Faarfannaa 98:1-9

  • Yihowaan Fayyisaa fi Abbaa Murtii qajeelaa dha

    • Yihowaan akka fayyisu beeksifame (2, 3)

Faarfannaa. 98  Wantoota dinqisiisoo waan raawwateef,+Yihowaadhaaf faarfannaa haaraa faarfadhaa.+ Harki isaa inni mirgaa, irreen isaa inni qulqulluun fayyina argamsiiseera.*+   Yihowaan fayyisuu isaa beeksiseera;+Saboota duratti qajeelummaa isaa mulʼiseera.+   Jaalala amanamaa fi amanamummaa mana Israaʼelitti argisiisuuf waadaa gale yaadateera.+ Guutummaan andaara lafaa fayyina Waaqni keenya fidu* arganiiru.+   Guutummaan lafaa, miira injifannootiin Yihowaadhaaf ililchaa. Gammadaa, ililchaa, faarfannaa galataas faarfadhaa.*+   Yihowaadhaaf baganaadhaan faarfannaa galataa faarfadhaa,*Baganaadhaan, faarfannaa namatti toluunis isaaf faarfadhaa.   Malakataa fi sagalee xurumbaatiin+Yihowaa isa Mootii taʼe duratti miira injifannootiin iyyaa.   Galaannii fi wantoonni achi keessa guutan hundi,Laftii* fi warri ishii irra jiraatanis haa kakawweessaʼan.   Lageen harka isaanii walitti haa rukutan;Gaaronnis waliin haa ililchan.+   Inni lafa irratti murtii kennuuf waan dhufuuf* Yihowaa duratti haa ililchan. Inni addunyaa* irratti qajeelummaadhaan,Namoota irrattis haqaan murtii ni kenna.+

Miiljaleewwan

Ykn., “injifannoo isaaf argamsiiseera.”
Ykn., “injifannoo Waaqa keenyaa.”
Ykn., “muuziqaas qopheessaa.”
Ykn., “muuziqaa qopheessaa.”
Ykn., “Lafti oomisha kennituu.”
Ykn., “waan dhufeef.”
Ykn., “Lafa oomisha kennitu.”