Yoonaas 1:1-17
1 Dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Yoonaas* ilma Amitaay ni dhufe:+
2 “Kaʼi, gara Nanawwee magaalaa guddittii dhaqiitii+ ishii irratti murtii labsi; sababiin isaas, ani hammina jiraattota ishii argeera.”
3 Yoonaas garuu Yihowaa duraa gara Tarshiishitti baqachuuf kaʼe; gara Yoopheetti gad buʼee doonii gara Tarshiish dhaqu argate. Kanaafuu, inni gatii geejjibaa kaffalee Yihowaa duraa baqatee isaanii wajjin gara Tarshiish dhaquuf doonicha yaabbate.
4 Achiis Yihowaan galaanicha irratti bubbee cimaa ni kaase; obomboleettiin sun baayʼee cimaa taʼuu isaatiin kan kaʼe doonichi caccabuu jala gaʼe.
5 Warri doonicha irraa hojjetanis baayʼee waan sodaataniif, tokkoon tokkoon isaanii waaqa isaanii waammachuu jalqaban. Achiis baʼaa isaa salphisuuf jedhanii miʼawwan doonicha irra jiran gara galaanichaatti daddarbachuu jalqaban.+ Yoonaas garuu gara kutaa doonichaa isa keessaatti* gad buʼee achi ciise; hirribni cimaanis isa fudhatee ture.
6 Ajajaan doonichaas gara isaa dhaqee, “Maaliif rafta? Kaʼiitii gara waaqa keetti iyyi! Tarii Waaqni dhugaan nuuf yaadee, badiisa irraa nu oolcha taʼa”+ isaan jedhe.
7 Achiis isaan, “Kottaa, balaa kanaaf abbaa itti gaafatamu beekuuf carraa haa buufannu”+ waliin jedhan. Kanaafuu, isaan carraa buufatan; carraan sunis Yoonaas irra buʼe.+
8 Isaanis, “Maaloo nutti himi, balaa nu irra gaʼe kanaaf eenyutu itti gaafatama? Hojiin kee maali dha? Eessaa dhufte? Biyyi kee eessa? Saba kam keessaa dhufte?” isaan jedhan.
9 Innis, “Ani Ibricha; Yihowaa Waaqa samiiwwanii, isa galaanaa fi lafa gogaa uume sanan waaqeffadha”* jedhe.
10 Yeroo kanatti namoonni sun caalaatti sodaatan; sababiin isaas, inni Yihowaa duraa baqachaa akka jiru isaanitti himee ture. Isaanis, “Wanti ati goote kun maali dha?” jedhanii isa gaafatan.
11 Obomboleettiin sun caalaatti hammaachaa waan deemeef, isaan, “Galaanichi akka nuuf tasgabbaaʼuuf maal si goonu ree?” isaan jedhan.
12 Innis, “Fuudhaatii galaanichatti na darbadhaa; galaanichis isiniif tasgabbaaʼa; obomboleettii hamaan kun kan isinitti dhufe sababii kootiin akka taʼe ani beekeera” jedhee deebise.
13 Haa taʼu malee, namoonni sun doonicha gara lafa gogaatti deebisuuf cimsanii ni oofan;* taʼus, obomboleettiin sun caalaatti isaanitti hammaachaa waan deemeef hin dandeenye.
14 Achiis, “Yaa Yihowaa, maaloo, sababa namicha kanaatiin* nu hin balleessin! Yaa Yihowaa, ati akka fedhii kee waan gooteef, dhiiga qulqulluudhaaf akka itti gaafatamnu hin godhin” jedhanii gara Yihowaatti iyyan.
15 Achiis isaan Yoonaasiin fuudhanii galaanichatti darbatan; galaanichis jeeqamuu isaa ni dhiise.
16 Yeroo kanatti namoonni sun Yihowaa baayʼee sodaatan;+ achiis Yihowaadhaaf aarsaa ni dhiheessan; wareegas ni wareegan.
17 Yihowaanis Yoonaasiin akka liqimsuuf qurxummii guddaa tokko erge; Yoonaasis guyyaa sadii fi halkan sadiif garaa qurxummii sanaa keessa ture.+
Miiljaleewwan
^ “Gugee ykn Andarii” jechuu dha.
^ Ykn., “jalaatti.”
^ Kal., “sodaadha.”
^ Ykn., “keessa baʼuuf carraaqqii ni godhan.”
^ Ykn., “lubbuu namicha kanaatiin.”