Michuu Yihowaa Taʼi

Viidiyoowwan animeeshiniidhaan qophaaʼanii fi waaʼee Kitaaba Qulqulluu ijoollee barsiisan daawwadhu ykn buufadhu.

Barumsa 1: Warra Keetiif Ajajami

Warra keetiif ajajamuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Viidiyoo kana ilaaluudhaan deebii isaa Kaaleebii wajjin baradhu.

Barumsa 2: Yihowaadhaaf Ajajami

Ashaangulliitii barbaanneen taphachuun keenya rakkina qabaa? Viidiyoo kana ilaaluudhaan Kaaleeb akkamitti michuu Yihowaa akka taʼe baradhu.

Barumsa 3: Yeroo Hundumaa Kadhadhu

Vidiyoon garagalfamuu dandaʼu kun, ijoolleen yoomii fi eessatti kadhachuu akka dandaʼan barsiisa.

Barumsa 4: Hatuun Sirrii Miti

Waaqayyo hannaaf ilaalcha akkamii qaba? Baʼuu 20:15 dubbisi. Viidiyicha ilaaluudhaan Kaalebii wajjin caalaatti baradhu.

Barumsa 5: Kottu Tajaajila Baanaa

Soofiyaan tajaajila baʼuuf qophoofteettii? Viidiyoo kana ilaalii atis ishee wajjin qophaaʼi.

Barumsa 6: Maaloo fi Galatoomi

Kaaleb jechoota kanatti fayyadamuun jijjiirama guddaa akka fidu barata.

Barumsa 8: Miʼawwan Kee Sirriitti Kaaʼi

Yihowaan wanta hunda iddoo iddoo isaa kaaʼe. Atis miʼawwan kee seeraan kaaʼachuu fi qulqulluu taʼuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baradhu!

Barumsa 9: ‘Wantoota Hundumaa Kan Uume Yihowaa Dha’

Waaqayyo jalqaba irratti maal akka uume beektaa? Duraa duuba wantoonni ittiin uumaman Kaalebii wajjin baradhu.

Barumsa 10: Arjaa Taʼi; Waan Qabdu Namaaf Hiri

Kaaleebii fi Soofiyaan kennaa isaanii waliif hiruudhaan caalaatti gammachuu akka argatan baradhu.

Barumsa 11: Dhiifama Godhi

Nama si mufachiisu tokko akkamitti qabuu qabda?

Barumsa 13: Yihowaan Akka Ati Hin Sodaanne Si Gargaara

Waaʼee Yihowaa namootatti himuu akka ati hin sodaanne maaltu si gargaara?

Barumsa 14: Deebii Deebisuuf Qophaaʼi

Wantoonni deebii walgaʼii irratti deebistu qophaaʼuuf si gargaaran afur maali dha?

Barumsa 15: Walgaʼii Irratti Sirriitti Dhaggeeffadhu

Walgaʼii irratti sirriitti dhaggeeffachuu fi barachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

Barumsa 16: Afaan Biyya Alaatiin Lallabuu

Nama afaan kee hin beekne tokkotti misiraachicha himuu kan dandeessu akkamitti?

Barumsa 17: Ijoollee Keessan Eegaa

Kaalebii fi Soofiyaan yaada gaarii taʼe waan argataniif eegumsa argataniiru.

Barumsa 18: Mana Yihowaatiif Ulfina Kenni

Mana Yihowaan keessatti waaqeffatamuuf ulfina kennuu kan dandeessu akkamitti?

Barumsa 19: Arjaa Taʼi

Sabni Yihowaa arjaa taʼuun isaanii maalfaa argamsiise?

Barumsa 20: Dhugaa Isaa Dubbadhu

Yeroo hunda dhugaa dubbachuu kan qabdu maaliifi?

Barumsa 21: Obsa Qabaadhu!

Viidiyoo wanta kaaleb obsa akka qabaatuuf isa gargaare argisiisu ilaali.

Barumsa 22: Dhiira Tokkoo fi Dubartii Tokko

Ulaagaan Waaqayyo gaaʼelaaf baasee maalii dha? Barbaachisaa kan taʼee hoo maaliifi?

Barumsa 23: Maqaa Yihowaa

Hiika maqaa Waaqayyoo beektaa?

Barumsa 24: Yihowaan Wantoota Hunda Bareechee Uume

Yihowaan wantoota nama dinqisiisan hedduu uumeera! Isin hoo isa kam jaallattu?

Barumsa 25: Michoota Horachuu

Gumii keessatti namoota akkamiitu michoota kee taʼuu dandaʼa?

Barumsa 26: Furicha

Aarsaan furii Yesuus yeroo ammatti kan nu gargaaru akkamitti?

Barumsa 27: Jannata Keessa Akka Galte Godhii Yaadi

Addunyaa haaraa keessatti of ilaaltee beektaa?

Barumsa 29: Gad Of Qabi

Kaaleb gad of qabuun maal akka taʼe barateera.

Barumsa 31:Mana Yihowaatiif Jaalala Qabaadhu

Galma Walgaʼii qulqulleessuu irratti ni hirmaattaa?

Barumsa 32: Tajaajilaaf Akka Gaariitti Qophaaʼi

Tajaajila baʼuu kee dura tarkaanfii fudhattu sadii barachuu qabda.

Barumsa 33: Yihowaa Gammachiisi

Wanti guyyaa guyyaadhaan raawwattu garaa Yihowaa ciibsuu ni dandaʼa.

Barumsa 34: Namoota Gargaaruu

Balaan yeroo uumamutti gargaarsa akkamii gochuu dandeessa?

Beeksisa Viidiyoo “Michuu Yihowaa Taʼi” Jedhuu: Yihowaan Kadhannaa ni Dhagaʼa

Yihowaan kadhannaa Soofiyaatiif deebii kan kenne akkamitti akka taʼe ilaali.

Barumsa 43: Yihowaan Kadhannaa ni Dhagaʼa

Yihowaan akka si gargaaru kadhachuu dandeessa; innis si dhagaʼa.

Barumsa 44: Abdii hin Kutatin

Namoonni misiraachicha dhagaʼuu yeroo didanitti maaltu sitti dhagaʼama? Wanta Kaalebii fi Soofiyaan godhan ilaali.

Barumsa 45: Waaqa hin Argineef Maaliif Ajajamna?

Waaqa kan hin argine taʼu illee kan isaaf ajajamnu maaliifi? Soofiyaan gaaffii kanaaf deebii akkamii akka kennite ilaali.

Beeksisa Viidiyoo Michuu Yihowaa Taʼi Jedhuu: Nama Akkamiin Michuu Godhachuu Qaba?

Soofiyaan michuu haaraa kan argattu akkamitti akka taʼe ilaali.

Barumsa 47: Nama Akkamiin Michuu Godhachuu Qaba?

Yihowaan michoota akka argattu barbaada, garuu michoota gaarii akkamitti argatta?

Babalʼisaa hin Cuuphamne Taʼuu

Kaaleb waaʼee babalʼisaa hin cuuphamne taʼuu barateera.

Ulaagaalee Cuuphaa

Soofiyaan ulaagaalee cuuphaaf ishii qopheessan barachaa jirti.

Yihowaan Iddoo Guddaa Siif Kenna

Zoyiin akkuma Yesuus, Yihowaa duratti iddoo guddaa qabaachuu akka dandeessu baratteetti.

Yihowaan Abbaa Keenyadha

Yihowaan akkuma abbaa si dhaggeeffatuu fi si kunuunsuuti.

Waaqayyotu Guddisa

Kitaaba Qulqulluu nama qoʼachiisuun si sodaachisaa? Yihowaan si gargaara!

Gocha Jaalalaa Hundarra Caalu

Aarsaan Yesuus kennaa hundarra caaludha kan jennu maaliif akka taʼe ilaali.