KUTAA 16
Masiihichi Ni Dhufe
Yihowaan, Yesus namni Naazireet, Masiihicha isa yeroo dheeraa dura abdachiifame akka ta’e ibse
YIHOWAAN, namoonni eenyummaa Masiihicha abdachiifamee akka hubatan ni gargaaraa? Eeyyee. Waaqayyo maal akka godhe ilaali. Caaffanni Qulqullaa’oon afaan Ibrootaa, barreeffamanii erga xumuramanii gara jaarraa afurii ta’eera. Magaalaa Naazireet ishee kaaba Galiilaa jirtutti, shamarreen Maariyaam jedhamtu ergaa nama ajaa’ibsiisu dhageesse. Ergamaan Gabri’el jedhamu garashee dhaqee, isheen durba taatus, hafuurri ykn humni Waaqayyoo ilma akka deessu akka ishee godhu itti hime. Ilmi kun, Mootii yeroo dheeraa dura abdachiifame si’a ta’u, barabaraafis ni bulcha. Mucaan kun, Ilma Waaqayyoo ennaa ta’u, Waaqayyo lubbuu mucaa kanaa samiirraa gara gadameessa Maariyaamitti naannessa.
Maariyaam gad of deebisuudhaan, hojii ulfina qabeessa ta’e kanaaf of dhiheessite. Waaqayyo, Maariyaam akkamitti akka ulfoofte karaa ergamaasaa erga itti himee booda, kaadhimnishee inni muka sooftuu ta’e Yoseef ishee fuudhe. Raajiin Masiihichi Betlihemitti akka dhalatu dubbatame kan raawwatame akkamitti? (Miikiyaas 5:2) Magaalaan xinnoon kun, Naazireetirra gara kiilomeetira 140 fagaatti.
Bulchaan warra Roomaa, namoonni akka lakkaa’aman labsii baase. Namoonni biyya itti dhalatanitti galmeeffamuu qabu turan. Yoseefis ta’e Maariyaam namoota Betlihem waan ta’aniif, Yoseef haadha manaasaa ishee ulfa turte fudhatee achi dhaqe. (Luqaas 2:3) Maariyaamis moonaa keessatti deessee, mucicha siree horiin irraa nyaatan keessa ciibsite. Waaqayyo ergamaa tokko ergee, mucaan reefuu dhalate kun Masiihicha abdachiifame ykn Kiristos ta’uusa warra gaararratti hoolotasaanii tiksaa turanitti akka himu godhe.
Yeroo booda warri kaanis, Yesus Masiihicha abdachiifame ta’uusaa mirkaneeffataniiru. Isaayaas raajichi, namni hojii barbaachisaa Masiihichi raawwatuuf karaa tolchu tokko akka ka’u raajii dubbatee ture. (Isaayaas 40:3) Inni Masiihichaaf karaa tolche Yohannis Cuuphaa ture. Yohannis yommuu Yesusiin argu, “Ilaa hoolicha Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu” jedhee dubbate. Bartoota Yohannis keessaa tokko tokko, yeruma sana Yesus duukaa bu’an. Isaan keessaa tokko, “Masiihicha arganneerra” jedhe.—Yohannis 1:29, 36, 41.
Ragaan Yesus Masiihii ta’uusaa argisiisu garabiraanis jira. Yommuu Yohannis Yesusiin cuuphu, Yihowaan samiirraa dubbatee ture. Yihowaan, “Inni kun ilma koo isa jaallatamaa dha, gammachuun koos isatti in raawwatama” jedhee hafuura qulqulluutti fayyadamee erga dubbatee booda, Yesusiin Masiihii godhee muudeera. (Maatewos 3:16, 17) Masiihichi yeroo dheeraa dura abdachiifame ni dhufe!
Masiihichi kan dhufe yoomi? Waggoonni 483 Daani’el raajiidhaan dubbate yommuu xumuraman, jechuunis Dh.K.B. bara 29tti ture. Eeyyee, kun ragaawwan Yesus Masiihii ykn Kiristos ta’uusaa argisiisan keessaa muraasasaaniiti. Haata’u malee, Masiihichi yeroo lafarra ture ergaa akkamii labse?
—Maatewos boqonnaa 1 hanga 3; Maarqos boqonnaa 1; Luqaas boqonnaa 2 fi Yohannis boqonnaa 1rratti kan hundaa’e.