Lakkoofsa 21:1-35

  • Mootiin Aaraad ni moʼame (1-3)

  • Bofa sibiila diimaa (4-9)

  • Israaʼel naannoowwan daangaa Moʼaab biratti argaman keessa ni deeme (10-20)

  • Sihoon mootiin Amoorotaa ni moʼame (21-30)

  • Oog mootiin Amoorotaa ni moʼame (31-35)

21  Mootiin Aaraad+ inni nama biyya Kanaʼaan taʼee fi Negeeb keessa jiraatu Israaʼel karaa Ataariim dhufuu isaa yommuu dhagaʼu, Israaʼeliin haleelee isaan keessaa muraasa boojiʼee fudhate.  Kanaan kan kaʼes Israaʼel, “Ati saba kana harka kootti dabarsitee yoo kennite, ani mamii tokko malee magaalota isaanii haxaaʼee nan balleessa” jedhee Yihowaadhaaf wareega wareege.  Yihowaanis sagalee Israaʼel dhagaʼee Kanaʼaanota dabarsee isaanitti ni kenne; isaanis Kanaʼaanotaa fi magaalota isaanii haxaaʼanii ni balleessan. Kanaan kan kaʼes isaan maqaa iddoo sanaa Hoormaa*+ jedhanii moggaasan.  Isaanis biyya Edoom+ irra naannaʼanii deemuuf Gaara Hoor+ irraa kaʼanii karaa Galaana Diimaatiin deemuu isaanii itti fufan; kanaafuu, sabichi* adeemsa sanaan kan kaʼe ni butute.  Achiis sabichi, “Isin lafa onaa keessatti akka duunuuf biyya Gibxii keessaa kan nu baastan maaliifi? Nyaannis taʼe bishaan hin jiru;+ nyaata tuffatamaa kana jibbineerra”*+ jechuudhaan irra deddeebiʼee Waaqayyoo fi Musee mormee dubbate.+  Kanaan kan kaʼes, Yihowaan bofawwan summii qaban* sabicha gidduutti ni erge; isaan sabicha waan hiddaniif Israaʼelonni hedduun ni duʼan.+  Kanaafuu, sabichi gara Musee dhufee, “Nuti Yihowaa fi siin morminee dubbachuudhaan cubbuu raawwanneerra.+ Bofawwan kana akka nu irraa balleessuuf Yihowaa nuuf kadhadhu” jedhe. Museenis sabicha bakka buʼee ni kadhate.+  Achiis Yihowaan Museedhaan, “Bifa bofa summii qabu* tokkoo tolchiitii utubaa irratti fannisi. Namni hiddame kam iyyuu akka hin duuneef isa ilaaluu qaba” jedhe.  Museenis yeruma sana sibiila diimaa irraa bofa tokko tolchee+ utubaa irratti fannise;+ namni tokko yommuu bofaan hiddamu hundumaatti bofa sibiila diimaa irraa tolfame sana ni ilaala, lubbuudhaanis ni oola ture.+ 10  Sana booda Israaʼelonni achii baʼanii Oboot keessa buufatan.+ 11  Achiis Oboot keessaa baʼanii kallattii bahaatiin lafa onaa Moʼaab fuullee jiru keessa, jechuunis Iyee Abaarim keessa buufatan.+ 12  Achii baʼanii Sulula* Zereed bira buufatan.+ 13  Achii baʼanii naannoo Arnoon+ isa lafa onaa hamma daangaa Amoorotaatti fagaatu keessatti argamu keessa buufatan; sababiin isaas, Arnoon daangaa Moʼaab ishii Moʼaabii fi Amoorota gidduutti argamtu dha. 14  Kitaabni waaʼee Waraanawwan Yihowaa dubbatu akkana kan jedhu kanaafi: “Waaheb ishii Suufaa keessatti argamtuu fi sululawwan* Arnoon, 15  akkasumas irraan gadee* sululawwanii* isa hamma ganda Aaritti fagaatuu fi daangaa Moʼaab bira gaʼu.” 16  Achiis gara Beʼeeritti ni qajeelan. Kun boolla bishaanii isa Yihowaan waaʼee isaa Museedhaan, “Sabicha walitti qabi; anis bishaan isaaniif nan kenna” jedhe sana dha. 17  Yeroo kanatti Israaʼel faarfannaa kana ni faarfate: “Yaa boolla bishaanii nana, burqi! Isinis isaaf deebisaa!* 18  Boolla bishaanii bulchitoonni qotan, guguddoonni sabichaa soqan,Isa ulee ajajaatiin, uleewwan ofii isaaniitiinis qotan.” Achiis isaan lafa onaa sana keessaa gara Maataanaatti qajeelan; 19  Maataanaa irraa gara Nahaaliʼelitti, Nahaaliʼel irraa immoo gara Baamotitti+ qajeelan. 20  Baamot irraa gara sulula naannoo* Moʼaab+ keessa fiixee Phisgaa+ irra jiruu fi Yeshiimon* fuulleetti+ argamutti ni qajeelan. 21  Achiis Israaʼel akkana jechuudhaan Sihoon isa mootii Amoorotaa taʼetti ergamtoota erge:+ 22  “Biyya kee keessa akka darbinu nuuf heyyami. Maasii midhaanii yookiin maasii wayinii kamitti iyyuu hin gorru. Boolla bishaanii kam iyyuu keessaa bishaan hin dhugnu. Hamma biyya kee keessaa baanutti Daandii Mootichaa qabannee deemna.”+ 23  Sihoon garuu Israaʼel biyya isaa keessa akka darbu isaaf hin heyyamne. Kanaa mannaa, Sihoon namoota isaa hundumaa walitti qabee Israaʼeliin waraanuuf gara lafa onaatti baʼe; achiis gara Yaahaaz dhaqee Israaʼeliin loluu jalqabe.+ 24  Haa taʼu malee, Israaʼel goraadeedhaan isa moʼee,+ Arnoonii jalqabee+ hamma Yaaboq+ isa naannoo Amoonotaa bira jiruutti lafa isaa ni dhaale;+ taʼus Yaazeer+ daangaa Amoonotaa+ irra waan jirtuuf ishii bira hin darbine. 25  Kanaan kan kaʼes, Israaʼel magaalota kana hundumaa ni fudhate; isaan Heshboonii fi magaalota ishii jalatti* argaman dabalatee, magaalota Amoorotaa+ hundumaa keessa jiraachuu jalqaban. 26  Sababiin isaas, Heshboon magaalaa Sihoon isa mootii Amoorotaa taʼe sanaa turte; inni mootii Moʼaabii wajjin wal lolee hamma Arnoonitti guutummaa biyya isaa isa irraa fudhatee ture. 27  Jechamni qoosaa akkana jedhu kan jalqabe kanaaf ture: “Gara Heshboon kottaa. Magaalaan Sihoon haa ijaaramtu; cimtees haa dhaabbattu. 28  Sababiin isaas, Heshboon keessaa ibiddi, magaalaa Sihoon keessaas laboobni baʼeera. Innis Aar ishii Moʼaab, gooftolii iddoowwan ol kaʼoo Arnoonis nyaateera. 29  Yaa Moʼaab, siif wayyoo! Yaa namoota Kemoosh,+ isin ni balleeffamtu! Inni ilmaan isaa baqattoota, ijoollee durbaa isaas boojiʼamtoota Sihoon mootii Amoorotaa godheera. 30  Kottaa xiyya isaanitti haa darbannu;Heshboon hamma Diboonitti+ ni balleeffamti;Kottaa hamma Nofaatti ishii haa onsinu;Ibiddi hamma Medebaatti+ ni babalʼata.” 31  Akka kanaan, Israaʼel biyya Amoorotaa keessa jiraachuu jalqabe. 32  Achiis Museen Yaazeeriin akka basaasaniif namoota muraasa ni erge.+ Isaanis magaalota ishii jalatti* argaman ni qabatan; Amoorota achi turanis ni ariʼan. 33  Sana booda deebiʼanii karaa Baashaanitti geessu qabatanii ol ni baʼan. Oog+ mootiin Baashaanis namoota isaa hundumaa qabatee Edraayitti isaan waraanuuf gad baʼe.+ 34  Yihowaanis Museedhaan, “Ani isas taʼe saba isaa hundumaa, akkasumas biyya isaa harka keetti dabarsee waanan kennuuf+ isa hin sodaatin;+ atis wantuma Sihoon mootii Amoorotaa isa Heshboon keessa jiraachaa ture irratti goote isa irrattis ni goota” jedhe.+ 35  Kanaafuu, isaan saba isaa keessaa nama tokko illee utuu hin hambisin isa, ilmaan isaa fi namoota isaa hundumaa ni rukutan;+ biyya isaas ni dhaalan.+

Miiljaleewwan

“Badiisaaf Adda kan Baafame” jechuu dha.
Ykn., “lubbuun sabichaa.”
Ykn., “lubbuun keenya jibbiteetti.”
Ykn., “guban.”
Ykn., “gubu.”
Ykn., “Laga Gogaa.”
Ykn., “lageen gogaa.”
Kal., “afaan.”
Ykn., “lageen gogaa.”
Ykn., “faarfadhaa.”
Kal., “dirree.”
Ykn tarii, “gammoojjii sana; lafa onaa sana.”
Ykn., “naannoo ishiitti.”
Ykn., “naannoo ishiitti.”