Leewwota 12:1-8

  • Sirna qulqullaaʼuu daʼumsa booda raawwatamu (1-8)

12  Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 2  “Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Dubartiin takka ulfooftee dhiira yoo deesse, akkuma xuraaʼummaa yeroo laguu irra jirtuutti guyyaa torbaaf kan xuroofte ni taati.+ 3  Mucichis guyyaa saddeettaffaatti dhaqna haa qabamu.+ 4  Ishiin guyyoota 33 sana booda jiraniif dhiiga sana irraa of qulqulleessuu ishii itti haa fuftu. Hamma guyyoota itti qulqullooftu sana xumurtuttis wanta qulqulluu akkamii iyyuu akka hin tuqne; gara iddoo qulqulluuttis akka hin seenne. 5  “‘Durba yoo deesse immoo, akkuma yeroo laguu irra jirtuutti guyyaa 14f kan xuroofte taati. Guyyoota 66 sana booda jiraniif dhiiga sana irraa of qulqulleessuu ishii itti haa fuftu. 6  Ishiin ilma yookiin intala deessee yeroon itti qulqullooftu yommuu xumuramutti, aarsaa gubamuuf+ akka taʼutti xobbaallaa hoolaa gara waggaa tokkoo taʼe tokko, aarsaa cubbuutiif akka taʼutti immoo gugee bosonaa yookiin cuucii gugee tokko gara balbala dunkaana walgaʼiitti gara lubichatti fiddi. 7  Innis Yihowaa duratti isa dhiheessee araara ishiidhaaf ni argamsiisa; ishiinis dhiiga ishii isa dhangalaʼu irraa ni qulqulloofti. Seerri dubartii ilma yookiin intala deesse ilaalchisee kenname kana dha. 8  Ishiin hoolaa dhiheessuu hin dandeessu yoo taʼe garuu, gugee bosonaa lama yookiin cuucii gugee lama,+ isa tokko aarsaa gubamuuf isa tokko immoo aarsaa cubbuutiif haa fiddu; lubichis araara ishiidhaaf ni argamsiisa; ishiinis qulqulluu taati.’”

Miiljaleewwan