Iyyoob 26:1-14
26 Iyyoob akkana jedhee deebise:
2 “Ati isa humna hin qabne akkam gargaarte!
Irree jabina hin qabne akkam oolchite!+
3 Nama ogummaan itti hirʼateef gorsa guddaa akkamii kennite!+
Ogummaa* kee akkam baayʼistee mulʼiste!
4 Ati eenyutti dubbachuuf yaalaa jirta?
Wantoota akkanaa akka dubbattu kan si kakaase hoo eenyu?*
5 Warri duʼaan moʼaman ni hollatu;Isaan bishaanotaa fi wantoota isaan keessa jiraatan irraa illee gad dha.
6 Awwaalli* Waaqayyo* duratti qullaa dha,+Iddoon badiisaas* isa duratti kan hin golgamne dha.
7 Inni samii isa kaabaa* iddoo duwwaa irra ni diriirse,+Lafas homtuu utuu jala hin jiraatin ni rarraase;
8 Duumessoonni ulfaatina isaaniitiin kan kaʼe akka hin tarsaanetti,Inni bishaanota duumessoota isaa keessatti ni mara;+
9 Duumessa isaa isa irratti diriirsuudhaan,Teessoon isaa akka hin mulʼanne godha.+
10 Inni bishaanotaa fi samii gidduu daangaa* ni kaaʼe;+Ifaa fi dukkana gidduus daangaa ni kaaʼe.
11 Utubaawwan samii ni raafamu;Isaan dheekkamsa isaatiin ni naʼu.
12 Inni humna isaatiin galaana ni warraaqsa,+Hubannaa isaatiinis uumama galaanaa guddaa* ni caccabsa.+
13 Hafuura* isaatiin samiin qulqulluu akka taʼu godha;Harki isaas bofa qabamuu hin dandeenye* ni waraana.
14 Kunoo, wantoonni kun fiixee daandiiwwan isaa qofa dha;+Waaʼeen isaa kan dhagaʼame hasaasa xinnoo qofa dha!
Egaa, kakawwee isaa isa jabaa eenyutu hubachuu dandaʼa?”+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “Dandeettii yaaduu.”
^ Kal., “Hafuura eenyuutu si keessaa baʼaa jira?”
^ Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Kal., “isa.”
^ Ykn., “Abaadoonis.”
^ Kal., “kaaba.”
^ Kal., “geengoo.”
^ Kal., “Rahaabiin.”
^ Ykn., “Bubbee.”
^ Ykn., “loʼu.”