Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

DAMMAQINAAN EEGAA!

Amantaa fi Waraana Yuukreenitti Geggeeffamaa Jiru Ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Amantaa fi Waraana Yuukreenitti Geggeeffamaa Jiru Ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

 Yaada geggeessitoonni amantaa beekamoon waraana Yuukreenitti geggeeffamaa jiru ilaalchisee dubbatan armaan gaditti ilaali:

  •   “Geggeessaan Waldaa Amantaa Ortodoksii Raashiyaa kan taʼan Paatriyaarik Kiriil weerara Raashiyaan goote ilaalchisee qeequu irraa duubatti jedhaniiru. . . . Waldaan isaanii waaʼee Yuukreen olola sobaa babalʼisuu isaa kan itti fufe yeroo taʼu, Puutiinis waraanni geggeessaa jiru sirrii akka taʼe argisiisuuf wanta isaan dubbachaa jiran kanatti fayyadameera.”—EUobserver, Bitootessa 7, 2022.

  •   “Paatriyaarikiin Kiriil  . . .  Raashiyaan Yuukreeniin weeraruun ishii carraaqqii cubbuu loluuf godhamu keessaa tokko akka taʼe ibsuudhaan sirrii akka taʼe dubbataniiru.”—AP News, Bitootessa 8, 2022.

  •   “Geggeessaan Waldaa Amantaa Ortodoksii Yuukreen kan taʼan Meetiroopolitaanii Kiiyav Ephifaaneyaas Tokkoffaan, ‘weerartoota Raashiyaa akka lolan’ namoota biyyattii guyyaa Wiixataa irratti eebbisaniiru  . . . akkasumas loltoota Raashiyaa ajjeesuun cubbuu akka hin taane dubbataniiru.”—Jerusalem Post, Bitootessa 16, 2022.

  •   “Nuti [Jaarmiyaa Waldaalee fi Dhaabbatawwan Amantaa Yuukreenii (UCCRO)] loltoota Yuukreen meeshaa hidhatanii jiranii fi warra nuuf lolan hunda ni deggerra, carraaqqii isaan weerartoota irraa nu eeguuf godhaniif isaan eebbisna, akkasumas kadhannaa isaaniif dhiheessina.”—UCCRO a Statement, Guraandhala 24, 2022.

 Maal sitti fakkaata? Amantaaleen Yesuus Kiristoosiin hordofna jedhan miseensonni isaanii waraana irratti akka hirmaatan jajjabeessuu qabuu? Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

Seenaa amantaan waraana deggaruu irratti qabu

 Yeroo baayʼee amantaan nagaa buusuuf kan hojjetu fakkaatee yeroo waraana heyyamu, sirrii akka taʼe dubbatuu fi waraanicha jajjabeessu seenaa keessatti mulʼateera. Waggoota hedduudhaaf Dhugaa Baatonni Yihowaa fakkeessaa amantaaleen garaa garaa gama kanaan argisiisan saaxilaa tureera. Fakkeenyota barreeffama keenya irratti caqasaman muraasa ilaali.

Amantaan Kiristiyaanaa waraana deggeruu qabaa?

 Wanta Yesuus Barsiise: “Nama akka ofii keetti jaalladhu.” (Maatewos 22:39) ‘Diinota keessan jaallachuu keessan itti fufaa.’—Maatewos 5:44-47.

 Mee yaadi: Amantaan tokko ajaja Yesuus jaalala akka argisiisnu kenne hojii irra akka oolchu dubbachaa miseensonni isaa waraana irratti namoota kaan akka ajjeesan jajjabeessuu dandaʼaa? Deebii kanaa argachuudhaaf mata dureewwan “Kiristiyaanota Dhugaa fi Waraana,” (Ingiliffaa) akkasumas “Diinota Keenya Jaalachuu ni Dandeenyaa?” (Amaariffa) jedhan dubbisi.

 Wanta Yesuus Barsiise: “Mootummaan koo kutaa addunyaa kanaa miti. Mootummaan koo kutaa addunyaa kanaa utuu taʼee, . . . dabarfamee akkan hin kennamneef tajaajiltoonni koo anaaf lolu turan.” (Yohaannis 18:36) “Warri goraadee luqqifatan hundi goraadeedhaan badu.”—Maatewos 26:47-52.

 Mee yaadi: Kiristiyaanonni Yesuusiif eegumsa gochuuf hin lolle; maarree warra kaan loluuf sababii qabuu? Kiristiyaanonni durii amanamummaadhaan fakkeenyaa fi barumsa Yesuus hordofuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe beekuuf mata duree “Kiristiyaanummaan Waraana ni Deggeraa?” jedhu dubbisi.

Amantaaleen waraana deggeran maaltu isaan eeggata?

 Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo amantaalee Yesuus duukaa buuna jechaa barumsa isaa hin hordofne akka balaaleffatu ni barsiisa.—Maatewos 7:21-23; Tiitoo 1:16.

  •   Kitaabni Mulʼataa akka argisiisutti Waaqayyo amantaalee akkasii “warra lafa irratti gorraʼaman hundumaaf” isaan gaafata. (Mulʼata 18:21, 24) Sababa isaa beekuuf, mata duree “Baabilon Guddittiin Eenyu Dha?” jedhu dubbisi.

  •   Akkuma mukti tortoree fi firii gadhee godhatu ‘muramee ibiddatti gatamu’ amantaaleen Waaqayyo biratti fudhatama hin qabne hundinuu gocha gadhee waan raawwataniif akka balleeffaman Yesuus ibseera. (Maatewos 7:15-20) Kun akkamitti akka raawwatamu beekuuf mata duree “Badiisni Amantii Sobaa Dhihaateera!” jedhu dubbisi.

Photo credits, left to right: Photo by Sefa Karacan/Anadolu Agency/Getty Images; Maxym Marusenko/NurPhoto via Getty Images

a Jaarmiyaa Waldaalee fi Dhaabbatawwan Amantaa Yuukreeniin (UCCRO), waldaalee amantaa Ortodoksii, Kaatolikii Giriikii fi Roomaa, Pirootestaantii fi hordoftoota amantaa Eveenjilikaalii tokko tokko bakka buʼan 15 kan of keessatti qabatee dha; akkasumas Yihudii fi Muuslimnis keessa jiru.