeroon namni “tokko illee, ‘Na dhukkuba’” itti hin jenne akka dhufu waadaa galeera. (Isaayyaas 33:24) Namoonni hedduun abdii akkasii qabaachuunsaanii yeroo dhukkubni baayʼee cimaa taʼe isaan mudatettillee ilaalcha gaarii qabaatanii itti fufuuf isaan gargaareera.—Ermiyaas 29:11, 12.

a Yihowaan maqaa Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamedha.—Faarfannaa 83:18.